Ameerikaan Kooriyaa Kaabaa waliin mari'achuu feetulleen garuu attamiin akka ta'e hin barre jedhame

Maxxanfame

Barootaaf biyyoonni lixaa fi Ameerikaan, keessumatti gaaffii rakkoo Kooriyaa Kaabaa fakkaatan attamiin furamu? kan jedhu of gaafatu.

Amma yeroo biyyoonni qoqqobbiin irra kaa'ame lamaan, Kooriyaan Kaabaafi Raashiyaan michummaa jaarraa haaraa keessa seenan kanatti ammoo kun caalaa waan atattamaan barbaachisuudha. Garuu Ameerikaan waan bitaa itti gale fakkaatti.

Waliigalteen Raashiyaafi Kooriyaa Kaabaa jidduutti taasifame ifa miti, garuu ammoo yaaddoo guddaan Raashiyaan teeknooloojii misaa'eela balistikii ykn sirnoota nilulaara bishaan jala imalanii qooduufii dendeessi kan jedhuudha.

Hanga ammaattis Puutiin bitaa itti galuudhaan gara biyyoota qoollifataman akka isa gargaaraniif ''kadhachuutti'' deebi'eera.

Haata'u malee Kooriyaa Kaabaa amansiisuudhaan diinagdee Ameerikaa keessatti wanti hafe kan jiru hin fakkaatu.

Gabaasaan Isteet Dippaartimantii tokko akka qooseetti, Piyaangyaangi keessatti suuqii tokko qofaadha kan irratti hin xiyyeefatamanin hafe jedhee ture.

Kanaafuu Pirezidanti Baayidan kan Chaayinaa waliin walitti dhufeenya cimsachuuf yaalaa ture amma attamiin dursaa Kooriyaa Kaabaa gara mariitti fiduu danda'a laata?

Nagaadha, dhumeera

Pirezidanti Baayidan Caamsaaa bara darbee wayita gara magaalaa Seul imalanii turanitti, dursaa Kooriyaa Kaabaatiif ergaa yoo qabaatan gaazexessitootaan gaafatamanii, ''Nagaadha. Dhume'' jedhanii ture.

''Osoo Baayidan dhuguuma mariidhaaf qophaa'aa ta'e, Isteet Dippaartimantiin ammoo waan kun fuula agarsiisuu ta'e jedhu fakkaata,'' jedhan Firaank Amuun, eksipartiin Eshiyaa Kaabaa Institiyutii Nagaa Ameerikaa irraa.

Innis kun carraa gara biraa darbuuf jiruudha jedhan. ''Waggoottan 70 darban keessa gama lamaaniinuu carraawwaniifi tarkaanfiiwwan osoo hin fayyadamamiin hafan hedduu darbe. Kunis haala amma keessatti argamnuutti geesseera,'' jedhan.

Amma ammoo Aab Kiim fedhii kan hin qabne fakkaachuu mala. Gaaffii Ameerikaan yeroo barbaadameefi bakka barbaadameetti waliin mari'achuuf dhiyeessiteef deebii hin kennine.

Akkasumas walitti fufiinsaa meehsaalee nikulaaraa gabbiisuudhaan yaaddoo cimaa ta'usaa yeroo garaa garaatti mirkanneesseera. Erga bara 2022 asitti yeroo 100 ol yaalii misaa'eelaa raawwateera.

Akkasumas saatalaayitoota basaasaa furguuggisuuf yeroo lama yaalee hin milkoofneef. Egaan taateewwan kunneen hundi kan raawwataman osoo bulchiin Kiim qoqqophaa cimaa jala jiruutiiyi.

''Akkan yaaduutti Ameerikaan Kooriyaan Kaabaa hangam dhiibbaa idil-addunyaa irra jiru qolachuuf kuttannoodhaan socha'aa akka jiru kan gadi xiqqeessitee ilaalte natti fakkaata,'' jedhan Aab Auum. ''Namoonni sadarkaalee bulchiinsa adda addaa irratti argaman dhimmaKooriyaa Kaabaa akka dhimma yaaddoo nageenyaa sadaffaatti fudhachuun xiyyeeffannoo barbaachisuu guutuu hin kenniineef. Kunis tarii sababii biyya xiqqooo taateef ykn ammoo waan yeroo garaa garaatti rakkoo keessa jirtuuf ta'u mala.''

Ekpartoonnis kun Kiim akka xiyyeeffannoon barbaachisuu gadi addunyaadhaan itti kennamu taasiseera jedhu.

Yaaddoo olaanaan Beejiingiif kenname akka balaa gama Piyaangiyaangiin jiru gadi xiqqaatee ilaalamu taasiseera jedhan xinxalaan Kooriyaa Garee Kiraayisis keessa hojjatan, Kiristofar Giriin.

Ibidda, mufannaafi hiriyummaa

Kooriyaan Kaabaa bara 2017 ture hayidirooliik boombii misaa'eela keessa kaa'amee dhokaafamu ahaala mikaa'een hojjachuu kan beeksiifte, kunis omisha meeshaalee nikulaaraa keessatti tarkaanfii olaanaadha.

Pirezidantiin US yeroo sanaa Donaald Tiraamp Kooriyaa Kaabaa dorsiisanii ture. Yeroo nattis Kiim ammoo meeshaa nikulaaraa guutuufi furtuunsaas deeskii isaarraa akka qabu ifa taasise.

Haata'u malee Tiraam carraa waliin mari'achuu isaa kennuun bara Waxabajjii 2018 keessa Singaaboortii yeroo jalqbaaatiif harka wal fuudhan.

Kunis hooggantoota lamaan akka yeroo sadi walgahiidhaaf waliin taa'aniif carraa kenneef. Tiraampiifi Kiim Singaapoor, Haanoyi fi daangaa Kooriyaa Kaabaarratti wal arganii ture. Haata'u malee waliigaltee omaatu osoo hin taasisiin adda bahan.

Walgahiiwwan lamaan walitti dhufeenya dippilomaasii US fi Kooriyaa Kaabaa jidduu fooyyeessanii ture. Yeroo murteessaan ammoo yaa'ii Guraandhala 2019 Haaniyiitti gaggeefameedha.