Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Rakkoo nageenyaa Yunivarsiitii Boongaatti mudateefi yaaddoo barattootaa
Rakkoo nageenyaa tibbana Yunivarsiitii Boongaatti uumameen barattoonni 50 ol ari’amuufi kan biroon lakkoofsi isaanii hin beekamne yunivarsiiticha dhiisanii bahuun himameera.
Barattoonni 50 ol ari’aman kunneen hookkara lubbuu darbuu (fannifamee argamuu) barataa tokkoo hordofee uumameen ta’uu barattoonni yunivarsiitichaa BBC'n haasofsiise himaniiru.
'‘Dabalataan barattoonni lakkoofsi isaanii hin beekamnes yaaddoo nageenyaa qabanirraa ka’uun mooraa dhiisanii bahaniiru'’ jedhu barattoonni.
Barataan yunivarsiitichaa yaaddoo nageenyaa qaburraa kan ka’e maqaansaa akka hin himamne gaafate tokko, “ijoollee dhalattoota asiifi ijoollee Oromoo gidduutti akka tasaa mana kaaffee wayii keessatti (torbee tokko dura) lolli ka’ee, kanumarraan kan ka’e ijoolleen wal qeeqxe” jechuun BBC'ti himeera.
Taatee kana booda Yunivarsiiticha keessatti wal doorsisnii fi yaaddoon nageenyaa akka ture barataan kun hima.
Lubbuun barataa darbee argamuu…
Torbee darbe Kamisa Adoolessa 28, 2022 ganama barataa waggaa tokkoffaa mummee barnootaa Saayinsii Uumamaafi dhalootaan godina Iluu Abbaa Boor ta’e gamoo yunivarsiitichaa tokko irratti fannifamee lubbuun darbee argamuu barataan biraan BBC'n haasofsiise himeera.
Baratichi Roobii galgala mana dubbisa kitaabaa yunivarsiitichaa akka tureefi halkan sana gara iddoo bulti (dormitory) akka hin deebine barataan nageenyasaaf maqaansaa akka hin himamne gaafate kun ni dubbata.
Sana boodas barattoonni dhalootaan Oromoo ta’an akkaataa du’a baratichaa irraa shakkii qabaachuun gaafii kaasuu isaanii hima.
“Ijoollumti keenya ‘mucaan kun osoo of ajjeessuuf karoora qaba ta’ee biyya bosonaa keessa jirra; bosona hin lixuu?’ maal gochuu halkaniin gamoo sana gubbaa bahe?’ jechuun lola kaasanii ture,” jedha.
Dabalataan “ijoolleen Oromoo ta’an ‘mucaan kun maalif du’e’ kan jedhuun walitti baay’atanii waa’eesaa haasa’uu jalqabnaan waardiyyoonnii fi hojjettoonni qe’ee keessaa ‘walbira hin dhaabbatinaa’ jechuun ijoollee keenya reebuu jalqaban,” jedha barataan kun.
Reeffi baratichaa iddoo fannifamee buufamee qorannoof ambulaansiin qe’ee Yunivarsiitichaatii bahullee akkaataa du’a baratichaa irratti gaafii barattoonni kaasaniif Yunivarsiitichi deebii akka hin laannees barataan kun hima.
Dhimmicharratti Kibxata Adoolessa 02, 2022 ibsa kan baase Paartiin Addi Bilisummaa Oromoo (ABO), “barataa Darajjee Maammoo jedhamu, dhalootaan Godina Iluu Abbaa Booraa Ona Bachoo ta’e fannifamee ajjeesamuun reeffi isaa argamee jira,” jedhe.
Dabalataan Yunivarsiitichatti barattoota dhalattoota Oromoo ta’an irratti “dhiibbaan qor-qalbiifi doorsisaa irratti deemsisamaa ture” jechuun dhaabichi komateera.
Gama biraatin Yunivarsiitiin Boongaa dhimma kana ilaalchisee ergaa fuula Feesbuukii isaarratti maxxanseen “gaddi barataa tibbana tasa dhabneen nutti dhagahame kan maatiin gadi ta’uu baatullee, barattoonni ajandaa badaa qaban tokko tokko dhimma du’a baratichaan hidhata hinqabne afarsuun qabeenya dhaabbatichaa barbadeessuu, hojjettoota dhaabbatichaa reebuufi hojiin baruu barsiisuu akka gufatu taasisuun dhaabbaticha irratti miidhaa geessisaniiru,” jedheera.
Haa ta’u malee, eenyummaa barataa kanaas ta’e sababa du’a isaa ilaalchisee yunivarsiitichi waan jedhe hin qabu.
Dhimma barattoota ari’amanfi mooraa dhiisanii bahanii
Rakkoo lubbuu darbuu barataa hordofee Yunivarsiitii Boongaa keessatti uumameen barattoonni dhalattoota Oromoo lakkoofsaan hin beekamne mooraa yunivarsiitichaa dhiisanii bahu barattoonni BBC'n himaniiru.
“Ijoolleen hundi ‘ni galla’ jedhanii boorsaa fudhatanii bahan. ‘Hin galtan’ jedhanii nu dhorkan. ‘Yoo galtanis immoo mallatteessitanii baatu malee fedhii keessanin isin hin gaggeessinu’ jedhanii ijoollee baay’ee dhorkan” jedha barataan BBC'tti dubbate.
Barataan biraa ammoo “Yunivarsiitichi ‘taa’aa baradhaa, wanti lola geessisu hin jiru, ofiima keessaniin wal loltan, ofiima keessaniin mana daaktan, maal taatanii fiigdu’ gaafa jedhan ijoolleen immoo dhiphina keessa galan,” jedha.
“Achii booda ijoolleen kaan mallatteessinee baana jedhan. Ijoolleen kaan ammoo dhokannee baana jedhan. Ijoolleen fedhii isaaniitin galuu barbaadan mallatteessanii deeman,” jedhe.
Kana malees, barattoonni yaaddoo nageenyaa qaban irraa ka’uun mooraa yunivarsiitichaa dhiisanii karaa dugda duubaan dhokatanii bahuu barattoonni ni dubbatu.
Barattoonni dhokatanii Yunivarsiiticha gadhiisanii bahanfi konkolaataa keessaa qabamanii gara Yunivarsiitichaatti deebifamanis akka jiran himaniiru.
“Ijoollee gaafa lolichi ka’u gaafii gaggaafachaa turanfi ijoollee waa haasa’aa turan kaameeraa qe’ee keessa jirurraa ilaalanii doormiirra deemanii suuraa ilaalanii funaanan. Nama 54 guuranii waajjira poolisii bulchanii ari’an,” jedhe barataan BBCn haasofsiise.
Addi Bilisummaa Oromoos barattootni 54 ari’amuu balaalefachuun kan barreesse yoo ta’u, bulchiinsi Yunivarsiitichaa tarkaanfii fudhate haquun barattoonni ari’aman barnootatti akka deebi’an akka taasisu gaafateera.
Yunivarsiitichi gama isaatin, ergaa fuula Feesbuukii isaarratti barreesseen barattoota balleessaa raawwataniiru jedhe seeratti dhiyeessuu, kan naamusaan gaafatamuu qaban irratti tarkaanfii naamusaa fudhachuufi kaan immoo gorsuun gara barnootaatti akka deebi’an gochuu himeera.
Gama biraatin yunivarsiitichatti barattoota dhalattoota Oromoo ta’an irratti doorsisni yeroo yeroon raawwatamuu kan hime barataan BBCn haasofsiise barattoota isaan doorsisaa jiran torba adda baasuun yunivarsiitichaaf eeruu kennanillee tarkaanfiin irratti fudhatame akka hin jirre ta’uu hime.
Waa’ee barataa lubbuun darbeefi kunneen ari’aman jedhaman, haala nageenyaa Yunivarsiitichaafi yaaddoo nageenyaa barattoonni kaasan ilaalchisee yaaliin irra deddeebii BBCn pirezidantii Yunivarsiitichaa dubbisuuf taasise hin milkoofne.