Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Qaamaa-qalbiin dhaggeeffachuun maali? Akkamiin walooma cimsa?
Namoonni ykn gareewwan ta'an sababii garaagaraatiif yaadaan waliigaluu dhabuu danda'u ta'a. Namni ykn gareen isin ejjennoo faallaa keessan qabaachuu bira darbuun akka masaanuutti wal ilaaltan waliin karaan haala tasgabbaa'afi nagaatiin dubbachu dandeessan jiraa laata?
Nama ilaalchaafi fedhii faallaa keessanii qabu garuu akka dogongoretti yaaddan waliin haasa'uuf ni rakkattuu?
Dubbii xiqqoo maatii keessaatti irratti waldhaban ykn atakaaroon hawaasa keessatti dhalatu gara wal gaarreefachuuttillee geessuu danda'a.
Kanaaf falli salphaa tokko jira. Innis dandeettii qaamaa-qalbiin dhaggeeffachuu [Deep Listening] jedhama.
Qaamaa-qalbiin dhaggeeffachuun tooftaa haasaa (dubbii) miira keessa nama galchu tokko keessatti qaamoleen lamaan (gamaafi gamanaa) akka sirriitti hubatamaniitti akka itti dhaga'amu gochuudha.
Qorannoon akka agarsiisutti, qaamaa-qalbiin dhaggeeffachuun miirri nama dubbatuu (himatuu) akka dhinu godha.
Kun ammoo dhaggeeffataan tokko nu waliin waliigaluu baatus yeroo inni (isheen) qaamaa-qalbiin nu dhaggeeffatu/ttu akka bakka nuuf kennee, nu simaateefi caalaa nuuf of kennetti nutti dhaga'uu sana jechuudha.
Akka qorannoon biyya Israa'el keessatti gaggeeffame tokko mul'isutti, qaamaa-qalbiin dhaggeeffachuun nama dubbachaa jiru akka nagaa keessoo qabaataa deemu, dheekkamsaafi mormii hir'isaa deemuun caalaa, yaada falmii gamaafi gamanaan jiru sammuusaa banee ilaalu taasisa.
Nama araaraa beekamaa kan ta'e Dooglaas Istoon teekinika qaamaa-qalbiin dhaggeeffachuu kana barattoota Mana-Barumsaa Seeraa Harvaard leenjisee ilaale.
Namni araaraa kun baroota 1990'oota keessa namoota gaggeessummaa siyaasaa keessa hin jirre 40 hawaasa Qophiroos warra Giriik fi Qophiroos warra Tarkii kanneen seenaa jibbaafi jaalalaa waliif qaban fudhatee akka irratti hojjate yaadata.
Hedduun isaanii waggoota 20 adda bahanii odola fedhiifi ilaalcha ofii isaanii qofa keessa yeroo turanitti inni tokko fedhiifi ilaalcha isa kaaniif bakka hin kennine.
"Qaamaa-qalbiin wal dhaggeeffachuu shaakalanii ogummaa isaa erga gabbifataanii booda namni daree sana keessa jiru kamiyyu tokko harka isa kaaniirratti ergaramuu hubatan," jedhe.
"Isaan booda barattoonni hawaasa [waliif masaanuu ta'an] keessaa dhufan kunneen inni tokko keessoo isa kaanii dhaggeeffachuun lamaanuu akka diina waliitti osoo hin taane akka dhala namaatti wal ilaaluutti deebi'an," jedha Daaglaas.
Tooftaan qaamaa-qalbiin dhaggeeffachuu maaltu dhaggeeffannaa kaan irraa adda taasisa?
Qaamaa-qalbiin dhaggeeffachuun sirriitti hubachuudhaaf seenaa/himannaa nama tokkoo 'maal ta'e laata?' jechuun of kennanii hubachuu gaafata.
Qaamaa-qalbiin dhaggeeffachuun galmi isaa abbaan seenaa ykn namni dubbatu sun sirriitti akka dhaggeeffatame/hubatame akka bare mirkaneeffachuudha.
Tooftichi tooftaa of kennanii akka dhuunfaatti hariiroo cimsanii amantaa akka namarratti hortan gochuudha.
Yeroo qaamaa-qalbiin dhaggeeffatan keessatti adeemsa kana salphaatti mirkaneeffataa deemuun hirmaattonni akka toora sirriirra jiran gochuuf gargaara.
Qaamaa-qalbiin dhaggeeffachuun attamiin hojjeta?
- Namoonni sitti dubbatan ilaalcha qaban akka ibsatan gaafadhu. Maaliif isaanitti akka kanaan itti dhaga'me ittuma fufii gaafadhu.
- Osoo addaan hin kutiin waan garaa isaanii yeroo dubbatan dhaggeeffadhu.
- Yeroo dhaggeeffattu daftee sammuu kee keessatti gara murteetti ykn moggisuutti hin deemiin.
- Waan isaan dubbataniif yaada falmiis ta'u furmaataa osoo hin kenniin akka itti fufanii dubbataniif qofa gaafachaa qaamaa-qalbiin of kennii dhaggeeffadhu.
- Miira isaanii, bifaafi qabiyyee seenaa isaanii dabalatee akka sirriitti isaan hubatte mirkaneessuufiifi dubbiiwwan ijoo cuunfii itti himi. Kana jechuun ammoo itti waliigaluu qabda jechuu miti.
- Yaada cuunfaa dhiyeessite akka isaaniif ta'eef itti waliigalan gaafadhu. Yoo kan itti walii hin galle ta'e, akka caalaa ibsan gaafachuun akka warri dubbatan deebii "Eeyyee" jedhu deebisaanitti itti fufi.
Hangam tooftaan qaamaa-qalbiin dhaggeeffachuun kun bu'a qabeessa kan jedhu irratti yeroo qorannoo gaggeessanitti hayyoonni Yuunivarsiitii Jerusaalam barreeffama falmisiisaa ta'e tokko garee barattoota digirii jalqabaa baratan tokko dubbisaniif.
Barattoota kanneen keessaa garri tokko nama sirriitti qaamaa-qalbiin teeknika hunda hordofee dhaggeeffatutti yoo ramadaman, garri tokko ammoo dhaggeeffataa muuxannoo hin qabnetti ramadaman.
Hayyoonni qoratan kunneen qaamaa-qalbiin dhaggeeffachuun barattooonni kunneen akka ilaalcha fiixeetti bahe ykn finxaalessummaa hir'isan taasiseera.
Dhimmichi waa'ee Israa'el-Paalastaayin ykn dhimma falmsiisoo biroo ta'anis, akka isaan roga dubbichaa gamaafi gamana isaa qalbiin ilaalanii hubatan gochuu himu hayyoonni Yunivarsiitii Jerusaalem.
US'tti waldhabdee gaa'ela keessatti umaman irraa kaasee hanga hannaafi saamicha qabeenyaatti dhalatan furuun kan beekamu Gireey Firiidmaan, qaamaa-qalbiin dhaggeeffachuun kan milkaa'u "ogummaa of kennuu gabbifachuu" gaafata jedhu.
"Kun ammoo gocha qalbii ofii guutummaatti of kennanii abbaa dhimmaa keenya waliin ta'uudha. Kana jechuun ammoo maamila keenyaaf sirriitti of kenninee muuxannoo fi mudannoo isaa, maal keessa akka darbe bu'uura irraan nutti dhaga'amee guutummaa keessoo keenyaa, qaama keenya, yaada keenya mara dhiyeessinee waan raawwanudha," jedha.