Teekinolojii: Barattuu 'koodingi' ganna shanii Saaleemii fi barsiisaa ishee Naataan

Naataan Daamxoo fi Saalem Biruuk

Madda suuraa, Nathan Damtew

Ibsa waa'ee suuraa, Naataan Daamxoo fi Saalem Biruuk
Maxxanfame

Qubni harkashee herrega kompiiteraa hojjechuu dhiisiitii maawuzii kompiiteraayyuu sirreesitee qabachuuf hin geenye.

Saaleem Biruuk jedhamti. Umuriin ishee ganna shanidha. Abbaa fi haati ishee gara barnoota koodiingiitti yeroo ishee ergan ''xiqqoodha, harki ishees xinnoodha, maawuzii akkamiin qabatti? Kiiboordii akkamiin to'achuu dandeessi?'' jedhanii turan.

Namni hunduu koodiingii barachuu dandaha kan jedhu barsiisaan koodiingii Naataan balbala irratti ishee simate.

Saaleem maatii fi barsiisota isheeyyuu haala raajeffachiiseen barnoota koodiingi bu'uuraa sirriitti baratte.

Sarara koodiingii 2,000 barreessitee, qormaata koodiingii 50 tahuuf deebii kennitee Gidduugala Koodiingii Yenetaatii eebbifamte.

Hundeessaan yenetaa fi barsiisaan kompiyuuter pirogiraamiingii Naataan barattoota barsiise keessaa umuriidhaan ishee xiqqoon Saaleemidha.

Haa tahu malee Saaleem waa'ee koodiingii maal yaaddi? jennee harmee ishee Kokebiif yoo bilbillu, daa'ima ganna shanii haasofsiisuun salphaa tahuu baatus bilbila harmee isheen dubbisnaan akkas jettee deebiste.

Saalem Biruuk

Madda suuraa, Nathan Damtew

Ibsa waa'ee suuraa, Saalem Biruuk
line

Saalem fayyaakeetii?

Fayyaa

Gaazexessaadha. Gaaffii si gaafadhuu?

Tole

Koodiingii baratteetta mitii?

Eeyyee

Maal si barsiisan?

Xiyya fayyadamtee gara Kaabaa, gara Bahaa gara Lixaa deemuu nu barsiisan...gara bitaa deemuu yoo nu barbaachise gara bitaarra keenya gara mirgaa deemuu yoo nu barbaachise gara mirgaa irra keenya.

Koodiingii jaallattaa?

Eeyyee! Iskiraachiis nan jaalladha.

Iskiraachiin maalinni mee, natti himi

Koodingii waliin walitti dhufa. Socho'uu yoo barbaadde 'GO' kan jedhu jira. Isa yoo tuqxu ni deema. Yoo dhaabuu barbaadde ammoo bakka diimaatu jira. Isa tuqxa. Waa'ee Ice ammoo sittan hima. Ice Edge lafa cabbaa'aadha. Bishaan keessa yoo galte ni fashalata. Yoo bakka cabbii guddaa irra dhufte ammoo ni mo'atta. Bishaan keessa akka hin buuneef bishaan irra utaaltee deemta.

Kana booda koodiingii barachuu barbaaddaa?

KKKK ....Eeyyee [kolfa dheeraa]

Gaafa guddattu maal tahuu feeta?

Gaafan guddadhu saayintistiis muuziqaan nama faarfatus tahuun barbaada. Mana keessatti osoon faarfadhuu sagalee koo nan waraaba.

Tole Saalem ati qaxaleedha! Jabaadhu!

Galatoomaa! Nagaatti . .

Barsiisaan pirogiraamiingii Naataan ijoollee dubbisuu hin barre kan barsiisu halluu fi bocaani. Karaa gemii isaan taphachuu jaalatanii fayyadamuun koodingii akka isaan barsiisu hime.

Geemii isaan jaallatan tokko fudhachuun akkamiin akka taphatan itti agarsiisaa achumaan barsiisa. Duraa duuba koodingis asuma keessatti baratu. Gaafa barumsa fixanis waanuma gemii taphachaa oolan isaanitti fakkaata.

Agarsiiftuu kallattii duuba kan jiru pirogiraamingi kan jennu san tahuu hima. Barreeffamoonni ammoo qajeelfamoota isaa yoo tahan isa hordofanii rakkina kompiitera tokkoof furmaata kennuun akka danda'amu hima.

Koodingi jechuun afaan kompiitera fayyadamuun rakkina komitera tokkoo furuu akka tahes hima.

Yaanetaan kan barsiise barattoota 1200 keessaa Saalemii fi obboleessi ishee ganna torbaa Abeem argamu

Madda suuraa, Nathan Damtew

Ibsa waa'ee suuraa, Yaanetaan kan barsiise barattoota 1200 keessaa Saalemii fi obboleessi ishee ganna torbaa Abeem argamu
line

Koodiingiin ijoolleef maal fayyada?

Kokebii fi abbaan warraa ishee ijoollee isaanii lameen koodiingii barsiisuuf kan murteessan yeroon isaa bara teeknolojii tahuu yaada keessa galchuun tahuu himan.

Bashannanaa beekumsa haaraa argatu jedhanii yaada keess agalchuun akka tahe hima.

Waktii gannaa ammoo ispoortii akka tekwaandoo isaan barsiisu.

Kokeb ogummaa IT waan qabduuf koodiingii ijoolleef kan jedhu dhageessee mee haa yaalan jettee akka isaan ergite himti.

Teeknoloojii bara kanaa waliin qixa tarkaanfachuuf koodiingii barachuun dirqama taheera. Ijoolleen isaanii lameenis akkuma jalqabaniin dafanii akka hubatan yaadatti.

''Ammuma ijoollee gara kanatti galchuun faayiaa qaba. Teeknoloojiin bara akka keenya sanaa fagoo hin jiru. Ijoolleen akka baranii fi akka hin sodaanne gochuu barbaachisa,'' jette Kokeb.

Biyyoota guddatan keessatti hojii qacaramuuf koodingi dandahuun akka ulaagaatti akka fudhatamu Naataan ni dubbata.

Yuunvarsiitii Finfinneetti saayinsii kompiiteraa kan barate Naataan ofuma isaayyuu hanga yuunvarsiitii galutti koodingi akka hin beekne hima.

Muuxannoo mataa isaa irraa ka'uunidha ijoolleen akka barataniif kan barsiisaa jiru.

Hundeessaa mana barumsaa koodiingii Yenetaa, Naataan Daamxoo

Madda suuraa, Nathan Damtew

Ibsa waa'ee suuraa, Hundeessaa mana barumsaa koodiingii Yenetaa, Naataan Daamxoo
line

Koodiingii fi guddina sammuu

Yaadni bu'uuraa koodiingii rakkoo kompiiteraa furuudha.

Rakkoo furuun ammoo kan kompiiteraa qofa osoo hin taane jireenya guyyaa guyyaa keessattis hojiirra oola.

ijoollee koodiingii barsiisuun sammuu isaanii akkuma sochii qaamaa hojjechiisuuti. Dandeettiin saayinsii fi herregaaf qaban ni guddata.

Haalota hundaa kallattii adda addaan akka ilaalan gargaara.

Kokeb sammuun ijoollee ilaalcha addaa akka qabaatu koodingi barachuun gargaareera jette.

Yeroo umuriin dabalaa deemu dandeettiin rakkoo furuuf walumaan guddataa deemus ijoollummaatti koodingi barachuun garuu adeemsichi akka ariifatu taasisa jedhe Naataan.

''Gatii guddaan kompiiter pirogiraamiingii guddina sammuuti. Ijoolleen koodingi baratan dammaqoo tahu. Dafanii furmaata warra fidan tahu,'' jedhe.

Koodingiin kennaa uumamaatii?

Namni kamiyyuu koodingii barachuu akka dandahu Naataan himee namni jabaadha jedhamu ammoo rakkoo kompiiteraa hedduu yeroo gabaabaa keessatti nama sirriitti hiikedha jedhe.

Innis barattoota isaa umurii fi dandeettii isaaniin qoodeeti kan barsiisu.

Barattootni osoo wal hin dorgomiin qixa barataa saffisaan rakkoo furuutti hundumtuu akka humna isaatti rakkinicha akka furan yeroon kennamaaf.

Saalem umuriidhaan ishee xiqqoo akka taates yaadata Naataan.

''Ishee fi obboleessa ishee waliin yeroo gaarii dabarsine. saalem haalota akkatti daftee hubattu, daftee hubattee akkatti furmaata barbaaddu ammoo adda ishee taasisa,'' jedhe Naataan.

Saalemii fi obboleessa ishee Abeem barnoota kodingi ariitiin akka qabatan Kokeb himti

Madda suuraa, Kokeb

Ibsa waa'ee suuraa, Saalemii fi obboleessa ishee Abeem barnoota kodingi ariitiin akka qabatan Kokeb himti
line

Kompiitera fayyadamuurraa gara hojjechuutti

Dambala Siitii Senter keessatti kan argamu manni barumsaa Yenetaa erga jalqabee waggota afur taheera.

Mana barumsichaatti barattootni 20,000tti dhiyaatan barataniiru.

Umuriin isaanii gara ganna shanii kan tahan bocaa fi halluun kan baratan yoo tahu yoo sanaa ol tahe barreefamaan barumsichi kennamaaf.

Kutaa tokkoo gara isa itti aanuuttu darbuuf ammoo ji'a sadii fudhata. Kun ammoo Birrii 5,0000-7,000 kaffalsiisa.

Mana barumsaa kanatti barachuun mucaan ganna 13 marsariitii ykn weebsaayitii ofii isaa fi hiriyaa isaaf kan hojjete akka jiru Naatan BBCtti himeera

Geemii Maakmaanii fi Suuppermaariyoon kan fakkaatan kan hojjetanis akka jiran dubbata.

1980 keessa kan dhalate Naataan ijoollumaatti afaan, bishaan daakuu fi Wuushuu barachaa kan ture amma immoo mucaa isaa kompiteratti fayyadamuu irraa gara hojjechuutti guddisuuf akka barbaadu hima.

Appilikeeshinii kompiiteri isaanii kenneefii irratti yeroo gubuu irra kalaqa mataa isaanii irratti yeroo dheeraa kan dabarsan oomishuutti akka boonu dubbata

Madda suuraa, Nathan Damtew

Ibsa waa'ee suuraa, Appilikeeshinii kompiiteri isaanii kenneefii irratti yeroo gubuu irra kalaqa mataa isaanii irratti yeroo dheeraa kan dabarsan oomishuutti akka boonu dubbata