Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Namoonni umrii ganna 100 ol jiraatan lakkoofsisaanii maaf dabale?
Jooseef Maariyaa Da Konsikaawo umriin ishee ganna 120 ta’uu maatiin ishee ni dubbatu.
Maanguddoon kun qonnaan bultuudha. Akka dadhabaa adeemaa jirtu maatiin ishee hubataniiru.
Keessattuu ‘‘tamboo naa fidaa’’ jechuu dhiifnaan maatiin ishee maal akka taatee wallaalan.
Jooseef umriishee harka caalu tamboo aarsaa turte.
Maanguddoon kun dulloomnaan maatiin akka tamboo aarsu dhiistu itti himanillee fudhachuu didde.
‘’Tamboo naaf hin kennitan taanaan anuu manaa bahee bitadha,’’ jettee doorsisaa turte.
Ijoollee Jooseef afran kessaa tokko kan taate Siseeraan haati ishee tamboo gaafachuu dhiifnaan naate.
Jooseef Maariyaa ijoollee 22 kan deesse, isaan kessaa afur qofatu lubbuun hafe.
Waggoota dhiyoon asitti Jooseef Maariyaa dadhaba adeemte.
Miidiyaan biyyattii maanguddoo addunyaarratti ‘’umriin hunda caala raagan’’ jedhee waame.
Jooseef Maariyaa bara faranjoota 1902 dhalatte.
Galmee dinqinsiisoo addunyaarratti maqaa ishee galmeessiisuuf tattaaffiin taasifame garuu hin milkoofne.
Amma dubartii umriin raagde jedhamte kan galmoofte maanguddoo ganna 118 monoksee lammii Faransaay.
Gama dhiiran ammoo umrii dheera jiraachuun lammii Venzuweelaa Huwaan Vinsante Mooraa jedhamutu galmaa'e.
Namoonni umriin isaanii ganna 100tti dhiyaate lakkoofsi isaanii addunyaarratti dabalaa adeemeera.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti dhaabbanni lakkoofsa uummata hordofu akka jedhutti, bara 2021 namoonni 621,000 yoo xiqqaate umrii ganna 100 ol jiraatan.
Xumura jaarraa keessa jirru kanatti lakkoofsi namoota umrii ganna 100 ol jiraatanii miliyoona tokko caala jedhamee eegama.
Bara 1990 namoonni umrii waggaa 100 qaqqaban 92,000 qofa turan.
Namoonni umrii dheeraa akka jiraatanii dawaan gargaaran tolfamuufi haalli jireenya fooyyaa’un barrii jireenya namoota akka dheeratu gargaare.
Bara 1960 keessa namoonni dhalatan giddugaleessaan umrii ganna 32tti dhiyaatu jiraatu ture.
Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii akka jedhutti bara 2021 namoonni umrii ganna 100 jiraatan dhibbantaa 0.008 turan.
Dheerinni umrii giddugaleessaa dhala namaa 73 qaqqabeera. Lakkoofsi kun biyyaa biyyatti garaa garummaa qaba.
Jaaappanitti umriin giddugaleessaa 73 yoo ta’u, Afrikaa-Giddugaleessatti umriin giddugaleessaa 54 ta'a.
Qorattuun hawaa Pirofesar Jenet Loordi,’’ umrii dheerachuu jiraachuun jiruu gaarii jiraachuu jechuu miti,’’ jedhan.
Dhiironni waggoota 16'n umriisaanii gara xumuraatti dhibeewwan akka sukkaaraafi waa dagachuu(dementia) waliin rakkatu.
,Dubartoonni ammoo umriisaanii ganna 19 gara xumuraatti dhibee kanaan dararamu.
Iccitiin umrii dheeraa jiraachuu maali?
Qorattoonni jireenya dhala namaa hordofan namoota umriin isaanii ganna 110 guute haala addatiin qoratu.
Pirofesar Jenet Loordi ‘’namoonni kun kanneen umriin raagaan biroo adda. Amma yoonaatti addaa waanti ta’eef hin beekamne,’’ jedhan.
Namoonni kun umriin ragaanillee hanga tokko fayya buleeyyiidha.
Lammiin Biraazil umrii dheeraa jiraatan hordoffii ogeeyyii fayyaa hin qaban.
Fooniifi waan mi’aawu ni nyaatu.
‘’Hanga tokko waa dagatu. Kan bakkaa bakkatti sochoosu fi mana dhiqannaa geeessu nuyi. Haata’u malee, tamboo xuuxaafi hojii humnaa hojjataa umrii dheeraa akkasii jiraachuun ajaa’iba,’’ jedha ilmisaanii umrii ganna 76.
Qorattoonni kan ajaa’ibsifatan namoonni umrii dheeratan jiruu fooyyee jedhamu kan jiraataa turan miti.
Bara 2011 qorannoon barruu saayinsii Ameerikaarratti maxxanfame akka jedhutti, Jiwishoonni umrii ganna 95 fi isaa ol jiraatan barsiifata fayyaa namaa miidhan kanneen qabaniidha.
Namoota kana keessaa 60% tamboo aarsu, gartokkeen isaanii furdina saayinsiin gorfamuu ol ta’e qabu, sochiin qaamaa kan baayyee hin hojjanneefi fuduraaleefi kuduraalee soorachuu warra jaalataniidha.
Yunvarsiitii Birijitan jedhamutti qorataa kan ta’an Pirofesar Richaard Fargaar akkas jedhu:’’ namoonni kun addadha. Namoonni umrii dheeraa akka jiraatan kan nuti gorsinu faallaa jiraatu,’’ jedhan.
Namoonni kunneen umrii dheeraa kan jiraatan dhala sanyii isaanirraa ka’uu hin oolle tilmaamni jedhu jira.
Sababni isaa barsiifanni hamoon jireenyaasaanii baayyee hin miine.
Bara 2020 qorannoon bahe akka akeekutti, dulluma keessaa dhibeewwan nama qaban hedduun dhala sanyiin waliin hidhata qabu.
Lakkoofsi namoota umrii ganna 100 ol jiraatanii dabaluu hordofee umrii ganna 100 ol jiraachuun akka danda’amu saayintistoonni akka yaadan taasisera.
Namoota umrii arraagessaa jiraatan
Addunyaarratti namni umrii dheera jiraatan jedhaman lammii Faransaayii yoo ta’an waggaa 120 jiraatanii bara 1997 du’an.
Qorannoon Yunvarsiitii Waashingitenitti gaggeeffame akka akeekutti jaarraa kana keessaa umrii namni dachee kanarra jiraatu ni dabala.
Qorannoon kun akka jedhutti namoonni umrii ganna 125-130 jiraachu danda’u.
‘’Bara2,100tti umrii namni dacheerra turu kan ammaa akka caalu nama hin shakkisiisu. Namoonni hanga umrii ganna 126, 128 fi 130 jiraatu,’’ jedhan ogeessii Maayikil Peraas jedhaman.
Iccitii umrii dheeraa jiraachuu ifa baasurratti ammas taanaan qorannoon saayinsiif waan danuutu hafa.