Dhaabbanni dhuunfaa US yeroo jalqabaaf roobootii addeessarra qubsiise

Robootii addeessarra qubatte

Madda suuraa, INTUITIVE MACHINES

Maxxanfame

Dhaabbanni dhuunfaa Ameerikaa roobootoo addeessarra qubsiisun dhaabbatta daldalaa jalqabaa ta'e.

Ameerikaa bulchiinsa Huustan keessa kan buufate dhaabbanni Intuitive Machines jedhamu roobootii Odeeysas jedhamtu addeessarra qubsiisuu beeksise.

Dhaabbatichi roobootii addeessarra qubsiisunsaa kun dhaabbaticha qofaaf osoo hin taane sagantaa hawaa USf baay'ee murteessadha jedhame. Sababni ammoo Ameerikaan walakkaa jaarraa booda sagantaa addeessarra qubachuu kanatti milkaa'uusheeti.

Ameerikaan bara 1972tti sagantaa Appooloo jedhuun astiroonota addeessarra qubsiistee turte.

Ejansiin hawaa US kan ta'e NASAn hojii qorannoo saayinsiif robootii Odeesas irraa kutaa muraasa kan bitate yoo ta'u, bulchaan NASA Biil Neelsan dhaabbanni Intuitive Machines robootii addeessatti ergee milkaa'uusaatti gammachuusaanii ibsatan.

"US addeessatti deebitee jirti. Har'a seenaa keeessatti yeroo jalqabaad dhaabbanni daldalaa dhuunfaa- dhaabbanni Ameerikaa- deemsa gara addeessatti taasifamu milkeessee jira," jedhan gaggeessan NASA.

Roobitin addeessarra qubsiifamte kun jalqabarratti qunnamtii ogeeyyii lafa jiran waliin qabdu adda citee turus yeroo muraasa booda qunnamtiin deebi'e jedhame.

Hojjattoota

Madda suuraa, Getty Images

Bakki robootin kun qubatte addeessarra gara kibbaa bakka iddoon olka'aan itti baay'atuufi Malapert jedhamuun beekamuudha.

Addeessarra bakka kana NASAn waggoota muraasa booda astiroonoto erguuf akka jirus beeksiseera.

Bakkichi aduu argatee kan hin beekne yoo ta'u, bishaan cabbaa'e ykn cabbiin achitti argamuu danda'a jedhu saayintistoonni.

"Cabbiin baay'ee murteessadha, sababni isaa addeessarratti cabbii arganne yoo ta'e, fiduuf baay'ee nuuf salphata," jedha NASAtti daayireektara saayinsii pilaaneetii kan ta'e Loorii Gileez.

"Cabbicha gara bishaan dhugamuutti jijjiirree, oksijiiniifi hayidiroojiinii astiroononni akka harganiif isaan gargaaru irraa argachuu dandeenya," jedhe.