Tapha Chelsii fi Tootenhaam dabalatee Piriimer Liigii torban lamaffaan maaltu eegama?

Chelsiifi Tootenhaam
Maxxanfame

Tapha Piriimer Liigii Ingiliiz torban darbe jalqabame irratti wantonni hin eegamiin hedduun mul'atanii turan.

Liiverpuul walqixa bahuun qabxii gateera; Maachester Yunaayitid ammoo dirree ofiisaarratti Biraayieniin mo'amuunb Piriimer Liigii bara kanaa jalqabeera.

Arsenaal, Maanchester Siitiifi Tootenhaam ammoo qabxii sadii argatanii jalqabbii isaanii tolfataniiru.

Taphni Piriimer Liigii Ingilizii bara kanaa torban lamaffaa ammoo Sanbata boruu jalqaba.

Chelsiin dirree isaa Istaanfoord Biriij irratti Tootenhaamiin simatee kan waliin taphatu akka addaatti eegama.

Kilboonni magaalaa Landan kunneen lamaan warra tarree jalqabaa kilaboota Piriimer Liigii keessa jiran waan ta'eef tapha 'Darbii' namuu eegudha.

Tapha torban lamaffaa kana ogeessi kubbaa miilaa BBC Kiriis Suton tilmaama isaa kaa'eera.

Isinis tilmaama kan isaa ilaalaa kan keessan lafa kaawwadhaa.

Sanbata

Astonviilaa VS Everten

Kana tilmaamuudhaaf tapha cimaadha. Warri Everten taphattoota haaraa mallatteessan Konoor Koodiifi taphataa sarara gidduu Amaaduu Onaanaa carraa hiriiruu kennuufiif qabu.

Everten Chelsiidhaan yeroo mo'ametti hanqina taphata sarara duraarraa jifatu akka qabu mul'ateera.

Hanqinni jifataa kun ammoo miidhaa irraa kan deebiyu Salamoon Raadoonaa qofaan kan furamu hin fakkaatu.

Torban darbe Viillaan Barnmaawoziin ni mo'ama jedhee hin eegnen ture.

Tapha torban akanaatiin qabxii argachuu qabu. Leenjisaan garee kanaa Isteefen Jeeraard rakkoo jifattootaa akkamiin fura?

Tilmaamaa Suton: 1-1

Arsenal vs Leestersiitii
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Arsenaal VS Leester Siitii

Bara kana taphataa tokkollee kan hin mallatteesifatiin jiran warra Leester Siitiif wanti jiru gaarii hin fakkaatu. Taphattoota gaggaarii qabanillee leenjisaan garichaa Bireendaan Roojers haala jirutti gammadoo miti.

Torban darbes goolii 2 fi 0n dursaa turanii walqixa bahaniiru. Faallaa kanaatiin ammoo qe'ee Arsenaal keessa ammoo wanti jiru qajeelaa fakkaata.

Gaabreel Jeesus sarara jifannaa keessatti fooyya'insi akka jiraatu godheera. Kanaaf, warri Arsenaal tapha kana ni mo'atu jedheen yaada.

Tilmaama Suton: 2 - 1

Biraayitan VS Niiwukasil

Biraayitan tapha torban jalqabaatiin Maanchester Yunaayitidiin mo'ateera. Kunis tapha tilmaamuudhaaf rakkisaa ta'an keessaa tokkodha. Warri Biraayitan leenjisummaa Girihaam Pooter jalatti garee cimaa ta'aa jira.

Niiwukasil tapha jalqabaa Forest waliin ture kan taphate. Gara fuula duraatti dhiibee taphachuufis yaaleera. Garee Heddii Howii kana daawwachuun na gammachiisa.

Taphni kun gaarii ta'a jedheen yaada.

Tilmaama Suton: 1-1

Maanchester Siitii VS Barnimaawoz

Torban darbe Maanchester Siitiif yeroo jalqabaa taphatee gahumsa ajaa'ibaa kan agarsiiseefi goolaa lamaan ittiin mo'ate kan lakkoofsise Erliing Halaand tapha kana hawwii cimaan eegaa jira jedheen yaada.

Maanchester Siitiin dursee galchinaan Barnimaawozitti dubbiin cimuuf deema. Warri Barnimaawoz gidduu irraatti xiyyeeffatee taphatee jennaan waan milkaa'uuf natti hin fakkaatu.

Barnimaawoz taphattoota dhedheeroo kilaba qabatedha.

Garuu torban kana keessa qormaata guddaatu isaan eeggata.

Tilmaama Suton: 6 - 0

Saawozhampitan VS Liids

Liids Wovisiin mo'achuun jalqabbii gaarii taasiseera. Gareewwan bara kana Liigicha keessaa gadi bu'u jedhee timaame keessaa tokko Liids ture.

Warri Saawozhaampitan torban darbe dursuun jalqabanillee Tootenhaamiin reebamaniiru. Dhiibbaa mo'amuun kun qaqqabsiisu beekuudhaaf rakkisaadha.

Taphawwan shanan jalqabaa keessaa kilaboonni qabxii saddet argatan carraa Liigicha keessa turuuf qaban parsantaa 96 ta'a.

Kanaaf, Liids akka gadi bu'u waanan tilmaameef mo'achuu hin qabu.

Akkamitti akka milkeessu beekuu baadhus tapha kanaan Saawozhampitan ni mo'ata.

Tilmaama Suton: 2 – 1

Wolvis VS Fuulham

Wolvis jifataa barbaada. Torban kana keessa ammoo Gonkaaloo Guheediziin mallatteessifachuu danda'eera.

Taphattoota gahumsa guddaa qaban qabaatanillee tapha Liids waliin ture irratti gahumsi agarsiisan na yaaddessa.

Hanga Liigichi tasgabbaa'utti hireen garee kanaa maal akka ta'u tilmaamuun cimaadha.

Liiverpuul waliin torban darbe walqixa kan bahe Fuulham irraa morkii cimaatu isa eeggata jedheen yaada.

Tapha sanarraa warri Fuulhaam waan gaarii argataniiru. Aleksaadar Mitiroovich jiraachuun isaa ammoo carraa gaalii lakkoofsisuu isaanii dabalaaf. Tapha kanaan Fuulhaam ni mo''ata jedhee tilmaamulleen gareewwan Liigicha keessaa bahu jedhee tilmaame keessaa tokko ammoo Fuulhaam ta'a jedheen ture.

Tapha kanaan walqixa bahu jedheen tilmaama.

Tilmaama Suton: 1- 1

Breentiforrd fi Maan Yunaayitid

Bireentifoord VS Maanchester Yunaayitid

Osoo akka yeroo kaanii ta'ee Biraayitaniin mo'atamee waan tureef Maachester Yunaayitid deebii kenna jedheen yaada.

Amma garuu natti hin fakkaatu. Gareen kun qaawwa baayyee qaba. Kanaaf, Eriik teen Hag itti-gaafatamaa gochuu baadhus garuu sirreessuun irraa eegama.

Kiristaanoo Ronaaldoon sarara duraa gaggeessuu qaba. Namoonni tokko tokko tilmaama koo kana badaadha jechuu danda'u.

Tilmaama Suton: 3 - 0

Dilbata

Nootingham Forest VS Westhaam

Taphni kun Westhaamiif salphaa hin ta'u. Forest erga gara Piriimer Liigiitti deebiiyeen booda yeroo jalqabaatiif dirree isaarratti taphachuun isaa xiqqoo itti cimuu danda'a. Warri Westhaam taphataan sarara ittisaa isaanii miidhamaan qaawweera. Haata'u malee, mo'ichi kanuma Westhaam ta'a.

Tilmaama Suton: 1- 2

Chelsii VS Tootenham

Tootenhaam Chelsii waliin taphachuun itti tola. Bara darbe qofa si'a afur mo'ateera.

Tapha kanaan garee Kontee, Tootenhaam, ni milkaa'a jedheen yaada.

Torban darbe Chelsiin Everten mo'atullee garuu gahumsa gaarii hin qabu ture.

Tootenhaam garuu tapha Saawozhampitan waliin taphateen sararri duraa isaanii hangam cimaa akka ta'e mul'ateera.

Torban kanas bifa walfakkaatu qabatanii dhiyaatu jedheen tilmaama.

Tilmaama Suton: 1- 2

Wixata

Liiverpuul VS Kiristaal Palaas

Kiristaal Paalaas Arsenaaliin mo'amuun tapha bara kanaa jalqabeera. Torban kana keessas dubbiin salphaa hin ta'uuf.

Liiverpuul torban darbe tapha Fuulhaam waliin taphataniin qabxii gatanii ture. Torban kanas ni gatu jedhamee hin eegamu.

Liiverpull sababa miidhamaatiin rakkoo keessa jiraatanillee, Kiloop jifataa isaa Daarwiin Nuuneez hiriirsuu qaba.

Tapha kanaan Liiverpuul qabxii sadii kan itti argatu yoo ta'u, Kiristaal Paalaasiif garuu gaara koruu itti ta'a.

Tilmaama Suton: 4 - 0