Warri Taayiwaan bulchaa Chaayinaan hin feene fi birmadummaa biyyasaaniif qabsaa'u filatan

Maxxanfame

Ogummaan doktora kan ta'an fi Chaayinaaf hin jilbeenfadhu jechuun kan beekaman Wiliyaam Laay filannoo pirezidaantummaa Taayiwaan injifatan.

Beejiing nama siyaasaa kanaan 'rakkisaa fi balaafamaa' jechuun waamti.

Aab Laayi waggoota muraasa dhufaniif pirezidaantii Taayiwaan ta'uun ni tajaajilu.

Chaayinaan ammallee odola Taayiwaan akka qaama naannoo isheetti ilaalti.

Wantoota Pirezidaantiin Chaayinaa Sii Jiinpiing galmaan gahuu barbaadan keessaa tokko Taayiwaan gara Chaayinaatti deebisuudha.

Chaayinaan filannoo Taayiwaan dura, ummanni Taayiwaan Paartii Demokraatawaa tarkaanfataa- DPP akka hin filanne dhaamtee turte.

DPPn paartii Taayiwaan bulchaa jiru yoo ta’u, miseensa paartii kanaa kan ta'an doktorri fayyaa umrii ganna 64 Wiliyaam Laayi Chiing filannocha waan mo'ataniif ammas paartichi aangoorra tura.

Pirezidaanti Laayi nama siyaasaa Chaayinaa waliin walitti deddeebisuun beekamanidha.

Paartiin biyya bulchaa jiru haala hin baratamneen marsaa sadaffaaf irra deebiin filatamuunsaa waan nama ajaa'ibu ta'eera.

Chaayinaan paartii DPP akkaan jibbiti.

Pirezidaanti Laayi akka jedhanitti yeroon aangoo isaanii itti aanu, kan hojii Sai Eng Win waggoota 8 darbaniif hojjataa turan itti fufsiisan ta’a.

Yeroo duula filannoo pirezidaantichi ''Taayiwaan biyya walaba ta'uu ishee labsuun hin barbaachisu, sababiin isaas Taayiwaan biyya birmaduu fi of dandeesse waan taateef,'' jedhan.

Pirezidantiin haaraan kun kana haa jedhaniyyuu malee deeggartoonni isaanii yeroo sagalee isaaniif kennan walabummaa Taayiwaan labsuun sadarkaa haaraatti ni geessu abdii jedhuuni.

Pirezidant Laayi fi hiriyaan isaanii Bii Kiim lamaan isaanii iyyuu Chaayinaadhaan guutummaatti kan jibbaman yoo ta'u, Taayiwaanis ta'e Hoong Koong akka hin seenne dhorkamaniiru.

Kanarraa kan ka'e Chaayinaan pirezidantii haaraa kana waliin marii ni gooti jedhamee hin eegamu.

Taayiwaan fi Chaayinaan bara 2016 irraa eegalee kallattiin marii waliin taasisanii hin beekan.

Pirezidaantiin Taayiwaan duraanii bulchiinsi isaanii, Taayiwaan, qaama Chaayinaa ta’uu ifatti akka labsan gaafatamanii erga didanii booda Chaayinaan haasawa kallattii kana addaan kutte.

Chaayinaan biyyoota Taayiwaaniif beekamtii kennan carraa daldalaan gowwoomsuun akkasumas qoqqobbiiwwan daldalaa dabalataa kaa'uun Taayiwaan dadhabsiisuu itti fufti jedhamee eegama.

Pirezidantiin haaraan filataman kun gara fuulduraatti ijaarsa doonii bishaan jalaa akka cimsan, dandeettii waraanaa Taayiwaan akka guddisan fi walitti dhufeenya Ameerikaa, Jaappaanii fi Awurooppaa waliin qabdu daran fooyyessuuf waadaa galaniiru.

Kun ammoo daran Chaayinaa aarseera.

Filatamuun Aab Laay Ameerikaallee osoo hin yaaddessin hin hafne.

Sababni isaas, Pirezidaantichi haasaa isaanii keessatti kallattiin dubbachuu fi walabummaa Taayiwaan labsuu irraa duubatti kan hin jenne ta'uun isaanii Chaayinaa waliin waldhabdee uumuu danda'a jedhamee waan sodaatamuuf.

Morkataa paartii biyya bulchaa turee kan ta'e fi filannoo kanaan kan hin milkoofne KMT sodaa lammiilee Taayiwaan hedduu keessa jiru akka ajandaatti qabateeti kan ka'e.

Balaan mudatu harkifachuu mala, garuu Chaayinaan Taayiwaan irratti haleellaa waraanaa ni banti jedha paartiin kun.

Paartiin KMT Chaayinaa waliin hariiroo gaariin yoo uumame nageenyi Taayiwaan haala gaariin eegamuu akka danda'u amana.