Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Walitti bu'iinsa gosaa Indiyaatti dhalateen namoonni hedduun du’an
Bulchiinsa Inidyaa Manipuuritti walitti bu’iinsi gosaa dhalatee namoonni 30 ol ajjeefamuu qondaaltoonni biyyattii himan.
Gosti bal’inaan kutaa bulchiinsa Manipuur keessa jiraatu akka gosaatti beekamtii kennuuf tarkaanfii fudhatamu, hawaasni ganamaa (indigenous) bulchiinsa kana keessa jiraatan mormuun hiriira bahame hordofee, walitti bu’iinsi jalqaba torban kanaatti eegale.
Hiriirtonni mormii manneen jireenyaa, konkolaattoota fi manneen amantaa haleelan.
Gabaasonni muraasni akka akeekanitti lakkoofsi namoota du’anii 54 gaha.
Walitti bu’iinsa kana hordofee namoonni 10,000tti dhiyaatan qe’eesaaniirraa buqqa’aniiru.
Tasgabbii naannichatti deebisuuf jecha loltoonni kumaatamatti lakka’aman naannichatti bobbaafamaniiru.
Bulchiinsa Indiyaa kana iddoowwan baayyeetti uggurri sochii labsamuun, tajaajilli intarneetiis addaan citeera.
Bulchiinsonni naannoolee ollaa Manipuuritti argaman barattoota naannicha keessaa baasuu kan eegalaniiru.
Manipuur bulchiinsa Kaaba Baha Indiyaa daangaa Miyaanmaaritti argamtu.
Waraanni Indiyaa waldhabbii naannichatti dhalatee to’achaa jiraachuu ibsuun maddiitti, warrii Hinduu leellisuu- mootummaan BJP’n durfamu hokkora kana hambisuuf hojii quubsaa hin hojjanne jedhamuun himataman.
Miseensonni hawaasa Meeteyi kanneen lakkoofsa uummata bulchiinsa Manipuur keessa 50% ol ta’an, gosa keessatti hammatamuuf waggoota dheeraaf gaafataa turan.
Inidiyaan carraa hojii mootummaa, seensa kolleejjii fi teessoo mootummaa filannoon sadarkaa hundatti qabatamu akkaataa ramaddii gosaarratti hundaa’un kan keennitu yoo ta’u, seenaa keessatti carraa walqixxummaa isaan dhaban sirreessuuf ta’uutu ibsama.
Warri Meeteyi gosatti dabalamuun lafa bosonaarraa akka faayidaa argatan fi mootummaa biyyatti keesatti carraa hojii isaan madaalu akka argatan, akkasumas dhaabbilee barnootaa keessatti bakka isaan gitu akka argatan gargaara.
Gosoonni Inidyaa biroo garuu lafa bosonaa akaakilee keenyaa nu dhabsiisuu mala jedhanii yaadda’u.
Kibxata darbe namoonni kumaataman lakkaa’aman kanneen bulchiinsa gaarreen itti heddummatu keessa jiraatan, taatee kana mormuun hiriira bahan.
Guyyaan ittaanu hiriirri walfakkaataan bahamee gara hokkoraatti geeddaramuun, tasgabbii dhabiinsa araddaalee biroo keessatti kakaase.
Hokkora dhalateef garuu gartuuwwan lachuu waliisaanii balaaleeffatan.