Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Deebii Chaayinaan taarifa US irratti kennite hojiirra ooluu jalqabe maali?
Waraanni daldalaa dinagdee addunyaa gurguddoo lamaan gidduutti taasifamaa jiru hammaataa yeroo dhufeetti, Chaayinaan qaraxni galtee ykn meeshaalee Ameerikaa irra gara biyyashee galan tokko tokkorra keesse Wiixata kaleessaa irraa eegaluun hojiirra ooleera.
Kun tarkaanfii prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp omishaalee biyyoota hedduurra qaraxa kaa'uudhaaf dorsiisuu hordofeeti.
Beejiing karoora kana kan beeksifte Guraandhala 4, daqiiqawwan muraasa qaraxa haaraan %10 Ameerikaan omishaalee Chaayinaa hundarratti keessee hojiirra ooluu eegalee booda ture.
Dilbata darbe Tiraamp sibiilotaa fi aluminiyeemii gara UStti galan hundarratti qaraxa %25 akka kaa'an kan ibsan yoo ta'u, beeksisni guutuun isaas Wiixata har'aa kan himamu ta'a.
Gaazexeessitoonni Air Force Onen irratti gara Super Bowl deemaa turan waliin haasawa taasisaniin, biyyoota biroo irrattis qaraxa deebii kennuu (reciprocal) kaa'uudhaaf karoorfachuu isaanii dubbataniiru, garuu biyyoonni kunneen kam fa'i akka ta'an irratti gadi fageenyaan hin dubbanne.
Qaraxa Chaayinaan dhiheenya meeshaalee Ameerikaa irratti gara biyyattii seenanirra keesse keessaa qaranni daangaa %15 dhagaa cilee fi oomishaalee gaazii uumamaa dhangala'aa biyya alaatii galfamurratti kaa'ame kan hammatudha.
Akkasumas, jikita boba'aa Ameerikaa, maashinoota qonnaa fi konkolaattota motora guddaa qaban irratti qaraxa %10 kaa'ameera.
Torban darbe, aanga'oonni Chaayinaa qorannoo farra dhuunfachuu (monoply) dhaabbata teeknooloojii guddaa Google irratti kan jalqaban yoo ta'u, PVH, abbaan qabeenyaa maqaa dizaayinaraa Ameerikaa Kaalviin Kilaayinii fi Toomii Hilfiger, tarree Beejiing "qaama hin amanamne" jedhamtu dabalamaniiru.
Kana malees , Chaayinaan sibiilota baay'ee qaalii ta'an 25 irrattis to'annoo al-ergii kan goote yoo ta'u, isaan keessaa tokko tokko kan oomishaalee elektirikii fi meeshaalee waraanaa hedduu tolchudhaaf murteessoo ta'anidha.
Tiraamp dhuma torban darbee sibiilotaa fi aluminiyeemii Ameerikaan galchiturratti qaraxa %25 kaa'uudhaaf karoorfachuu kan beeksisan yoo ta'u, kunis meeshaalee Kaanaadaa fi Meeksiikoorraa dhufan hundarratti qaraxa %25 kaa'uudhaaf doorsisaa turan dhaabuudhaaf waliigalteerra erga ga'anii guyyoota muraasa booda ture.
Tiraamp yeroo jalqaba pirezidaantii ta'anittis tarkaanfiiwwan walfakkaatan kan jalqabee ture yoo ta'u, sibiilota irratti % 25, aluminiyeemii irratti ammoo %10 kaa'ee ture. Haata'u malee, boodarra garuu, Kanaadaa, Meksikoo fi Biraazil dabalatee, michoota daldalaa hedduudhaaf kootaa qaraxa irraa bilisa ta'e kenneera - Kanaadaa, Meksikoo fi Biraazil dabalatee.
Qaraxni galtee Gamtaa Awurooppaa hanga bulchiinsi Baayidan Waayit Haawus galanitti furmaata hin arganne ture.
Qaraxni haaraan kun guyyoota itti aanan keessatti yoo hojiirra oolanitti biyyoonni, tarii yoo jiraatan,haala kanaan duraatiin walfakkaataa bilisa ta'an jiraachuu Dilbata darbe hin eeramne.
Qaraxa deebii kennuu (reciprocal) hojiirra oolchuuf yaaduun isaa ammoo waadaa duula filannoo qaraxa meeshaalee Ameerikaarra kaa'aman kaffaluuf seenee ture ni raawwata.
Akkasumas, qaraxni galtee konkolaattotaaf kaffalamu waliigalaa irraa bilisa ta'uuf yaadaa akka jiru erga gabaafamee booda akkuma jiruutti akka hafe dubbataniiru.
Tiraamp irra deddeebiidhaan, qaraxni Gamtaan Awurooppaa (EU) konkolaattota Ameerikaa irraa galfamu irratti kaffalamu kan Ameerikaan kaffaltu caalaa baay'ee ol'aanaa ta'uu komataniiru.
Torban darbe keessa ammoo, Tiraamp qaraxa meeshaalee Gamtaa Awurooppaa irratti kaa'amu ''yeroo dhiyootti'' hojiirra oolfamuu akka danda'u BBC'tti himaniiru. Haata'u malee, UK waliin waliigalteen ''taasifamuu'' akka danda'u yaada dhiyeessan.