Morkii Piriimiyeer Liigii torban kanaan eenyufaa milkaahu?

Madda suuraa, Getty Images
Piriimiyeer Liigiin Ingiliz xumuramuuf taphoota torban kanaan alatti kan hafan taphoota torbee jahaati.
Sadarkaa oliitti hirmaannaa shaampiyoonsi Liigii bara dhufuu kilabootni Ingiliz shan hirmaachuun mirkanaa'e milkeeffachuun morkiin jiru jabaadha.
Warri sadarkaa gadii liigicha keessaa bahuu beekkatanis jiru.
Morkiin har'aa kan jalqabu tapha Siitiin dirreesaa Etihaaditti Kiristaal Paalaasiin simatuuni.
Xiinxalaan kubbaa miilaa BBC Kiriis Saata, Paalaas mala taphaa 3-4-3 hordufuun ittisaafi jifachuu madalaachisee garee taphatuudha jechuun Siitiitti cimuu akka danda'u hima.
Tapha torban darbee iratti Maark Guuyii fi Edii Nikitiihaa kaardii diimaan bahuunis badaa hin miidhaman yaada jedhu qaba. Ammoo Siitiin tapha kana dirreessaatti mo'uu hin oolu jedhee tilamaame. Siitiin 2-1n akka injifatus tilmaame.
Saawuzhaampiton vs Astoon Viilaa
Morkii Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaan gara Paaris imalee Roobii darbe 3-1n mo'amee kan deebi'e Astoon Viilaan hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigii bara dhufuu argachuuf ammas morkiitti jira.
Morkii marsaa lammataa Viilaa Paarkitti PSG morkatuuf qophaa'us tapha kanas salphaatti hin ilaalu.
Saatan Viilaan morkii Saawuzhaampiton waliin godhurratti jijjiirama muraasa gochuun 2-1 injifata jechuun tilmaame.
Arsenal vs Birentifoord
Arsenaal taphoota hunda injifatee isa laafaa dhufe Liiverpuulirratti dhiibbaa akka godhu eegame.
Saatan akkasitti osoo eeguu leenjisaa Mikeel Arteettaan tapha darbe Evertan waliin godhanirratti taphattoota boqochiisee guyyoota booda Maadriidiin injifate jedha.
Saatan Arteettaan har'as morkii Bireentifoord waliin godhu irratti taphattoota hirmaachisu irratti jijjiirama akka godhu amana. Kunis qophii markii isa Beernabuu ilaalcha keessa galchuun ta'a.
Bireentifoord garee laafaa ta'uu baatus Arsenaal akka fedhettuu tapha kana 2-1n injifata jedha.

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Cheelsii vs Episwiich
Jalqaba bara kanaatti Episwich Cheelsiidhaan dirree ofiitti injifateera. Ammas Istaanfoord Biriijitti sana hin godhan jedhanii murteessuun rakkisaadha.
Saatan tapha Cheelsiin Bireentifoord waliin torban darbe godherraa sararri duraasaa ammallee amansiisaa akka hin taane hubachuu dubbata.
Kool Paalmeeris gahumsa isaatti deebi'uu hin dandeenye. Ammoo taphattootni kaan ulaa jiru guutuu danda'uu jedha. Kanaafis Chelsiin 3-0n injifata jedhee tilmaame.
Liiverpuul vs Westihaam
Saatan Weestihaam yeroo dhiyoo keessa akka gaarii hin jiru jedha. Kunimmoo Liiverpuuliif waan gaarii ta'uu dubbata.
Liiverpuul mataansaa akka gaarii jiraachuu baatus, Anfiilditti muddanii taphachuun injifachuuf fedha guddoo qabaatu jedha.
Mohaammad Saalaa kontiraatasaa waggaa lamaan haaressuun deeggartootatti hamilee dabala jedha.
Tilmaamni Saatan Liiverpuul 3-1n injifata kan jedhuudha.
Niiwkaasil Yunaayitiid vs Maanchister Yunaayitiid
Leenjisaa Ruuben Amoriim jalattis Maanchistar Yunaayitiid keessumaa morkii Liigiin milkii homaatuu argachaa hin jiru.
Akkuma Tootenhaam, Yunaayitidis milkiin eegu Awurooppaa Liig irraa qofa.
Faallaa kanaa Niiwkaasil waancaa karabaawoo injifateera. Tibba kanasa injifannoo isaanii kana uummata waliin itti gammadaa bahan. Hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigii bara dhuftuu argachuufis fiixeerra jira.
Saatan haala kanaan Yunaayitid, Niwkaasiliin injifata jedhee hin yaadu.
Tilmaamni Saatan Niwkaasil 2-0n Yunaayitidiin mo'ata kan jedhudha.












