Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waayit Haawus doolaara miiliyoona 200'n galma shubbisaa ijaarsisuufi
Wayit Haawus doolaara miiliyoona 200'n galma shubbisaa ijaarsisuun hawwii Pireezidant Tiraamp irra deddeebiin ibsaa turan fiixaan baasuufi.
Galmi shubbisaa kuni gama baha Waayit Haawus ammayyaawaa tahe kan Giiftii Dureen Melaaniyaa Tiraamp fi qondaaloti biroo keessa jiraatan irraan ijaaramuuf jira.
Maallaqni ijaarsa galma kanaa arjooma Tiraampiifi namoota kaan maqaan isaanii hin dhahamne irraa kan argame yoo tahu Fulbaanatti ijaarsa jalqaba jechuun Pirees Sekireetarii Kaarolaayin Leeviit ibsaniiru.
Tiraamp Waayit Haawus keessatti galma shubbisaa ''bareedaa'' akka ijaarsisan irra deddeebiin himaa turan. Bara 2016tti Pireezidantiin yeroosii Baaraak Obaamaa akka ijaarsisu qarshii dhiyeessanillee Baaraak yaada isaanii otoo hin fudhatiin hafan.
Ibsa gaazexeessitotaa gaafa Kamisaa kennameen Leeviit ''waan akkaan barbaadamuufi Waayit Haawusiif miidhagina dabalataati, namoota 650 takkaatti teessisuu danda'a jedhan.
Yeroo ammaa gamni bahaa Waayit Haawus waajiraalee baayyee qabatee kan jiru yoo tahu namoota 200 qabachuu danda'a.
Leeviit galmi kuni gaafa ijaaramu isa affeerraa irbaataa gurguddaa hogganoota addunyaa dabalatuuf fa'iif dunkaana dhaabuu fa'i ni hambisa jedhan.
Bara 2029 marsaan aangoo Tiraamp otoo hin dhumiin ijaarsi galma kanaa akka xumuramus himan.
''Pireezidant Tiraampiifi Waayit Haawus dhaabota ijaarsa sirrii wajjin hojjechuun seenaan addaa Waayit Haawus kunuunsamee galmi hogganooti egeree fi lammiileen Ameerikaa itti gammadan gochuuf cichoomaan hojjenna,'' jedhan Ajajjuun Humna waraanaa Ameerikaa Suuzii Waaliis .
Galmi kuni ibsaafi faayaalee keenyan irraa kan Waayit Haawus isa kaan fakkaatu qabaata.
Tiraamp galma akka ijaarsisan irra deddeebiin himaa kan turan yoo tahu, ''akka koo namni waa ijaaruu beeku hin jiru, ani galma shubbisaa ijaaruun kan na qixxaatu hin jiru,'' jedhan.
Dabaluunsi Tiraamp ''yeroo affeerraan guddaan jiraatu dunkaana dhaabuu qabna innimmoo hin bareedu,'' jedhan.
Kora Iskootilaand dhihoo kanaan Tiraamp Pireezidantii Mana Maree Awurooppaa Arsillaa Vaan der Leeyiiniin ''Waayit Haawusitti galma shubbisaa bareedaa ijaaraa jirra,'' jechuun itti himan.
Bara 2016 yeroo Obaamaan aangoorra ture doolaara miiliyoona 100 kennuun Tiraamp Waayit Haawus keessa galmi kuni akka ijaaramu gaafatanii ture.
Yeroo sana Pirees Seekireetarii Josh Eernast yaadni isaani dhiyeessan waan dhugumaan itti yaadnu miti jedhanii ture.
''Mallattoo calaqqisaa Tiraamp Waayit Haawus keessatti waan nu barbaachisu miti,'' jechuun Eernast gaazexeessitootatti himan.