US'tti bulchiinsi Utaah manneen-barnootaa keessaa Kitaaba Qulqulluu baase

Kitaaba Qulqulluu

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Ameerikaa bulchiinsa Utaah keessatti Kitaabni Qulqulluun ‘ waan fokkuufi jeequmsaa kakaasu' qaba jechuun manneen barnootaa sadarkaa tokkooffaafi giddu-galeessa keessa akka hin seennee dhorkame.

Tarkaanfiin kun iyyata maatiin tokko qabiyyeen Kitaaba Qulqulluu maxxansi King James daa’immaniif kan ta’u miti jechuun dhiyeessan hordofeeti jedhameera.

Utaah kan bulchu mootummaan Riipablikaanootaa seera bara 2022 dabarse keessatti kitaaboota qabiyyeewwan qunnamtii saalaa ykn naamusa irraa goran jedhan manneen barnoota irraa qaban dhorkee ture.

Kitaaboota hanga ammaatti bulchiinsaan manneen-barnootaa keessaa dhorkaman keessaa kanneen mata-duree ilaalcha quunnamtii saalaafi eenyummaa sanyii ilaalattan ni argamu.

Kitaaba Qulqulluu dhorkuun kun kan dhufe erga gareewwan leellisootaa bulchiinsicha keessatti mirgi namoota jaalala saala walfakkaataa qabaniifi barnooti eenyummaa irratti xiyyeefatan akka hin kennamne akka dhorkamu taasisuuf yaalii cimaa godhaniin boodadha.

Bulchiinsa kanaan alattis, achuma Ameerikaa bulchiinsoota akka Teksaas, Filooridaa, Misizur fi Saawuz Kaarolaayiinaa keessattis kitaabooleen sirrii miti jedhaman manneen-barnootaatii akka dhorkaman taasifameera.

Bulchiinsooti bilisa ofiin jedhan kaanis kitaaboolee eenyummaa irratti waan jibbisiisuu qabataniiru jechuun manneen-barnootaafi manneen kitaabaa keessaa dhorkaniiru.

Bulchiinsa Utaah'tti iyyanni Kitaabni Qulqulluu manneen-barnootaa irraa akka dhorkamuuf kan dhiyaate Sadaara keessa yoo ta’u, durumaaniyyu Kitaabni Qulqulluun qaama sirna barnootaa akka hin turre kaasuun, Kitaaba Qulqulluu saddeet bakka kitaaboonni taa’an irraa waliitti qabuu bulchinsoonni ifa taasisaniiru.

Koreen dhimma kana ilaalees, Kitaabni Qulqulluun kutaasaa kamuu keessatti boqonnaawwan ‘‘gaari hin taane, gara jabinaafi hookkora kaasan’’ kan qabatedha jechuun ibsan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gaazexaan naannichaatti maxxanfamu Salt Lake Tribune jedhamu tokko maatii komii dhiyeessee dubbisuudhaan, maxxansi King James ‘dudhaalee daa’immaniif ta’an hin qabu’ jechuu gabaaseera.

Maatiin sun itti dabaluudhaan, seera bulchinischi bara 2022tti kitaaboota dhorkuudhaaf ragaasise caqasuun, hubannoo ‘‘keenyaa haaraadhaan kutaalee waa’ee quunnamtii saalaa daangaa malee’’ ibsan qaba jedhan.

Bulchiinsichatti qaama seera tumaa fi seera bara 2022tti ragaasifame kan wixineessan tokkos, wayita gaaffii Kitaabni Qulqulluun nuuf haa dhorkamu jedhu dhagahanitti ‘‘kun qoosaadha’’ jechuun qoosanii ture.

Haata’u amlee, torban kana ‘boqonnaawwan daa’immaniif hin taane qabateera’ yoo jedhu dhagahameera.

Durbatiin Keen Ayivoorii jedhamtu tokkos ‘‘ Ameerikaatti Kitaabni Qulqulluun kan maatii walitti qabamuun qoratan, haala gaariin kan hubannuudha,’’ jette.

Murteen amma bulchiin kun Kitaaba Qulqulluu irratti dabarse kan seera bara 2022 faalleessu ta’uu baatulleen, garuu ‘keyyeetawwan daa’immaniif hin taane qabteera’’ jette.

Boon Joonsan mucaa sadarkaa tokkotti, baratu kan qabu yoo ta’u, murtee bulchiinsaan dabarfame kana kan mormu ta’uu CBS News’tti himeera.

‘‘Kutaan Kitaaba Qulqulluu keessa hir’ifamu jiraachuu yaaduun hin danda’u. Akkuma suuraa keessaa baasuuti,’’ jedhan.

Haaluma walfakkaatunis bara darbe keessa Bulchiinsa Teeksaasitti Kitaaba Qulqulluu walitti qabameera. Kana malees Kaansaasaatti barattoonni baatii darbe keessa Kitaabni Qulqulluun akka mana kitaabaa isaanii keessaa baafamuuf gaafatanii ture.