Nagawoo: 'Beekamtii argachuun koo na fayyaduu caalaa na miidhe'

Madda suuraa, FIB TV
Maqiitti dhalatee kan guddate Nagawoo Jimaa, nama dheeraa Itoophiyaa ta’uun Rikardii Galmee Dinqisiisoo Afrikaa irratti erga galmaa’ee waggaa lamatti dhihaateera.
Erga rikardii dheerinaa kana qabatee booda hawaasa biratti beekamtii kan argate dargagggoon kun, jireenya isaas Maqii irraa Finfinneetti jijjiiruun hojii isaaf ta’u barbaadaa ture.
Garuu wanti hundi akka yaadeetti deemaafii hin turre.
Amma maal keessa jira?
Nagawoon haala jireenya amma keessa jiru ilaalchisuun turtii BBC waliin taasiseen, ''nama dheeraa jedhamee beekamtii argachuun kiyya faayidaasaarra miidhaatu natti caale,'' jedha.
“Rikardii kana ergan qabadhee bu’aan ani argadhe hawaasa biratti beekamuudha. Beekaamtiin kun aammoo faayidaasaarra miidhaasaatu natti caale. Harka 75 na miidhe malee na hin gargaarre jechuun danda’a,” jedha.
Nagawoon erga magaala Finfinneetti galee mana kiraa argachuufuuilleen akka rakkate hima.
“Amma waggaa tokko keessatti mana kiraa afur jijjiireen jira. Namoonni qe’ee isaaniitti nagalchuu fedhii hin qaban. Akkamitti namni akka kee beekamaan as keessa jiraata? Mana hin qabduu? Naan jedhu,” jedha.
Bakka kaanitti ammoo mana kireeffachuuf karaa dallaalaatiin erga waaliigalanii booda kan itti galu ana ta’uu yeroo baran “lakkii ammuma kireeffame,” jedhanii na didu jedha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
“Dhuma kanarra naaf gamtee jennaan ani manicha dhaqee hin ilaalu. Hiriyoota kiyyatu dhaqee naaf ilaalee qaba. Osoon ani achi hin dhaqin meeshaa kiyyas fe’anii erga galchanii boodan dhaqee itti gala,” jedha.
Finfinneetti kan gale hojii isaaf mijatu barbaachaaf akka ta’e kan himu Nagawoon, waggaa tokko kana barbaadulleen hanga ammaa hojii hin arganne jedha.
“Hojii hin arganne. Garuu barbaadatuman jira. Amma kanin jiraadhu deeggarsumaa maatii kiyyaafi namoonni tokko tokko nagargaariitiin isumaanan jiraachaa jira jedha.
Tilmaamni namoonni jireenya isaarratti qabaniifi haalli qabatamaan inni jiraatu walarguu dhabuun ammoo xiin-sammuu isaa miidhaa akka jirus dubbata.
“Namoonni nama beekamaadha jedhanii akkan waan hunda qabutti na yaadu. Bakka taaksiitti yoo na argan ‘maali konkolaataa hin qabduu?’ naan jedhu. Karaa cinaadhaa yoon buna dhugu ‘akkamitti manadara keessaa buna dhuga’ jedhu. Kanaaf, jechi namaa kunis xiin-sammuu namiidhaa jira,” jechuun haala amma keessatti argamu BBCtti hime.
Konkolaataa naabitaa
Nagawoon tibbana uummanni Itoophiyaa konkolaataa akka bituuf karaa miidiyaa hawaasummaa isaatiin gaafatee ture.
“Jireenyi natti ulfaateera. Baqqaa uummanni konkolaataa yoo naaf bite jedheen gaafadhe. Namni hedduun qoosaatti fudhate. Ani garuu keessuma kiyyaayi gaaffadhe,” jechuun sababii geejjibaatiin rakkoo isa mudataa jiru kaasa.
Ulfaatinni jireenyaa amma jiru kanaan hawaasni yoo gargaaruu baate lammummaa biyya kanaa jijjiiratee, jireenya biyya biraa yaaluuf yaadaa akka jirus hima.
“Hiriyoonni biyya alaa jiran yoon biyya biraatti bahe carraa fooyya’aa akkan argachuu danda’u natti himaa jiru. Biyya biraatti namni kennaa addaa qabu bakka guddaa qaba. Anis amma isa yaadaan jira,” jechuun filmaata ittiin jireenyasaa injifatu kan biraa yaadaa jiraachuu hima.
Nagawoon yeroo dheerinaan Itoophiyaatti abbaa rikardii ta’uun isaa ibsametti beeksisoota adda addaa hojjechuun carraa hojii argachuu akka danda’u ibsamee ture. Haata'u malee, carraan hojii jedhame sunis hanga ammaatti qabatamaa hin taane.












