Pirezidantii Gaambeellaa tahuun kan muudaman Aadde Alamituu Omod eenyu?

Aadde Alamituu Omod yeroo waadaa seenan.

Madda suuraa, EBC

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Yaa'ii ariifachiisaa Manni Maree Mootummaan Naannoo Gaambeellaa har'a gaafa Hagayya 15,2024 taa'e hordofee Aadde Alamituu Omod sadarkaa pireezidantii ittaanaatti pireezadantii naannichaa tahuun muudamaniiru.

Akkasumas, Dooktar Gaatiloowaak Roon ammoo Pireezidaantii Ittaanaa ta’uun mudamaniiru.

Aadde Alamituun pireezadaantii dubartii naannichaa jalqabaa tahuus miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.

Aadde Alamituun Hoggantuu Biiroo Dhimma Dubartootaafi Daa’immanii, naannichaa akkasumas gulantaawwan hoggansaa naannichaa fi federaalaa gargaraa irratti tajaajilaniiru.

Obbo Omod Ujuluu kan amma aangoorraa bu'an waggaa jaha dura yeroo Ministirri Mummee Abiy Ahimad gara aangootti dhufanidha kan muudaman.

Qondaaloti naannichaa akka jedhanitti qorannoo paartiin biyya bulchu taaiseen, ''missomaafi nageenya irraa raawwin mul'ate dadhabaa waan taheef ittaanaa isaanii dabalatee pireezidantiin naannichaa aangoorraa akka bu'an murtaa'e.''

Naannoo Gaambeellaatti gamaaggama paartii biyya bulchu hordofee hoggansi geeddaramuun kuni kan jalqabaati miti.

Naannnoon kibba-lixa biyyattiitti argamu kuni irra deddeebiin haleellaa fi walitti bu'insi keessatti mudataa jira. Bara pireezidantii naannichaa har'a aangoorraa bu'an kanattis dhimmi kuni qoramaata tahee tureera.

Aadde Alamituu Omod eenyu?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Aadde Aalmituu Omod Naannoo Gaambeella, aanaa Googi jedhamu keessatti kan dhalatan yoo tahu magaalaa Gaambeellaa keessatti guddatan.

Hogganaan Ittaanaan Waajira Nageenyaa naannichaa Obbo Utoow Ukoot, Aadde Alamituu waliin kanaan dura wajjin hojjechuu himuun, hirmaannaan isaan siyaasa keessatti qaban waggoota 20 kan lakkoofsise tahuu BBCtti dubbataniiru.

Naannoo Gaambeellaa aanaa Googi jedhamu keessatti waajira ''misooma diinagdee hogganurraati gara aangoo naannootti kan guddachaa dhufan,'' jedhan.

Aadde Alamituu Hoggantuu Waajira Dubartootaafi Daa'immanii Naannoo Gaambellaa tahuun yeroo dheeraaf tajaajilaniiru.

Af-yaa'ii ittaantuu tahuunis mana maree naannichaa kan tajaajilan yoo tahu yeroo dhihoo as ammoo sadarkaa federaalaattis hojjetaniiriu.

Minsiteera Dhimma Dubartootaa fi Daa'immaniitti ministeera deetaa damee daa'immanii tahuunis hojjetaniiru Aadde Alamituun.

Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa jahaffaa irrattis saba Anyuwaak bakka bu'uun mana maree bakka bu'oota uummataatti filatamaniiru.

''Yeroo uummanni Gaambeellaa rakkoo keessa seenetti uummata walitti dhiyeessuuf tattaaffii jabaa gochaa turte,'' jechuun Obbo Utoow ragaa bahuufi.

''Dubartii hojiiti,'' jechuunis isaan jajatu.

Aadde Alamituun damee barnoota misooma hawaasaatiinis digrii jalqabaa qabu.

Naannoo Gaambeellaa keessatti, ''dargaggootaafi shamarran gahumsatti fiduuf hojiin hojjette milkaa'ina isa guddaa dha,'' jedhu Obbo Utoow'n.

Dubartoonni naannichaa deeggarsa argachuun dhaabbilee barnootaa olaanoo akka galan akkasumas gara hoggansaatti akka dhufaniif ''hojji jajjabaa hojjeteetti, '' jedhan.

''Naannicha keessatti yeroo walitti bu'insi jiraatu ofiin akka dubartiitti otoo hin ilaaliin iddoo walitti bu'insi jiru deemuun saboota walitti dhiyeessuufin marii gargaraa geggeessuun tattaaffi gochaa turte,'' jedhan.

'Abdii guddaa...'

Aadde Alamituun pireezidantii naannichaa tahuun filatamuun naannichaaf abdii guddaa dha jedhan Obbo Utoow'n.

Rakkoo nageenyaa naannicha keessa jiruun wal-qabatee ''saboonni nagaafi walitti dhiyeenyaan akka jiraataniif hojjetu abdii jedhu irraa qabnaa,'' jedhan.

Kana malees naannichi rakkoo nageenyaa keessaa bahee gara misoomaatti akka galu hojjetti jenne amanna jedhan.

''Keesumaa dandeetti namoota gamteessuu ijaa qabduuf raayyaa misoomaa uumti,'' jenne abdannaa jedhan.

Koomishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa gabaasa baatii Guraandhalaa keessa baaseen naannichatti caamsaa waggaa darbee kaasee namoonni 138 ajjeefamuu ibsee ture.