Sirna walharkaa fuudhinsa baallii Gadaa Gujii adeemaa jiru suuraaleen

Maxxanfame

Gujiin jilarra jira.

Ardaan Jilaa Me'ee Bokkoo namaan guutameera.

Walharkaa fuudhiinsa baallii Gadaa Gujiin, Gadaa Harmuufaa irraa gara Gadaa Roobaleetti qaxxaamuruuf namuu Gumii Bokkootti walitti qabameera.

Sirni aadaa kunis guyyootaan dura Godina Gujii Ardaa Jilaa Mee’ee Bookkootti kan raawwataa jiru ogguu tahu, sirnoonni akka lallabaa fi kaanis gaggeeffamaa jiru.

Abbaan Gadaa Uraagaa Jiloo Maandhoo turtii waggaa saddeetiin booda baallii kan dabarsan ennaa tahu, aangoo isaaniis Gadaa Roobaleetti dabarsu.

Jila walharkaa fuudhinsaa Me'ee Bokkoo kanarra abbootii Gadaa callaa adoo hin taane, haadholiinis uffata aadaan faayamuun hirmaatu.

Jilli Oromoo Keeniyaarraa daangaa qaxxaamuruun sirna baallii walharkaa fuudhiinsa Gadaa Gujii 75ffaa hirmaachuuf Me'ee Bokkootti argamaniiru.

Sirna Gadaa Gujiin Jiloo Maandhoo Abbaa Gadaa 74'eessoo ogguu tahan, Abbaan Gadaa Roobalee baallii fudhachuuf jiru 75'eessoo ta'a jechuudha.

Jilli kun milkiin akka xumuramuuf kanneen tumsan keessaa ogeeyyiin fayyaa isaan tokko.

Gareen Waldaa Hakimoota Oromiyaa ardaa jilaatti argamuun yaala fayyaa akka akkaa hawaasaaf kennaa jiru.

Suuraalee akkaan namni irratti haasa'uufi miidhagan keessaa tokko, akkaataa eeboo fi ulee jaarroleen lafa naqanii tarreen mul'atu isa tokko.

Naamusa lallaba Yuubaa*:

"Qophise"

"Toggise"

"Qoxxise"

Yaa'ii Gadaa Gujii keessatti erga yubootni dubbii seeraa dubbachuun, dabareen dubbatanii booda jechoota sadii dubbatu.

Yuubni tokko oggaa labsii labsuu jalqabu 'qophise' (nan jalqaba) kan jedhu yommuu ta'u, erga labsee xumurummoo 'toggise' (na gaha) jedha.

Kanamalees, yaada miseensa yaa'aa tokko kan mormu yoo ta'e 'qoxxise' jedha.

*odeeffannoo Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa irraa arganne

Ardaan jilaa bakka seerri itti tumamu callaa moti - bakka aadaan itti calaqqisiifamudhas.

Jilli jila milkii! Gadaa quufaa gabbinna!

Mirgi suuraa: Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa fi Waajira Komunikeeshinii Godina Gujiiti.