Baqataa Ertiraa baqattoota biroo ogummaan gahoomsuuf mana leenjii bane

Biyyoota Afrikaa Bahaa dargaggoonni Itoophiyaafi Etiraa irraa sababoota gara garaan baqatanii keessa jiraachuu filatan keessaa tokko Yugaandaadha.
Dargaggoonni achi godaanan kunneen hanga carraa gara biyya sadaffaatti darbuu argatanitti maallaqa firaafi hiriyyoota isaaniirraa qofa eeggachaa hojii malee jiraatu.
Ogummaa biyya irraa dhufanitti horataniin carraan hojii argachuus hedduu miti.
Ogummaa biroo irratti bobba’uuf ammoo hanqinni ogummaafi dandeettiin afaanii jiru rakkisaa taasiseera.
Rakkoo kana kan hubate dhalataan Ertiraa Akililuu Habtemaariyaam Yugaandaa magaalaa Kampaalaa keessatti dhaabbata ‘TrainUp Institute’ jedhu hudeesseera.
Bara 1982 Ertiraatti dhalatee kan guddate Akililuun, Asmaraatti Mana-barumsaa Ijaarsa Manneeniitti Sarvayii barateera.
Osoo Yugaandaa hin deemiin dura Sudaan Kibbaa keessa baqattummaan kan ture Akliluun, rakkoo dargaggootaa baqannaarra jiran erga argeen booda dhaabbata kana hundeessuu akka danda'e dubbata.
Akliluun ogummaa Injinaring ittiin eebbifameen Ertiraafi Sudaan keessatti waggoota shaniif hojjechuun isaa muuxannoo hojii akka horatu gargaareera.
Kana malees, jiruu baqattumma Yugaandaarra osoo jiruus Saalford Ingilizitti argamurraa Manajimantii Pirojektiidhaan MA Digiriin eebbifameera.
Kunis dhaabbata leenjii amma bane kana kessatti akka isa fayyade dubbata.
Yugaandaatti Naksas Yunivarsiitiittis akka Siiniyeer Feloo ta'ee abbootii qabeenyaa mana daldalaafi bulchitoota barsiisuudhaan beekumsaafi muuxannoo qabu bal'ifateera.
Dargaggoota baqannaarra jiran leenjisuuf maaltu isa kakaase?
Akililuun akka jedhutti Sudaan Kibbaatti hojii kaffaltaa guddaa itti argatu "namoota biroo kan fayyaduufi jireenya isaanii hojii jijjiiru hojjechuun qaba jedhee" gadhiise.
Yeroo jalqabaa dargaggoota muraasa leenjisuun jalqabee bara 2022 keessa dhaabbta leenjii 'TrainUp Inistitute' maqaa jedhuun banee qaamaafi fageenyaan dargaggoota ogummaa gara garaatiin leenjisuu akka eegale hima Akliluun.
Hojjetoota 3-4 ta'aniin jalqabee yeroo ammaa kana kan biyyoota gara garaa dabalatee hojjetoota 17 qacaruun dargaggoota godaantota ta'an leenjisaa jira.
Barattoota muraasaan kan jalqabe dhaabbanni leenjii kun waggaa tokko keessatti dargaggoota biyyaa godaanan 180 ogummaa gara garaan leenjiseera.
Jalqaba maamiltoonni isaa Ertiraanota qofaa akka ture hima. Yeroo ammaa kana garuu Itoophiyaanota, Somaalota, lammilee Koongoo, Ruwaandaa, akkasumas Yugaandaafi Indiyaanonni hangi tokko dhaabbaticha keessatti leenjifamaa jiru.

Turtii Sudaan Kibbaatti waan arge
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Namoonni Injiinaringii, Akkaawonting fi barnoota biroon eebbifaman yeroo hojiif qoraman hedduun isaanii waraqaa ragaa ni qabu garuu hojiidhaan agarsiisuu yeroo isaan rakkisu argeera jedha Akililuun turtii isaa Sudaan Kibbaan waan taajjabe keessaa.
Erga hojiitti qacaramanii boodallee beekumsa qaban hojiidhaan agarsiisuudhaaf waggoota akka isaan fudhatu erga argeen booda, "namoonni barnoota isaaniitiin qabxii gaarii qaban hojii irratti maaliif hanga isaanirraa eegamu hin gumaachan kan jedhu gaafachuu akka jalqabe yaadata.
Rakkoon isaa barnoonni gocha qabatamaa waliin walqabachuu dhabuu isaati jedha Akililuun.
Kana waan ta'eef, dargaggoon barnoota isaaniitti qaxalee ta'an leenjisuudhaan qabatamaan bu'aa lafarratti mul'atu fiduun ofii isaaniitis ta'e dhaabbata keessa hojjetan keessatti- abbaa qabeenyas haa ta'an warra qacaraman- bu'a qabeessa akka ta'an gochuu yaaduun akka jalqabe ibsa.
Afaab ittiin leenjisan Ingiliffaan ta'us tokkoo tokkoo gosa barnootaatiif viidiyoowwan ittiin baratan Tigirinyaatiin qophaa'an akka dhiyaatuuf taasifama," jechuun afaanota birootiinis qophiin taasifamaa akka jiru dubbata.

Rakkoowwan mudatan maalidha?
Hawaasa biyyattiifi seerota hubachuufi jireenya idileefi kanneen kana fakkaatan jiruu baqaa waliin walqabatee rakkoon akka jiru waanumabeekamudha jedha.
Namoonni baayyeen barnoota irratti kan hin bobbaaneef ykn invast irratti hingooneef dhaabbata leenjii banuudhaaf kan nama jajjabeessu waan hin taaneefidha.
"Haata'u malee, hawwiin koo namoonni barnoota irratti ogummaa qabatamaan leenjisee jireenya isaanii yeroo jijjiiratan arguu waan tureef tokko jedhee ka'uun narra ture," jedha.
Barattoonni dhaabbatichaa harki caalan barnoota isaanii sadarkaa lamaffaa xumuranii karaa gara garaatiin godaantota Yugaandaa galanidha. "Jireenya baqannaa keessatti beekumsa barnoota sadarkaa lamaffaa qofti gahaa akka hin taane muuxannoo jireenyaa keessatti argineerra," jechuun barbaachisummaa leenjii kanaa hima Akililuun.
Yugaandaa keessatti namni beekumsaafi ogummaa qabu tokko sirriitti yoo barate yoo xiqqaate mataa isaarrayyu darbee maatii isaa gargaaruu hanga danda'utti hojii argachuu akka danda'u ibsa.
TrainUp Inistitute Seerotaafi qajeelfamawwan Yugaandaa kan guuteefi Ministeera Barnootaafi Ispoortii irraa, akkasumas Biriitish Kaawonsil irraa dhaabbata beekamtii argatedha.
Hundeessaafi daarektarri dhaabbata kanaa Akililuu Habtemikaa'el Inistitiyuutichi gara fuula duraatti sadarkaa yunivarsiitiitti guddisuudhaaf kaayyoo qabaachuu dubbata.












