Baayidan bu'aan marii dhukaasa dhaabuu Gaazaa akka hin tuffatamne akeekkachiisan

Madda suuraa, Reuters
Pireezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan kanneen marii Gaazaatti hirmaatan yaalii dhukaasa dhaabuuf taasifamaa jiru akka hin tuffanne akeekkachiisan.
Baayidan marii marsaa kanaan booda isa kanaan duraa caalaa dhukaasa dhaabuutti ''baayyee siqneerra'' jedhan. Qondaalli Hamaas gameessi garuu shakkii ibsachaa jiru.
Pireezidantichi ''marii kana goolabuuf tattaaffii jabaa taasifamuuf,'' Ministara Haajaa Alaa Antoonii Biliinken gara Israa'el akka ergan himan.
Baayidan yaada kana kan dubbatan erga Ameerikaa, Kataariifi Masriin dhukaasa dhaabuufi warreen Gaazaatti butaman gadhiisisuu irratti yaada garaagartummaa Israa'eliifi Hamaas gidduu dhiphisa jedhame dhiyeessuun booda dha.
Bu'aan xiqqoon marii Kataar irraa argamu mootummoota waraana Gaazaa gara waraana naannootti geeddarama jedhanii sodaataniifi akka waan murteessaatti ilaalama.
Marii kanaaf warreen jaarsummaa taa'an mariin dhukaasa dhaabuu guyyoota lameen darbanii, ''yaada guutuun kan adeemsifame, kan ijaaruufi faara gaarii keessatti kan taasifame ture,'' jedhan.
Qondaaloti mootummaa irra deebiin Masrii, Kaayirootti wal arguun dura gareen teekinikaa yaada dhiyaate akkatti hojiirra oolchuun danda'amu irratti hojjetu. Kunis yaada Dohaatti dhiyaaterratti waliigaluufi.
Baayidan hogganoota Kataariifi Masrii yaada dhiyaate deeggaran waliin dubbachuu ibsaniiru.
Dabaluunis Biliinkeeniin gara Baha Gidduugalaa akka ergan himuun, ''nageenya'' Israa'eliif deeggarsa hin sochoone akka qabanis ibsaniiru.
Dhukaasa dhaabuu waliigalaa irra yoo gahameefi kanneen butaman akka gadhiifaman yoo tahe qaamni naannicha jiru kamiyyuu waliigaltee kana tuffachuun tarkaanfii fudhachuu hin qabu jedhan.
Ibsi mariisiftootaan kenname waan gaarii fakkaatus waliigaltee dhukaasa dhaabuurra gahuun dura garuu karaan dheeraan jira.
Biliinken isa kanaan duraa caalaa mariifi waliigaltee miilana taasifamerraa abdii akka qaban himuun dhukaasni dhaabuu kuni yoom taha kan jedhu garuu,''waan walumaan ilaallu,'' taha jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Pireezidantiin Ameerikaa waliigaltee dhukaasa dhaabuu jala gahameera jechuun kuni kan jalqabaa miti. Gariin namaa garuu abdii isaanii kana waan hirmaataa jiru hin fakkaatu.
Qondaalli gameessi Hamaas marii miilanaa irratti hin hirmaanne garuummoo qondaalota Kataarii fi Masrii waliin haasa'u, ''hogganni warraaqsa keenyaa mariin dhukaasa dhaabuu har'a Dohaatti geggeefame waliigaltee gaafa Adoolessa taasifame raawwachuu akka hin hammanne dhagaheera,'' jedhan.
Waajirri Ministara Mummee Israa'el Beenjaamiin Netaaniyaahuu tattaaffii, ''Hamaas warreen butaman hin gadhiisu isa jedhu akka dhaabu,'' taasifamu jajachuu hime.
Mootummaan Israa'el Hamaas balleessuudhaaf duula haleellaa kan bane, haleellaa otoo hin yaadamiin Hamaas gaafa Onkololeessa 7 Israa'elitti banee namoota 1,200 galaafachuun, kanneen 251 ammoo butuun booda dha.
Akka Ministeerri Fayyaa Hamaasiin hogganamu jedhutti waraana kanatti hanga yoonaa Gaazaatti namoonni 40,000 ajjeefamaniiru.












