Ingiliziin kanneen suuraa qullaa namaa qoodan hidhaan adabuuf

Madda suuraa, Getty Images
Biyya Ingliziifi Weels keessatti suuraalee namoota qullaa jiranii osoo hayyama namoota sanaa hin argatiin ta’e, ofiin uumanii maxxansuunis gochaa hidhaadhaaf nama saaxilu ta’uuf.
Wiixineen seeraa Online Safety Bill jedhamuun qophaa’ee akka jedhetti, namoonni suuraalee safuu hin eeggannee qoodan hidhaan hanga baatii jahaa isaan mudachuu akka danda’u ibseera.
Keessattuu miira haalootiin suuraalee qullaa namootaa qooduun, ykn ammo teeknoloojii Deepfake jedhamuun fakkii isaanii uumuun seeraan ni adabsiisa.
Kanneen hojii kana raawwatan yoo gochaan isaanii dhiphina, salphiinaafi miidhaalee gara biraa kan hordofsiisee ta’e ammo addabbiin isaanii gara waggaa lamaatti ol ka’a.
Kana malees maqaan namoota gochaa wal fakkaataa raawwatanii galmee namoota miidhaa saal-quunnamtii raawwatanii irratti barraa’a jedhameera.
Fiilmii qunnamtii saalaa haaloo (revenge porn) jechuun waraabbii viidiyoo gochaa quunnamtii saalaa namootaa hayyamasaanii malee qoodu jechuudha.
Deepfake porn jechuun ammo teeknooloojiitti fayyadamuudhaan suuraa namootaa fudhachuudhaan fakkii biraa ykn viidiyoo itiin hojjachuu jechuudha.
Viidiyoon quunnamtii saalaa haaloo bahu (revenge porn) bara 2015 keessa yakka jedhamuun galmaa’ee ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haa talu malee, abbootiin alangaa gochichi miidhamtoota irraa dhiphina ykn salphina irraan gahuu hanga yoonaatti mirkanneessuu hin dandeenye.
Dubartiin Inglizii sagantaa TV irratti beekamtu Joorjiyaa Haarisan, erga hiriyaan ishee duraanii Siteefar Beer, hayyama ishee malee waraabbii viidiyoo icciitii mana siree ishee durii erga garee ‘Onlyfans account’ jedhamurratti qoodeen booda seerri kun akka hojiirra oolfamu taasifame.
Hiriyaan ishee duraanii kunis gochaa raawwate kanaaf bara kana hidhaa bu’uunsaa ni yaadatama.
Sagantaa TV ‘Love Island’ jedhamuurratti kan beekamtu Haarisan, deeggarsa taasiifame galateeffattee jirti.
Wixineen seeraa ‘Online Safety Bill’ jedhamuun qophaa’ee kunis baatii Waxabajjii kana keessa mana maree ummataatiif dhiyaatee sagaleen akka itti kennamu eegama.
Keessattuu teeknooloojiin ‘Deepfake’ jedhamu dhiheenya gara intarneetii kan dhufe ta’ulleen baayinaan qoodamaa jira.
Teknoloojiin kunis suuraa namootaa fudhuudhaan kan isaan hin ta’iin akka waan ta’aniitti, kan ta’an akka hin taaneetti jijjiruun uumuu dandeessisa.
Qorannoon tokko akka mul’iseetti, dubartoota umuriin isaanii waggaa 18-34 ta’an torba isaanii keessaa tokkoof akeekkachiifni suuraa qoodu ni qaqaba.
Akkasumas dhiirota umurii wal fakkaataa keessatti argaman sagal keessaa tokko akeekkachiisni wal fakkaatu ni qaqqaba.
Yeroo Ebla 2015- Mudde 2021 jiruu keessatti qofa, namoonni kuma 28 ol ta’an fedhiisaanii malee qabiiyyeen saal-qunnamtii daangaa maleessaa gadi dhifamuu poolisiin beeksiseera.












