Haleellaa Israa'el mana baruumsaa Gaazaa jirutti raawwatteen namoonni hedduu du'an

Gaazaa bakka halleellan itti gaggaffame

Madda suuraa, AFP

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Israa'el haleellaa Gaazaatti gaggeessiteen namoonni hedduu du'uu ejansiin ittisa sivilii Gaazaa beeksise.

Halleellaan qilleensarraa kun kan gaggeeffame mana baruumsaa namoonni heddu keessa daheeffatanitti yoo ta'u, kanneen du'an hanga namoota 100 akka ta'antu ibsame.

Waraanni Israa'el gamasaan wiirtuu ajajaa Hamaas achitti argamun haleele jechuun ibse.

Akka waraanni biyyattii ibsetti, Hamaas mana baruumsichaa keessa buufachuun ajaja kenna.

Ejansiin ittisa sivilii Gaazaa ammoo haleellan Israa'el kun namoota nagaa waraana baqatanii mana baruumsaa keessa jiran irratti kan xiyyeeffate jedhe.

Dubbii himaan ejansii ittisa sivilii Gaazaa kan ta'an Mahammud Baasal miidiyaa AFPtti akka himanitti namoonni du'an 90 hanga 100 gahu.

"Lakkoofsi namoota du'anii 90 hanga 100 ta'u. Kanneen madaa'an ammoo hedduudha," jedhan.

Akka Obbo Mahammud jedhanitti manni baruumsichaa rokkeettii Israa'el dhukaasteni kan haleelame.

"Rokkeettiin Israa'el dhukaaste sadi mana baruumsaa lammiilee Filisxeem buqqa'anii achi qubatan haleele," jechuun haala haleellan itti gaggeeffame ibsan.

Waraanni Israa'el ammoo hidhattoota Hamaas mana baruumsaa Al-Taba'een keessa buufatan irratti qiyyaafatee haleellaa gaggeessuu beekise.

Jalqaba torban kanaas manneen barnootaa wiirtuu ajaja Hamaas ta'an lama irratti haleellaa gaggeessuu Humni Waraana Israa'el beeksisee ture.

Waraanni Israa'elifi Hamaas gidduutti erga eegalee ji'a sagalii ol yoo ta'u, hanga ammaa lammiilen Filisxeem 39,600 sababa waraana kanaan du'aniiru.

Dhiyeenya qondaalli olaanan Hamaas Ismaa'el Haniyyaa Iraanitti ajjeefamuunsaa ammoo abdii waraana dhaabuu ture dukkaneessuu danda'a jedhamee sodaatamaa jira.