Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Wanti magaalaa Laalibalaa keessatti ta'e maali?
Magaalaan seena qabeessi Laalibalaa baatii Onkololeessa keessa muddama keessa turte.
Dargaggoonni ‘’Faannoo deeggartu’’ jedhamanii baay’inaan qabamanii magaalaa Kombolchaatti hidhamaa turan. Hidhattoonni Faannoo qarqara magaalattii dhaabatanis jiru.
Gama kaaniin Raayyaan Ittisa biyyaa meeshaa gurguddaa hidhatee of eeggannoon dhaabata.
Guyyaa Sambata ALI Onk. 24, 2016 magaalaa bulchiinsa Godina Walloo Kibbaa kan taate Laalibalaa keessatti humnoota mootummaafi hidhattoota Faannoo gidduu lolli jabaan ture.
Erga waggaa darbe Adoolessa keessa humnoota mootummaafi hidhattoota Faannoo gidduu lolli eegalee bakkeewwan lolli itti jabaate keessaa tokko magaalaa kana. Hidhattooti yeroo gabaabaafis to’atanii turan.
ALI Onk. bultii 28 fi 29 bara 2016 lola tureen midhaan guddaa gahuu BBC’n odeeffateera. Hidhattooti Onk. 28 magaalicha to’atus bulee isaa keessaa bahaniiru.
Taatee guyyoota lama keessatti mudate kana kanneen ijaan argan ‘’badii, waan hamaafi dhumaatiitu’’ raawwate jechuun ibsu.
Hidhattooti Faannoo Onk. 28, 2016 sa’aatii saddeetitti miseensota poolisiifi milishaa ‘sakattaan’ argatan ajjeesuu kanneen ijaan argan BBC’tti himaniiru.
Miseensonni poolisiifi milishaa lola keessa fuuldurarratti hiriiraniiru jedhaman hidhattooti Faannoo magaalaa seenuu hordofee manneen jireenyaafi bataskaanoota Laalibalaa jiran keessaa tokko kan ta’e Beta Abbaa Libaanositti dahachuu kanneen ragaan bahaan himu.
‘’Dubartoonni naannichaa uffata garagaraa kennanii lubbuu isaanii hambisan. Baay’een isaanii uffata danbii isaanii waliin waan qabamaniif gara buufata poolisii isaan fuudhanii deeman.
‘’Achuma buufata poolisii hidhamanitti [kan ajjeesan],’’ jechuun nami ijaan arganiifi maqaan isaanii akka hin ibsamne gaafatan dubbatan.
Jiraataan magaalaa Laalibalaa biraa maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafatan miseensota poolisiifi milishaa bataskaanaatii fuudhaman keessaa ajajaa poolisii aanaa Laastaa dabalatee saglan isaanii ajjeefaman jedhan.
Kunneen bataskaana keessaa fudhatamanii ajjeefamuu isaanii abbootiin amantaafi hawaasi balaaleeffatuu dubbataniiru.
‘’Dhufanii Fannootti kakatanii erga fudhatanii booda walitti qabanii ajjeesuu isaaniitti hawaasa naannichaa akkaan dheekkamsiiseera,’’ jedhan.
Ta’us, hidhattooti ‘’shiftaa’’ waan ta’aniif ‘’leenjii fudhachuu dhabuu isaaniin wanti isaan komachiisu waan jiru natti hin fakkaatu,’’ jedhaniiru.
Hidhattooti Faannoo bakkichatti yoo sosso’an poolisiifi milishaaf ‘’wal haa fixnu’’ jechuun akeekkachiisa ergaa turuu isaanii jiraattonni himu.
Humnoota nageenyaaf akeekkachiisi irra deddeebiin isaan gahaa akka ture kan himan jiraataan biraa, Onk. 28, 2016 lakkoofsi humnoota nageenyaa ajjeefaman 15 gahuu hinoolu jedhaniiru.
Ajajoonni Faannoo kana dura yoo BBC’tti dubbatan ajjeechaa aangawoota mootummaa ilaalchisuun ergaa of eeggannoo akka ergan himan.
Ta’us, ‘’hanga qaama waraanaa ta’aniitti loltuu meeshaa hidhaterraa adda baafnee isaan hin ilaallu,’’ jechuun himanii turan.
ALI Kamisa Onk. 29, 2016 hidhattooti Faannoo magaalaa Laalibalaa keessaa bahuu hordofee magaalicha kan to’ate Raayyaan Ittisa Biyyaa ‘’haaloon kaka’e’’ lammiilee nagaa ajjeese jechuun jiraattonni himataniiru.
Maatiin namoota duraa ajjeefameefi kanneen ijaan argan BBC’tti akka himanitti, humnooti mootummaa saamicha dabalatee lammiilee nagaa lola keessa qooda hinqaban jedhaman hidhuu, reebuufi ajjeechaa raawwachuu himan.
Harmeen ilmiifi abbaan warraa isaani Raayyaa Ittisaan ‘’rashanamaniiru’’ jedhan, maatii isaanii kaanirratti carraan walfakkaataa akka hingeenye sodaachuun miidiyaatti dubbachuu didaniiru.
‘’Maal na fayyada,’’ jechuun namoonni lama biroo miidiyaatti dubbattan jedhamanuun ajjeefaman jechuun dubbachuu didan.
'Mucaankoo abbaan koo yoom dhufa naan jetti'
Kanneen humnoota mootummaan akka ajjeefaman jiraattotni himan keessaa tokko hojii humnaa dalaganii kan bulan Obbo Abbabaa (maqaan kan jijjiirame) tokkodha.
Nageenya isaaniif jecha maqaan isaanii akka hin ibsamne kan gaafatan haati warraa isaanii ijoollee lama guddisu.
Intala isaanii ganna afurii fiduuf manaa bahanii balbalarratti raayyaa ittisaan erga to’ataman booda akka ajjeefaman maatiin ni dubbatu. Dura garuu bakka jiran baruuf rakkatuu himan.
‘’Manaa mucaan jalaa baate fiduuf yeroo jedhe [qabame]. Yeroo isa qabatanii bahan daa’imti kiyya boo’aa turte. Ollaa keenyas nama fudhatanii deeman. Lamaanuu dafqaan bultoota. Nuti isaan faana buunee boonyuus nuun dhageenye.
‘’Jimaata laaqana qabannee bakka jiran nutti agarsiisaa jennee kaampii chaayinaa [kaampii raayyaa ittisaa] deemnus nama akkanaa ‘hinbeeknu’, namni hidhame hinjiru,’’ nuun jedhan jechuun himan.
Obbo Abbabaa fi ollaan isaanii ‘rashanamanii owwaalcha kaampichaa gadi fageenya hinqabne keessa owwaalamuu akka itti himame himan.
Guyyaa to’annoo jala oolan harki isaanii duubatti hidhamee ajjeefamaniiru kan jedhaman namoonni lamaan reeffi isaanii lafa owwaalamanii qotame Sambata maatiif kennamu ibsame.
Owaalchi isaaniis ALI guyyaadhuma kana Sambata Sadaasa 01, bara 2016 irra deebiin raawwate.
‘’Biyyi hojii namoota kanaa waan beekuf hundatu boo’e. Hidhata Faannoo hinqaban, egaa guyyaa isaaniiti jenne. Osoo harki isaanii keessa jiraate [akka ajjeefaman] shakkina turre.
‘’Gaafatanii deebisu malee akkana isaan godhu jennee hinyaadne. ‘Osoo hidhatanii du’anii waan tokko’, hojii isaanii malee [du’an] jedhamaa ture,’’ jedhan.
Gargaarsa abbaa warraa isaaniin kan jiraatan maatiin isaanii egereen isaanii maal akka ta’uf deemu hin beekani. ‘’Waaqni akkana nuu godhe, Inni beeka,’’ jedhu gaabbiin yoo dubbatan.
Daa’imti isaanii ganna afurii garuu ammallee abbaan isaanii yoom akka deebi’an eegaa jirti.
‘’Hunda caalaa kan isheetu natti ulfaate. Yeroo hunda na gaafatti. ‘Hojii deeme’ yoon jedhullee nan amantu. Gaaffii daa’imaa deebisuun ni ulfaata,’’ jedhu.
Jiraataan magaalichaa biroo maatii isaanii dhihoo dabalatee namoonni isaan beekan afur raayyaa ittisaan akka ajjeefaman dubbatu.
‘’Isin Faannoodha jechaa mana isaaniitii fudhatamanii lammiileen nagaa ajjeefaman jiru. Anillee namoota afur nan beeka. Tokko inumaa obboleessi isaa poolisii ture.
‘’Akkam taate osoo jedhamuu bilbila harkaa fuudhanii kaampii geessanii hiriyyaa isaa waliin reebanii ajjeesan. Lamaan immoo anaaf maatii dhihoodha. [Obbolaa] manaa fuudhanii rashanani,’’ jedhan.
Miseensi maatii tokko sadii qabamanii yeroo ajjeefamuuf jedhan namni isaan beeku waan argameef lubbuun hafuu namni ijaan argan kuni dubbataniiru.
Jiraataan biraa raayyaa ittisaatiin lammiileen nagaa 10 hanga 15 ta’an ajjeefamuu hin oolan jedhanimmoo kanneen lola keessa qooda hinqabne ‘’irbaata rasaasaa’’ ta’u isaanii himu.
‘’Namni bilbilaan haasa’u yoo argame odeeffannoo kennaa jira jedhamuun ajjeefama,’’ kan jedhan jiraataan tokko namoonni afur ajjeefamuu ofii isaanii akka mirkaneeffatan dubbataniiru.
BBC’n gabaasa kana qindeessuuf namoota maatiin isaanii duraa ajjeefamaniifi kan ijaan argan kaan qunnamee ture.
Haa ta'u malee, ‘’bilbilli keenya ni butama, odeffannoo kennitani jedhamne rakkoon ni mudata’’ jedhanii sodaa qabanirraa kan dubbachuu didan jiru.
'Haaloo walirratti bahuudha'
Hidhattooti Faannoo eega magaalaa gadhiisanii bahan booda humnooti mootummaa badii raawwataniiru jechuun jiraattoti himatu.
‘’Dhiira, dargaggeessa kan jedhame manaa baasanii kobil istooniirratti ciibsanii reebanii, akka hin sochoone jedhanii achumatti dhiisanii deeman. Aduu keessa achi oolanii galgala manatti galle jedhan.
‘’Bakkee Qulqulluu[Laalibalaa] kanatti akkas yoo ta’e bakkee biraatti miidhaan hangamii dhaqqaba kan jedhamu tilmaamuuf kan rakkisu miti,’’ jedhu.
‘’..Faannoo deeggartu haaloo jedhuunidha tasa manatti kan argatan manaa baasanii kan ajjeesan,’’ jechuun jiraataan tokko humnoota mootummaa himatan.
‘’Aariin irraa mul’ata ture,’’ kan jedhan namni ijaan argan biroo aarii isaanii ummatarratti bahu jechuun ammayyuu tarkaanfiin itti fufuu ibsu.
Haaloo ‘’Qeesii kanatu kaleessa nu ajjeesise,’’ jechuun sababa hidhattooti Faannoo bataskaanaa fuudhanii poolisoota ajjeesaniif namni amantii tokkoofi eegdonni lama reebamuullee himu.
‘’Mormarra dhaabatanii Qeesii reeban. Eegdonni yeroo qeesiin reebaman osoo itti dhukaafamuu miliqani. Qeesichi hanga yeroo dhihoo gurra isaanii keessaa dhiigni dhangala’aa ture,’’ jedhan.
Magaalaa Laalibalaa keessa manneen daldalaa muraasallee humnoota mootummaan saamamuu jiraattonni dubbataniiru.
‘’Makiinaa fe’aniiti mana warqii, supar maarketii, akkasumas butikii kan saaman. Milishaadha, poolisiidha, raayyaa ittisaadha jedhanii quba walitti qabu [yoo gaafataman]. Humnoota mootummaatu saame,’’ jedhan.
Haqa?
‘’Badii malee’’ humnoota mootummaan ajjeefaman kan jedhan maatiin Obbo Abbabaa* dhimmicha mootummaan akka beeku barbaadna jedhu.
Jiraattonni magaalattis badii raawwateef itti-gaafatamummaan akka jiraatu gaafatu.
‘’Itti gaafatamummaan ni barbaachisa. Kuni qaama mootummaa tokkorraa kan hin eegamnedha. Kanneen badii raawwatan qaama walabaan qoratamee osoo haqa argatanii nan gammada,’’ jedhu jiraataan tokko.
Mootummaan ‘’akka shiftaa’’ badii raawwachuu isaas balaaleeffatani.
Dhimma ajjeechaa magaalaa Lalaibalaatti dhaqqabe kan gaafataman Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa dhimmicha ‘’xiyyeeffannoon qorataafi hordofaa’’ akka jiru ibseera.
Haa ta’u malee, baatii Onkololeessaafi Sadaasa keessa bakkeewwan biyyattii garagaraatti ajjeechaan dabaluu gabaasa baasen kana dura beeksisee ture.
Ajjeechaa Laalibalaa keessatti mudate ilaalchisee BBC’n mootummaarraa yaada fudhachuuf yaaliin taasise hin milkoofne.
Ayyaana kabajuuf jiruu?
Wagga waggaan ALI Mudde 29 Ayyaanni Dhalachuu Gooftaa Iyyesuus Kiristoos haala ho’aa ta’en magaalaa seena qabeessa Laalibalaatti kabajama.
Silaa akka durii ta’e magaalli kuni yoona kana keessummaa simachuuf yeroo qophii taasistu ture.
Amma garuu hawaasi ammallee gadda keessa akka jiru hime. Dureen amantaa magaalattii keessa dhalatanii guddan waan magaalattii keessa mudate ‘’sukanessaadha’’ jechuun ibsu.
‘’Ummata hundatu uffata gurraacha uffate. Kanneen waliin guddanne, obbolaan keenya yeroo nurraa adda bahan jiraachuuf abdiin akka hinjirre agarre.
‘’Namni nyaate dhugee maatii waliin mari’atee jiraachuu ni danda’a ture,’’ jechuun himan.
Mootummaa deeggartuufi Faannoo deeggartu jedhamanii kanneen ajjeefaman dhalattoota bakkichaa waan ta’anif gaddi cimuu jiraataan himu.
‘’Gadda cimaatu ture. Poolisiinis, Faannoos jettu jiraattota bakkee tokkooti. Abbaan milishaa ta’e, ilmi Faannoo ta’e kan du’e jira. Miira wal makeetu jira. Achiis asiis kan du’e gosa tokko.
‘’Yeroo darbees fageenya 15km irratti mootummaan kan dirooniin kan rukutees, kan du’anis ijoollee Laalibalaati. Baay’ee rakkisaadha. Ammallee Laalibalaan gaddarra akka jirtu kan natti dhagahamu,’’ jedhan.
‘’Jiraattonni magaalichaa gurraacha uffataniiti mul’atu. Dhukkubsateemoo dhibee baraa [waraanaan] sijalaa du’e,’’ hanga jedhamu gaheera,’’ jechuun gadda hawaasaa ibsu.
Kana keessattimmoo ayyaanni dhihaataa jira. ‘’Magaalli Qulqulluu’’ kuni yoona kana wiirtuu turistootaas waan taatuf yerootti sochii bal’aan taasifamu ture.
‘’Inni baranaa garuu kanaan yoo itti fufe keessummaan dhufuufi dhufuu dhabuun isaa yaaddessaadha,’’ jechuun daandiinis cufamuu himanii haalichi ‘’gaddisiisaa’’ akka ta’e himan.
‘’Akka kiyyaatti ayyaana nan kabaja jedhee hinyaadu. Keessikoo sirrii miti. Magaalaa keessatti hoteelonnis cufaadha, turiistiinis hinjiru. Kanaaf ayyaanni ni kabajama jedhee hinyaadu,’’ jechuun himu.
Jiraataan biraa garuu ‘’Ayyaana Dhaloota Iyyasuus Kiristoos waan ta’ef, boo’icha keessas taaneen dirqiin kabajna,’’ jechuun himan. Ayyaana kabajuufis qophiin taasifamaa akka jiru dubbatan.
Bulchiinsi magaalaa Laalibalaa ayyaana ‘’haala ho’aan kabajuuf’’ qophaa’uu kan ibse yoo ta’u hordoftootaan ‘’ayyaanicha waliin haa kabajnu’’ jechuun waamicha taasiseera.