Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Diraamaa tapha Man Utd ofis, yeroof ta’us leenjisaa isaa ittiin oolche
Kilabiin Piriimer Liigii guddichi ga’umsa irraa eegamutti deebiyuu dadhabee baroota dhiyoo as raafama keessa jira. Keesumaa tibba kana erga torban darbe Tootenaamiin 3-0n mo’amee as ammoo abiddarra jira jechuun ni danda’ama.
Osoo kana keessa jiruu Kamisa Onkoloolessa 03, 2024 tapha Yurooppaa Liigiirratti Poortoo waliin taphaterratti diraamaatu ture.
Taatee ture dhuguma diraamaan kan guutameefi qalbii hedduu rarraasedha.
Diraamaan jalqabaa, Maanchester Yunaayitid taphni jalqabee daqiiqaa 7 irratti Maarkas Raashfoordiin dursa qabate; itti aansuun daqiiqaa 20 irratti ammoo R. Hoyiluundi goolii galchuun kilabichattis ta’e leenjisaa isaa Eriik Teen Haagitti abdii hore.
Kun yeroo hireen Teen Haag gaaffii keessa galee jirutti waan ta’eef isaaf hiika gudda qaba ture.
Haata’u malee, Poortoon saffisaa isaa dabalee daqiiqaa 27-50 gidduutti (daqiiqaa 27, 34 fi 50 irratti) goolii sadii lakkoofsisee maancherraa dursa fudhachuun abdii Teen Haag dukkaneesse.
Diraamaan biraa ammoo Maanchester Yunaayitd osoo gara walqixxaachuutti dandeenyaan ammoo deebisee dursuutti wixxiyfataa jiruu daqiqaa 81ffaa irratti balaan tokko itti bu’e— Amballiisaa Biruunoo Ferenaadeez kaardii diimaan dhabe.
Maanchester Yunaayitid osoo 3-2n dufamaa jiruu taphataa isaa urjii dhabuun dhuguma balaadha. Kilabiin gurra guddaa qabu kun taphoota 10 bara kana keessa taphate keessaa afur mo’amuuf deema. Leenjisaan isaa ammoo koomeerra taa’aa jira.
Diraamaan dirree Poortoo Estadiho do Diragaho kun itti fufeera. Daqiiqaa 10 hafte keessatti taphattoota 10 qofaan Maanchester Yunaayitid ofis oolchee, leenjisaa isaa Eriik Teen Haag dhiibbaa jala jiru ni oolchu jedhee maaltu yaade.
Osoo 3-2 jiranii daqiiqaan 90 dhumte. Daqiiqaan dhumaa dhuftus, edaa Teen Haag abdiin isa dhumaa hin turree? Gaaffiidha.
Diraamaan kan biraa ammas mul’achuuf jira. Eriik Teen Haag sa’aatiin idilee dhumee daqiiqaa dabalamte keessatti taphataa jijjiire.
Eenyuun galche seetan? Harii Maaguweer. Maali jijjiirraan akkasii? Jechuun namoonni gaafatan guutaniiru.
Karra eegaan duraanii garee Ingilaand Paawol Roobinson, “Kun jijjiirraa taphataa adda ta’e argamee hin beeknedha“ jedhe.
Akkuma beekamu Maaguweer taphataa sarara ittisaarra taphatudha. Osoo durfamaa jiranii isa galche.
“Eriik Teen Haag wanta nuti hundi keenya hin beene beeka turee?“ jechuun gaafata Roobinson.
Sanas ta’e kana, Harii Maaguweer seenee hojii isaa hojjetee baheera. Leenjisaa isaa Eriik Teen Haag akka hojii isaa keessa ture wabii kenneeraaf.
Kilaba guddaa Ingilaand kanas torban qaanii biraa keessaa baaseera.
Maanchester Yunaayitid Amballii isaa Biruunoo Ferenaadeez kaardii diimaan dhabee taphattoota kudhaniin Maanchester Yunaayitid 3-3n walqixa bahe.
Daqiiqaan dhumaa goolii gatiin ishee guddoo taate dhaltee Teen Haag qaqqabde.
Jijjiiramee kan gale Maaguweer kubbaa Koornaarraa Kiristaan Eriksaan rukkuteef hundaa olitti utaalee mataan kubbattii manii warra Poortoo keessa ‘yaaddoo Teen Haagiifi Maanchester Yunaayitid’ waliin awwaale.
Teen Haag Poorchugaalitti mo'amuurraa oolanii deebiyanis ammallee dhiibbaarra bilisa jechuun hin danda'amu. Dilbata dhufu ammoo tapha Piriimer Liigiitiin Asto Viilatu isaan eeggata.
Teen Haag Maanchester Piriimer Liigii keessatti sadarkaa saddetteffaan xumurus ganna darbe kana osoo hin ari'ameen ooleera. Kanaaf, ammoo Waancaa FA Cup inni mo'ate isa gargaareera.
Ga'eessi waggaa 54 Eriik Teen Haag waan fedhe jadhamus ammallee harka hin kennu jechaa jira.