US'tti namni mana qulqulleessu firiijii dhaamsinaan qorannoon waggaa 25 bade

Rensselaer Polytechnic Institute

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Ameerikaatti hojjataan mana qulqulleessu ibsaa balleessuusaatin saamudiwwan qorannoo waggaa 25 faayidaan ala ta’e.

Hojjataan mana qulqulleessu ibsaa firiijii kutaa qorannoo keessatti argamu argamu balleessuu irraa kan ka’e qorannoon bu’aa olaanaa argamsiisa jedhamee abdatamaa ture hojiin ala ta’e.

Qulqulleesichis sagalee ibsaa ‘‘nama jeeqa’’ jedhee wayita dhaamseetti firiijin saamudawwan qorannoo bara dheeraa qabatee ture kan dhaame.

Firiijin sumudni qorannoo keessa jiru sunis sagalee attamiin balleessuun akka danda’amurratti mallattoo agarsiisuu qabaatulleen, sababii dogongora dubbisaatiin kan ka’ee hojjatichi ibsaa balleesse.

Sumudni qorannoo firiijii keessatti qorra digrii seentigireedii 80 irratti kuufamaa kan ture yoo ta'u, sababa namni mana qulqulleessu ibsaa isaa dhaamsef kasaaraan dolaara miliyoona 1 akka gahe abbaan alangaa US beeksise.

Manni baruumsa qorannoo laaboraatoorii dhaabbata qulqulleessaa sana qacare sababa leenjii gahaa hin laatiniif himata irratti banuuf jedha.

Akka gabaasa Times Uniontti dhaabbanni hojjataa mana qulqulleessu kana qacare bakka namni kun hojataa ture Rensselaer Polytechnic Institute qulqulleessuf bara 2020 keessa dolaara miliyoona 1.4n kontiraata fudhatee ture.

Qorannoon laaboraatoorii kanatti waa’ee footoosenteensisii irratti Pirofeesar KV Lakshmi dhaan gaggeeffamu bu’aa guddaa buusa jedhamee eegamaa ture.

Firiijin sumuda qorannoo qabu kun osoo hin dhaamin guyyoota muraasa dura alaarmiin dhaamun hoo’inni digrii seentigireedii 3’n olka’ee ture.

Yeroo sana sababa dhorkaa Koviditiif suphaa eegaluuf torban fa’aa fudhachuu danda’a ture abbaan seeraa dhaabbatichaa akka jedhetti.

Baay’ee osoo hin turin balbala firiijii sanaarraa barreeffamni: “Firiijin kun akka waan suphamaa jiruutti sagalee [alaarmii] kennaa jira. Maaloo hin sochoosinaa ykn irraa hin buqqisinaa. Naannicha qulqulleessun hin barbaachisu.

“Sagalichi akka dhaamu yoo feetan batanii alaarmii sakandii 5-10 gadi qabuu dandeessu,” kan jedhutu dubbifama.

Erga sagaleen alaarmii dhagahamuu jalqabee guyyoota muraasa booda namni mana qulqulleessu kun "sagaleensaa nama jeeqa" jechuun dhaamse.

Namni kun maalif akka dhaamse gaafamee balleessa raawwadheera jedhee akka hin amanneefi gargaaruf jedhee akka dhaamse dubbate.

Abokaaton dhaabbata qorannoo kanaa kampaanii nama mana qulqulleessu qacare kana himatus kampaanichi deebii homaa hin laanne.