Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Miseensi koree giddugaleessaa KFO Jimmatti hidhame torban lamaan booda mana murtiitti dhiyeeffaman'
Miseensi Koree Giddugaleessa Kongreesii Federaalawaa Oromoo (KFO) Jimmatti hidhamee ture torban lamaan booda mana murtiitti dhiyaachuu abukaatoonsaa BBCtti himan.
Obbo Tokummaa Margaa miseensa Koree Giddugaleessaa KFO fi Koree KFO Godina Jimmaa yoo ta'an, gaafa Ebla 30 magaalaa Jimmaatti qaamolee nageenyaatiin to'atamu paartiin KFO ibsa Caamsaa 14 baaseen beeksiisera.
"Miseensa olaanaa paartii siyaasaa seeraan beekamtii argate tokko ajaja mana murtiitiin ala hidhuun, qaamoleen nageenya biyyatti sirna seeraa fi qajeelfamoota heera mootummaa tuffachuu isaanii ifatti agarsiisa" jechuunis komateera paartiichi.
Akka ibsa KFOtti, miseensa koree giddugaleessaa KFO kun turtii torban lamaan booda gaafa Caamsaa 15 mana murtiitti dhiyaachuu abukaatoonsaanii Obbo Obsinaan Girmaayee BBC'tti himan.
Kanaan dura abukaatummaadhaan yeroo gara garaatti miseensa KFO kanaaf dhaabachuu kan dubbatan Obbo Obsinaan, Obbo Tokkummaan kanaan duras marroo sadi, afur hidhamuu kaasaniiru.
Qajeelcha Waajira Poolisii magaalaa Jimmaa Aanaa tokkoffaatti otoo mana murtiitti hin dhiyaatiin torban lamaaf kan ture Obbo Tokkummaan paartiin Kongiresii Federaalawaa Oromoo ibsa baasuu hordofee mana murtiitti akka dhiyaate ibsa abukaatoon kun.
Obbo Obsinaan, "Obbo Tokkummaan miidiyaa hawaasaatiin jeequmsi mootummaa irratti akka ka'u kakaasuu fi qindeessuudhaan" himatamuu isaanii kaasuun, tasuma mana murtiitti waan hin dhiyeesiniif, "anillee waamamee waliin dadhacharratti hin dhiyaanne" jedhan.
Manni murtiis guyyoota 14 qorannoof gaafatame keessaa guyyaa torba hayyamuun gaafa Caamsaa 21'tti beellamuu BBCtti himan abukaatoon kun.
Kanaan duras Obbo Tokkummaan waajira poolisii magaalaa Jimmaa Aanaa tokkoffaa fi Aanaa lammaffaatti akkasumas Sabbata Daalattiitti gara ji'oota shaniif hidhamuu saanii kan yaadatan abukaatoonsaanii, "waggoota sadii, afur keessatti si'a sadii, afur hidhamuusaanii nan beeka" jechuunis dubbatan.
Bu'uura seera adeemsa falmii yakka Itoophiyaa keeyyata 29 jalatti namni tokko to'atamee sa'aatii 48 keessatti mana murtiitti dhiyaachuu akka qabu kan jedhan abukaatoon kun, namni kamuu beekamtii mana murtiitiin ala mana hidhaa turuu akka hin qabne yaadamee ta'uus ibsan.
Miseensi koree hojii raawwachiistuufi itti gaaftamaa ijaarsa KFO, Obbo Gurmeessaa Ayyaanoo gamasaanitiin hidhaan miseensa koree giddugaleessaa isaanii Obbo Tokkummaa Margaa irra gahe kan jalqabaa akka hin taaneefi marroo sadaffaaf ta'uu BBC'tti himan.
Obbo Tokkummaan hojjataa yunivarsiitii Jimmaa yoo ta'an, "sababiin inni ittiin deddeebi'ee hidhamu yoo jiraate, miseensa keenyaafi qabsaa'aa karaa nagaa ta'uun ala waan addaa hin qabu" jechuun dubbatu Obbo Gurmeessaan.
Ajjeechaa artistii duraanii Haacaaluu Hundeessaatiin boodas Jimmaa qabamee dhufee Daalattii Sabatatti hidhamee turuu kan yaadatan Obbo Gurmeessaan, "waan addaa waan godhe hin qabu; sodaachisuuf yookaan jeequuf ta'uu danda'a" jechuun ibsu.
"Si barbaanna, si qoranna jechuun yeroo baay'ee rakkisaa turan. Daalattiittis hidhanii rakkisaa turan" jechuun hidhaa miseensa isaanii kanarra gahaa ture yaadachiisu.
Mana murtiitti dhiyaachuusaa malee maaliin akka himatame akka hin barre kan kaasan obbo Gurmeessaan, "Abukaatoo isaattis hin himne, ofumaa [mana murtii] geessanii beellama itti fudhatanii deebisan" jedhu.
"Rakkoon ennaa sochiin jalqabu miseensota keenya hidhuu deddeebiin mul'ata. Kana qofa miti, erguma mootummaa ammaa aangoo qabateen asitti, miseensonni keenya lubbuun dhabamanuu jiru. Fakkeenyaaf Wallagga Bahaarraa Fiqaaduu Ayyalaa bakka buteensaa dhabneerra.
''Buraayyuu Ashawaameedaattis Mallasa Caalaa kan jedhamu bakka buuteensaa dhabneerra. Miseensonni keenya hoggantoota dabalatee mana hidhaa turan" jechuun dhiibbaa paartii isaaniirra gahaa jiru himu Obbo Gurmeessaan.
"Waajiroota keenya gara 206 kan ta'an keessaa waajira sadii qofatu hojiirra jira" jechuun karaa adda addaa dhiibbaan akka isaanirra gahu ibsu miseensi koree hoji raawwachiistuu KFO kun.
"Dirree dimokiraasii cufanii nagaa fi tasgabbiin ni dhufa jechuun hin danda'amu" kan jedhan Obbo Gurmeessaan, yaada namaa ukkaamsuu caala dirree dimokiraasii bal'isuudhaan nagaa fi tasgabbii biyyatiif hunduu gaheesaa akka bahatu gochuun murteessaa ta'uus dubbatu.