Loltoonni Israa'el sadii daangaa Masirii irratti jalaa ajjeefaman

Dallaa daangaa Israa'eel irraa

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Daangaa Masirii irratti loltoonni Israa'el sadii hidhataa tokkoon yoo ajjeefaman kanneen biroo madaa'uu Humni Waraanaa Israa'el beeksise.

Haleellaan hidhataan raawwate kun Sambata (Waxabajji 03, 2023 ganama ture. Haleellaa kanaan loltoonni Israael ajjeefaman ammoo loltuu dubaraafi dhiiraati jedhameera.

Reeffi loltoota Israa'el ajjeefaman kanaas kan argame qondaalli biraan raadiyoo ittiin wal qunnamaniin argachuuf yaalee milkaa'uu dhabuun booda ture.

Hidhaataan loltoota Israa'el ajjeese boodarra akka ajjeefame kan dhaga'ame yoo ta'u, loltootuma Israa'el birootu faana dhahuun ajjeese jedhameera.

Loltuun Israa'el inni sadaffaanis hidhataa warra kaan lamaan (miseensa loltuu dhiiraafi dubaraa) ajjeesee bade sana osoo adamsanii ture kan ajjeefame.

Haleellaan loltoota Israa'el irratti raawwatamee sadii ajjeesee kaan madeesse kun kan dhaga'ame, sochiin warra qoricha sammuu namaa adoochan to'annoo jala oolchuun booda saatii muraasa keessatti.

Dubbi-himaan humna waraanaa Israa'el Koloneel Richaard Heeshet akka beeksisetti, qorichi sammuu namaa adoochu dolaara kuma 400 baasu warri qoricha kana daddabrsan masalaaliidhaan osoo keenyan daangaa irra koranii dabarsuuf jedhanii to'atameera.

Warri qoricha daddabarsan to'annoo jala oolfamuun isaanii haleellaa booda loltoota Israa'el irratti raawwatame waliin walitti dhufeenya qaba jedhamee tilmaamameera.

Eenyummaa hidhataa haleellaa raaawwate kanaa ilaalchisuun kan gaafataman Dubbi-himaan Humna Waraanaa Israa'el, Miseensa Isilaamik Isteet, eegduu daangaa ykn warra qoricha hamoo ta'an daddabarsan ta'uu akka danda'u eeruun, "eenyummaa hidhataa kanaa adda baasuudhaaf carraaqqiin taasifamaa jira," jedhan.

Humni waraanaa Israa'el waan mudate kana ilaalchisuun ibsa baaseen, "Humna Waraanaa Masirii waliin guutummaan guutuutti tumsuudhaan haleellicha ilaalchisuun qorannoon taasifameera.

Qoricha hamoo naannawaa daangaa Israa'el keessa daddabarfamaniin lata gareewwan hidhattoota Filisxeemlo'anii seenuudhaan haleellaa kan gageessan yoo ta'an, meeshaa waraanaa ittiin fayyadamu.