Barsiistuun Finfinnee maaliif shubbisaan dhaloota qaruu filatan?

Barsiistuu Caaltuu Kabbabaw, Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Boolee keessatti dhalatanii guddatan.
Yeroo ammaattis Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa Aanaa 6 keessa kan argamu Mana Barumsaa Olmaa Daa’immanii Beekee keessatti barsiisummaan qacaramanii hojjetu.
Barsiistuun mana barnootaa keessatti barattoota isaanii waliin shubbisuun beekaman kun, yeroo ammaa barattootaafi maatiin barattootaa akkasumas waahillan isaanii bira darbee fayyadamtoota marsaalee hawaasaan beekamtii horachaa jiru.
Barsiistuu Caaltuun barattoota daree isaanii sirboota sabaaf sablammootaan bashannansiisaafi shubbisaa barsiisu, kunneen daree isaaniin ala jiran immoo yeroo boqonnaa, sa’aa laaqanaatti fi Sambattan irratti yemmuu wal argan waliin shubbisuun qaru.
“Sa’aa boqonnaatti barattoonni iddoon jiruu na barbaadanii na fudhatu. Yeroo tokko tokko yeroon hojii of harkaa qabu nan baqadha, dhokadheen hojjedha,” jechuun himu.
Waltajjiileen Waldaa Maccaa Tuulamaa jaalala muuziqaa isaaniif bu’uura akka ta’e kan himan Barsiiftuu Caaltuun, “Yeroo ijoollummaakoo Waldaa Maccaa Tuulamaatu ture. Anaafi hiriyoonnikoo waltajjii Maccaa Tuulamaarratti guddanne.
"Yeroo maatiin keenya ji’a ji’aan nu fudhatanii deeman sirbis jira waan ta’eef achumarratti barannee guddanne,” jedhu.
“Sirboota Afaan Oromoo dhaggeeffachaan guddadhe. Karaarra yeroon deemuuyyuu Afaan Oromoo yeroon dhagahu nan naha,” jechuunis himu.
Abbaan isaanii reebicha mana hidhaa Maa’ikalaawii keessatti irratti raawwatameen lubbuun akka darbe kan himan barsiistuun kun, abbaankoo “afaan keenya guddisuuf Finfinnee keessatti manni barumsaa Afaan Oromoo banamuu qaba jedhee qabsaa’aa kan turedha,” jedhu.
Kanaafis sababni shubbisa ittiin beekaman kana itti jalqaban aadaafi eenyummaa ofii guddisuu akka ta’e himu.
“Afaan nan beeka, eenyummaakoos sirriittin beeka, kan namaa hintuqus, hinjibbus. Kankoo guddisuun garuu dirqamakooti,” jedhu.

'Bashannansiistee barsiisuun dirqama'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waggoota 15 dura gara ogummaa barsiisummaatti kan seenan barsiistuun tun, “ijoollee waliin baay’een walitti dhiyaadha, ijoollee baay’een jaaladha waan ta’eef kutaa 10ffaa yemmuun xumurutti maatiinkoo ‘maal baratta’ jedhanii yemmuu na gaafatan barsiisummaa akkan fedhu itti hime,” jedhu.
Barsiistuu Caaltuun jaalala ijoolleen cinatti dhimmi ‘ijoolleen maaltu itti himamuu qaba’ jedhu dhimma gara barsiisummaa seenuuf sababa ta’eef isa biraa akka ta’e himu.
Kanaafis ogummaa barsiisummaa baratanii erga xumuranii booda barsiisummaan qacaramanii hojjechuu eegalan.
Duudhaalee barsiisummaa keessaa tokko barattoota bashannansiisaa barsiisuu akka ta’e kan himan Barsiiftuu Caaltuun, “Jalqaba ijoollee yeroo barsiistu gammachiistee, bashannansiistee barsiisuun dirqama. Seerasaatu jedha,” jedhu.
Haata’u malee wanti manneen barnootaa keessatti taajjaban kanaan faallaa akka ta’es himu.
“Ijoollee bilisa godhanii barsiisuun hinjiru. Ijoolleen guyyaa guutuu gabatee gurraacha ilaalaa oolanii barachuu qabu jedhee hin yaadu. Taphachaa bilisa ta’anii barachuu qabu jedheen yaada,” jedhu.
Kanaafis isaan barattoota bohaarsaa barachuu akka filatan himu. “Ani durayyuu yeroon taphadhus, yeroon bashannanus muuziqaa baay’een jaaladha waan ta’eef, ijoollee keessa yemmuun dhaabbadhuufi faarfachaa yemmuun barsiisu barattoonni baay’ee fudhatu,” jedhu.
Gochaan isaanii kun barattoonni wanta baratan akka ofitti fudhatan gochuun dabalataan waltajjii akka baran akka taasisus himu.
Dabalataan “faayidaansaa qaama ijoollee jajjabeessa, aadaa barsiisa akkasumas afaan barsiisa waan ta’eef faayidaa baay’ee qaba,” jechuun himu.
Kana malees barattoonni mana barnootaa deemuu akka hin hafne gama taasisuutiinis gummaachisaa olaanaa ta’uu himu.
Barattoonni isaanii shubbisa isaaniin baay’ee gammadoo akka ta’an kan dubbatan Barsiiftuu Caaltuun, “ibsaan hinjiru yoo jenne baay’ee dallanu, wal lolaa oolu, keessi isaaniis ni jeeqama,” jedhu.
Maatiin barattootaas haaluma walfakkaatuun gochaa isaaniitti gammadoo akka ta’an himuun, “baay’ee jabaadhu, as keessaa si qabna, ati waan jirtuuf ijoollee keenya as fidna kan jedhanis jiru,” jedhan.













