Namoonni dur caala waggaa 100 ol jiraachuun maaliif dabalaa dhufe?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Eebbi 'umurii harraagessaa siif haa laatuun' jedhu kan hojjateefituu qabatamaadhaan waggaa 100 qaqqabu. Garuu namoonni umurii dheeraa kana jiraataan lakkoofsaan muraasa.

Ofii iccitiin umurii dheeraa jiraachuu maali?

Johawoo Marinoo Neetoo, maanguddoo raagaa addunyaa amma lubbuun jiran yoo ta'u, umuriin isaanii ganna 112 guutera.

Dur loon horsiisaa kan ture Johawoo Marinoon, kaaba baha Biraazil, magaalaa xiqqoo Apiyires jedhamu keessa jiraatu. Foon lukku nyaachuu jaalatu.

Jaarsi kun Sadaasa darbe keessa nama umriin dheeraa lubbuun jiru ta'uun Biraazilirra darbee maqaan isaa addunyaarrattuu mataa oduu ta'e.

"Anillee hunda caalaa bareedaadha" jedhee narsoota oduu kana itti himan keessaa tokkotti qoose maanguddoon kun.

Obbo Neetoon lammii Biriteen Joon Tiniswuud umurii waggaa 112tti du'uu hordofee nama umrii dheeraa lubbuun jiru ta'uun galmee dinqiisoo -Giinis World Book irratti galmaa'era.

Addunyaarraa namni hunda caala umuriin raagaa lubbuun jirtu lammii Jaappaan Tomikoo Itookati- ammaatti umurin ishee ganna 116 akka ta'e himameera.

Aadde Otookaan Hagayya darbe galmee haaraarratti galmoofte.

Addunyaarratti namoonni guyyaa dhaloootasaanii waggaa 100ffaa kabajatan dabalaa jiru. Bara 2030tti lakkoofsi isaanii miliyoona guuta.

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti dameen dhimma qubsuma ummataa akka jedhutti, namoonni 588,000 umuriin isaanii 100 ol ta'e bara 2024 jiraachuu eere.

Xumura waggoota kurna kanaatti lakkoofsi isaanii miliyoona tokko guuta.

Bara 1990 keessa lakkoofsi namoota umriin isaanii 100 ta'ee lubbun turan 92,000 ta'u. Ilmi namaa gama umrii dheeraa jiraachuuf bu'aa ba'ii danuu keessa darbe.

Bara akaakilee keenyaan wal bira qabnee yoo ilaallu dhiyeessiin qorichi, haalli nyaataa fi jireenyaa fooyya'eera. Isaan kun umurii dheeraa jiraachuu gumaacha qabu.

Namni bara 1960 dhalate akka ragaa UN agarsiisutti giddugaleessaan naannoo waggaa 52 jiraachuu danda'a.

Waggoota 60 booda, addunyaa amma namni tokko giddu galeessaan waggaa 73 ol jiraata, UN akka jedhutti bara 2050tti waggaa 77tti ol guddata.

Ganna 100 gahuun ammallee salphaa miti.

Bara 2023tti Namoonni umuriin isaanii waggaa dhibbaa qaqqabe ummata addunyaa keessaa %0.007 qofa akka turan ragaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii ni mul'isa.

Saayintistoonni carraan umurii ganna 100 qaqqabuu irra caalaa keenyaaf xiqqaadha jedhan.

Qorannoon bara 2024 Inistiitiyuutiin qorannoo qubsuma ummataa Faransaayii gaggeesse akka jedhutti, ijoollee bara 2023 dhalatan keessaa dhiiraa %2 ol fi shamarran %5 gaditu ganna 100 qaqqaba.

Namoonni dullooma keessa jiran dhukkuboota yeroo dheeraaf irra turaniin akka qabaman hubachuun barbaachisaadha.

Yunvarsiitii Birminghamitti pirofeesara Seelii Baayoloojii kan taate Jaaneet Loord, ''Umuri dheeraa jiraachuun jechuun jireenya gaarii jiraachuu miti,'' jetti.

Pirofeesar Jaanet akka ibsitutti, giddu galeessaan dhiironni waggoota 16 gara xumuraa dhukkuboota akka sukkaaraa fi dhibee waa dagachuutiin rakkatu.

Dubartoonni ammoo waggaa 19 gara xumuraatti rakkoo kanaa saaxilamu.

Iccitiin waggaa 100 jiraachuu maali?

Lammiin Faransaay Jeenii Kalment bara 1997 umurii waggaa 122tti duute yoo ta'u, waggaa 120 ol jiraachuu isheef nama tokkittii beekamtii argatte. Yoo 100 gahuun cimaa ta'e, kana caalaa jiraachuun ammoo daran ulfaataadha.

US keessatti qorannoon yeroo dheeraa Yunivarsiitii Booston gaggeesse akka akka agarsiisutti, lammilee Ameerikaa miliyoona shan keessaa tokko qofatu waggaa 110 jiraata.

Lakkoofsi lammilee Ameerikaa umuriin isaanii waggaa 100 fi isaa ol ta'anii bara 2010 naannoo kuma 50 ture, bara 2020tti gara kuma 80 ol akka guddate ragaan lakkoofsa ummataa Ameerikaa mul'isa.

Kanaaf namoonni ganna 100 ol jiraatan qorannoof qalbii saayintistootaa booji'u.

"Namoonni ganna dheeraa jiraatan kun waanta namoota dulloomuu mudatu jedhamu hin fudhatan. Maaliif akka ta'es ammatti sirriitti hin beeknu," jechuun Piroofeesar Loord ibsaniiru.

Namoonni umuriin isaanii waggaa dhibbaa ol taʼan umurii isaanii wajjin wal bira qabamee yoo ilaalamu fayyaa gaarii qabaachuun adda isaan taasisa.

Johawoo Marinoo Neetoo, ijaan sirriitti hubachuu dadhaburra kan darbe rakkoo fayyaa biroo tasumaa hin qaban jedha narsoota isaan kunuunsan keessaa tokko isaa.

"Qoricha tokkollee fudhachuu hin barbaadu, dhukkuba hamaas hin qabu. Umuriin isaa 112!" jechuun Alleeliyaa Teyiksiyaa BBC'tti himte.

Wanti ogeeyyii caalaatti ajaa'ibu ammoo namoonni muraasni umrii ganna 100 fi sanaa ol ga'uun fayyaa gaarii hin qaban.

Obbo Neetoon jireenya fooyyee jiraachaa fi guutummaatti dhugaatii alkoolii akka hin dhugne ilmisaani hangafti himeera.

Lammiin Faransaay Jeenii Kalment umrii waggaa 122tti kan duute, tamboo kan xuuxuu fi chokkoleetii baay'ee jaalatti turte. Saantistoonni ammayyuu akkamitti akka dulloomnu hubachuuf yaalaa jiru.

Qorannoon bara 2011tti barruu 'American Geriatric Society' jedhamurratti maxxanfame, Yihudoota Ameerikaa umuriin waggaa 95 fi isaa ol ta'an 400 ol irratti xiyyeeffate.

Jarri kun amala badaa baay'ee akka qaban ifoomse. Namoonni qorannoo kanarratti hirmaatan keessaa %60 tamboo xuuxu.

Harki walakkaan isaanii furdina garmalee qabu, isaan keessaa %3 qofti soorata biqilturraa qophaa'an qofa soorata, sochii qaamaas baayyee hin hojjatan.

"Namoota umurii dheeraa jiraachuuf fedhanitti wanti jalqaba himnu, namoota waggaa dhibbaa ykn waggaa dhibbaa ol ta'anirraa gorsa akkaataa jireenyaa fudhachuu dhiisuudha," jedhu Yunivarsiitii Biraayitanitti Piroofeesara ogeessi qorannoo dulloomaa kan ta'an Riichaard Faaraager .

"Waan namni tokko umurii dheeraa akka jiraatu gargaaru irraa faallaa ta'e hojjatu, kanaaf tarii waanti adda isaan godhu jiraachuu mala," jedhu Faraghe.

Saayintistoonni umurii dheeraa jiraachuuf qacceen qooda guddaa qaba jedhanii shakku.