Iloon Maask hojjettoota federaalaa USn 'hojii milkeessitan tarreessaa ykn gadhiisaa jedheen

Madda suuraa, Getty Images
Hojjettoonni mootummaa federaalaa Ameerikaa Sambata kaleessaa imeeliin hojii torbee darbe keessa milkeessan akka tarreessan ykn hojii akka gadhiisan gaafatu isaan qaqqabeera.
Kunis bulchiinsa Tiraamp irraa oduu hojjettoota federaalaa ilaallatu boodana dhagahame dha.
Namni Tiraampif amanamaa ta'e dureessi addunyaa kanaa Iloon Maask miidiyaa hawaasaasaa X irratti ''imeeliin torbee darbe keessa maal akka hojjetan gaafatu isaan qaqqaba,'' jedhee barreessuun booda imeeliin kuni hojjettoota federaalaatti ergame.
''Deebii hin kennan taanaan akka hojii gadhiisanitti ilaalama,'' jechuunis deebise.
Maask baasii mootummaa hir'isuudhaaf jecha hojjettoota arii'uu dabalatee tattaaffii jabaa taasisaa ture.
Ergaan yeroo hojjettoota qaqqabu mata duree ''torbee darbe maal hojjette'' jedhuun yoo tahu, qaamni erge ammoo Qabeenya Humna Namaa akka tahe agarsiisa.
Dhaabbanni humna namaa mootummaa federaalaa The Office of Personnel Management ergaan kuni sirrii tahuu miidiyaa michuu BBC, CBS'f mirkaneesseera.
''Akka qaama waadaa bulchiinsa Tiraampitti caasaan mootummaa 'The Office of Personnel Management' jedhamu hojjettoonni federaalaa hogganoota isaanii eeruun gudunfaa hojii isaanii torbee darbee akka dhiyeessan gaafachaa jira. Dhaabbileen kunneen tarkaanfii itti aanu ni murteessu.''
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Koppii imeelii BBC'n argate hojjettoonni Wiixata halkan qixxee dura waan torbee darbe keessa raawwatan qabxii shaniin akka ibsan gaafatamaniiru. Kunis odeeffannoo icciitii otoo hin saaxilin tahuu itti himameera.
Ergaan kuni deebii kennuu dhiisuun akka hojii gadhiisuutti akka lakkaa'amu waan eere hin qabu.
Federeeshiniin Hojjettoota Mootummaa Ameerikaa, gamtaan guddicha hojjettoota federaalaa bakka bu'u, ergaa kana 'hamaa fi kabaja kan hinqabne' jechuun kan qeeqe yoo tahu hojiirraa arii'amuu 'seeraan ala' tahe kamiyyuu akka himatu kakateera.
''Iloon Maaski fi bulchiinsi Tiraamp irra deebiin hojjettoota federalaafi tajaajila isaan uummata Ameerikaaf kennaniif tasumaa kabaja akka hin qabne agarsiisaniiru,'' jette pirezidantiin gamtichaa Evereet Keeliin ibsa gamtichi baase irratti.
Daarektarri haaraa Biiroo Odeeffannoo Federaalaa Ameerikaa Kaash Paateel hojjettootasaaf imeelii barreesseen dhaabbata The Office of Personnel Management ''deebii kamiyyuu kennuu addaan kutuu,'' akka qaban itti himeera.
''FBI keessatti waajira daarektaraatu adeemsa odeeffannoo kennuuf gaafatama qaba, kanas akkatuma hojimaata waajira keenyaan ilaalla,'' jedhe.
Tiraamp guyyaama walfakkaataa walgahii garee adeemsa siyaasaa ganamaatti cichu(Cpac) irratti taasiseen deeggartootasaaf hir'ifama taasisaa jiru himuun hojiin qacaramtoota mootummaa federaalaa qulqullina kan hin qabaanne gareen namootaa manaa waan hojjetaniifi jedheera.
''Kanneen hin barbaachifne, gahumsa hin qabneefi malaammaltoota tahan humna namaa federaalaa keessaa kaasaa jirra,'' jedhan pirezidantichi walgahii waggaa Waashingitanitti Sambata waaree booda taa'ameerratti.
''Mootummaan namoota xiqqoon hojii milkaa'aa akka dalagu gochuu barbaanna,'' jechuun ''namoota filatamoo tahan hambisna, namoota badaa tahan hin qabannu,'' jedhe.
Gareen Iloon eeyyama Waayit Haawus irraa argateen bu'uuraalee tajaajilaa mootummaa federaalaa keessatti jijjiirama bal'aa taasisaa jira.
Hojjettoonni mootummaa kumaatamaan lakkaa'aman kan Tajaajila Galii Biyyaa, Peentaaganiifi Bulchhinsa Aveeshinii Federaala keessaa dalaganii fi kaan torbanoota darban keessa hojiirraa arii'amaniiru.
Imeeliin kuni bara 2022tti miidiyaa hawaasa Tiwiitarii yeroo bite waan hojjettoota irratti raawwate waliin wal-fakkaata. Akeekkachiise yeroo kenneen ''akka malee dhama'aa ykn gadhiisaa,'' jedhee ture.
Tiraamp tarkaanfii Iloon baasii mootummaa hir'isuu irratti taasisaa jiru irra deddeebiin jajan.
Miidiyaa hawaasaa dhuunfaa isaanii 'Truth Social' jedhamurratti Tiraamp bal'ina mootummaa federaalaa hir'isuu irratti Maask ''hojii gaarii'' dalagaa jira cimsee akkatti fufun barbaada jedhan.












