Dureessota ijoollee isaanii qabeenya akka hin dhaalsisne dursanii beeksisan

Madda suuraa, Getty Images
Weellistuun US Maari Osmondi dhihoo ijoo dubbii kan ishee taasise qabeenyaa ishee dhala isheef akka hin dabarsine dubbachuu ishiiti.
Qabeenya dolaara miiliyoona 20 tilmaamamu kan qabdu Osmoond qabeenya horatte dhala isheef dabarsuu diduun jibbarraa kan madde miti jette.
Ijoolleen ishee karaa milkaa’inaa ofii isaanii akka barbaadaniif yaaddee akka kana goote ibsite.
Daa’imman qabeenya yookiin beekamtii maatii isaanii fayyadamuun hojii isaanii utuban Nepo (nepotism) babies jedhamu. Nepotism mattaa’aa akka jechuuti.
Turtii Barruu Ameerikaa waliin taasisteeni maatii waan qaban ijoollee isaaniitti kennanirra kan milkaa’e hin agarre jechuun kan dubbatte.
Kanneen yaada kana deeggaran garuu ishee qofa miti.
Daani'el Kireeg
Taatoon lammi Biritiish Daani’el, kana dura dhala ofii qabeenya dhaalsisuun ‚‘‘hin gammachiisu‘‘ jechuun ibse.
Qabeenyi artistii kanaa dolaaraa miiliyoona 125 tilmaamama.
Inni kana haa jedhuyyuu malee intalli isaa hangafaa Ellaa jedhamtu milkoofteetti.
Dhaabbata Ford Models bakka bu’uun barruuwwan addunyaa bebbeekamoo irratti baateetti.
Akkuma abbaa ishee taatoo filmii akkasumas tiyaatira irratti hirmaachuuf carraaqxeetti.
Gordon Raamse
Gordon Raamse nama nyaata qopheessuun sadarkaa addunyaatti beekamtii guddaa horatedha.
Haa ta’u malee, ijoolleen Gordon Raamse shanan qabeenya abbaa isaaniin kan itti basha’an miti.
Ijoolleen nama beekamaa kanaa resturaantii gatii qaalii kanfalsiisu kan abbaa isaanii ta’e kanatti carraan dhaqanii nyaachuu isaanii baay’ee xiqqaadha jedha Raamse.
Yeroo imalarra jiraniis xiyyaara keessa sadarkaa jalqabaarra maatii waliin hin balali’ani.
‘’Kuni akka isaaniif maluuf cimanii hin dalagne,’’ jechuun Raamsen sababa hime. Qabeenyi nama kanaa paawundii miiliyoona 63’tti tilmaamama.

Madda suuraa, Getty Images
Osooma du’ellee qabeenya qabu ijoollee isaaf kennee du’uu akka hin barbaanne ibseera.
Ijoolleen Raamsey ammatti hojiirra jiru. Intalli hangafaa, Megaan, yunivarsiitii seentee saayikoloojii baratte, ilmi isaa hangafaa, Jaak, immoo leenjiif waraana galaanaa seeneera.
Quxisuun isaanii intalli ganna 21 Matildaa garuu Tv gubbaa akkuma abbaa ishee sagantaa nyaata dhiheessuu eegalteetti.
Inistaagiraamaafi Tiktikok gubbaas hordoftoota miiliyoonaan lakkaa’aman horatte.
Istiing
Qabeenyi isaa dolaaraa miiliyoona 400’tti tilmaamama. Haa ta’u malee gaafa du’e ijoolleen isaa qabeenya isaa homaatu akka hin arganne dubbate.
‘’Waan arganne itti dhimma baana, wanti hafu baay’ee miti,’’ jedhe abbaan ijoollee jahaa miidiyaa Daily Mail’tti yoo kana dura dubbatu.
Qabeenya isaanii ijoollee isaaniif akka hin dhiifneefi akka hojjetanii argatan dhaaman.
Intalli weellisaa kanaa Miiki Samnar garuu beekamtii argachuurraa wanti ishee dhorke hin jiru. Filmii Frances Ha jedhamuurratti qooda fudhatte.
Ijoolleen muziqeessaa kanaa lameen biroon immoo muziqaa keessa jiru.
Inumaa booda kana ilma isaa Joo jedhamu wallee addunyaa naanna’un dhiheessu keessa akka qooda fudhatu taasise.
Waaran Bafeet
Dureessi beekamaa addunyaa Waaran Bafeet qabeenya horatan keessaa 99% ol akka arjoomu yaada qaban ibsaniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Kana jechuun ijoollee isaaniif wanti hafu baay’ee xiqqoodha jechuudha.
‘’Ergan maatii akkaan dureessa ta’an hubadhe booda, gorsikoo kunooti: ijoolleef waan gahaa waa itti godhatan dhiisaafii [darbaa],’’ jechuun bara 2021 kataban.
Ijoolleen isaanii yeroo ammaa ga’eessa ta’an muuziqaa, siyaasa, eegumsa naannoofi gargaarsa kennuurratti xiyyeeffataniiru.












