'Gadaa Roobalee keessa waraanni hinjiru' – Abbaa Gadaa Jaarsoo Dhugoo

Maxxanfame

Walharkaa fuudhiinsa baallii Gadaa Gujiin, Abbaan Gadaa Harmuufaa Jiloo Maandhoo, turtii waggaa saddeetiin booda baallii isaanii Gadaa Roobaleetti dabarsaniiru.

Jila Godina Gujii Ardaa Jilaa Me’ee Bookkootti raawwate kanaan, Abbaa Gadaa Jaarsoo Dhugoo Bunaa baallii fudhachuun waggoota saddeet ittaananiif bulchu.

Abbaa Gadaa Uraagaa kan tahan Jaarsoo Dhugoo “har’a baallii fudhadhe… gammadeera,” jechuun battaluma aangoo fudhatanii, gogeessa isaanii wajjin gara galmaa ogguu deeman BBCtti himan.

“Gadaa Roobalee hardha itti seene, gammadeera. Uummati Oromoos gammadaa, jiraadhaa,” jechuun miira itti dhagahame farda yaabbatanirraa nutti himan.

Barri gadaasaanii Gadaan Roobalees milkii fidee akka dhufu miiraan guutamanii dubbatu, Abbaa gadaa Jaarsoo.

“Gadaan Roobalee Gadaa kan quufaati, kan jireenna, kan nagayaati,” jechuun hawwiisaanii dubbatu.

Dabaluunis barri aangoo Roobalee: “Ka misaati, mirgaati, ka jiruuti,” kan jedhan abbaan Gadaa kun, “Gadaa Roobalee keessa waraanni hinjiru, dhukkubni hinjiru” jedhan.

Ganna saddeet dabran kan bulche Gadaan Harmuufaa, baalliisaa Gadaa Roobaleetti Ardaa Jilaa Me’ee Bokkootti ennaa dabarsu, namoonni kumaatamatti lakka’aman walitti qabamanii turan.

Abbaa Gadaa Jaarsoo Dhugoo Bunaa mallattoo aangoo kan tahe baallii (baalguda, baallee Guchii) mataa keessa suuquun fardaan garmaamaa, jilasaanii wajjin lallabaa gara galmaatti qajeelan.

“Gadaan kun ka uummata Oromoo, ka sabaa fi sablammootaati, ka addunyaati,” jechuun barri Gadaa Roobalee Gujiif calla adoo hin taane dhala namaa maraaf waan dansaa fidee akka dhufu ni abdatu.

“Gadaa nama tokkooti moti. Gadaa quufaati, Gadaa jiruuti. Ka diqqaa guddaati. Saba kamiyyuu ofitti qabata.”

'Gadaa Roobalee keessa nageenni hin boora’u'

Sirna Gadaa Gujiin abbootii gadaa sadiitu jira – gosa gosaan jechuudha. Isaaniis ka Uraagaa, Hookkuufi kan Maattiidha.

Isaan keessaa inni angafaa kan Uraagaa ennaa tahu, Abbaan Gadaa baallii dabarsan Jiloo Maandhoo, akkasumas ka aangoo amma fudhatan Jaarsoo Dhugoon lamman isaaniiyyuu warra Uraagaati.

Abbaa Gadaa Gannaalee Aagaa akkasuma gogeessa Roobalee baallii fudhatan keessaa ogguu tahan, isaan ammoo Abbaa Gadaa gosa Hokkuuti.

Jila kanaan baallii fudhachuusaaniin “gammachuu guddaatu natti dhagahama,” jedhaniiru.

“Baallii Gadaa Roobalee hadha karaa nagaya qabuun, dhugumatti sirni Gadaa kan itti beekkamuun karaa demokraasii jennee faarsinuun qabatamatti aangoo fudhadhee jira.”

Isaanis akkuma Abbaa Gadaa Jaarsootti, gogeessi Roobalee kan nagaa akka tahe dubbatu.

“Gadaan Roobalee tun baallii shanan Gujii keessaa Gadaa adda taatudha. Keessumattuu dhimma nagayaa irratti - Gadaa Roobalee keessa nageenni hin boora’u.

“Quufa malee dhukkubi hinjiru. Beelli hinjiru, hongeen hinjiru – rooba malee.

Margi jiidha, lagi bade ni deebiya. Dammi ni deebiya.”

Isaanillee Gadaan Roobalee kun kan nama hundaa akka tahe lallaban.

“Gadaan Roobalee Gujii qofa miti kan fayyadu. Oromoo hunda, uummata Itoophiyaafi Afrikaallee ni fayyada.”

Argaa-dhageettii jaarroleerraa dhagahaniin gogeessi Roobalee "adda” tahuu kan kaasan Abbaan Gadaa Gannaalee, "Gadaan Roobalee kennaa addaa qaba,” jedhu.

Rakkoo nageenyaa Naannoo Oromiyaa akkasumas Itoophiyaatti adeemaa jiruun walqabates, barri Gadaa isaanii kan nagaan itti deebi’u akka tahu hawwiifi abdii qaban himan.

"Oromoon hundi Gadaa Roobaleef gurra ergiseefii – nageenni akka bu’u, rakkoon nageenyaa godinaalee garagaraa keessa jiran, nageenni [akka bu’u], tokkummaan Oromoollee akka mirkanaa’u abdii guddaa qaba.”

"Waaq nu nageessi!” – jechuun eebba maanguddoon goolaban.