Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lolli magaalaa seena-qabeettii Laalibalaatti cimuun hambaaleef yaaddoo uume
Naannoo Amaaraa magaalaa seena-qabeettii taate, Laalibalaatti, walitti bu'iinsi humnoota mootummaa fi humnoota hidhatanii naannicha keessa socha’an Fannoo jidduutti guyyaa Kamisaas itti fufuu jiraattoonni BBC'tti hman.
Magaalaa Laalibalaa keessa bataskaanootni seena-qabeessa kanneen jaarraa 13ffaa keessa ijaaramaniifi UNESCO'tti galmaa'an keessatti argamu.
Jiraatonni BBC’n dubbise walitti bu’iinsa humnoota mootummaafi hidhattootaa Faannoo gidduutti torban kana itti fufeen nageenya hambaalee seenaaf akka yaadda'an himaniiru.
Dhimma kana kan gaafataman Dubbii Himtuun mootummaa federaalaa Salaamaawwit Kaasaa garuu ammatti wanti hambaaleef yaaddessu hin jiru jedhan.
''Akkan naannicharraa mirkaneessetti magaalli Laalibalaafi hambaaleen hunduu nagaa qabu,’’ jechuun BBC’tti himan.
Hambaalee ilaalchisee waan 'hin mirkanoofnetu adeemaa jira' jechuun dubbatan.
Walitti bu’iinsa magaalaa Laalibalaa keessa jiruun guyyaa Roobii xiyyaarri qubachuu dhabee deebi’uu jiraattonni maqaa nuuf dhoksaa jedhan BBC’tti himaniiru.
Diyaaqoniin Rooyitars dubbise sibiilli bataskaanotaaf akka gaaddisaatti gargaaru tolfameef rasaasa dhukaafameen rukutamuu himaniiru.
''Kanneen lolan meeshaa waraanaa hunda fayyadamaa jiru. Sochiin meeshichaa natti dhagahama,’’ jechuun dubbatan.
Hidhattoonni Faannoo kanneen naannicha keessa socho’an yeroo motummaan humnoota addaa naannoolee akka hidhannoo hiikkataniif sochii eegalee irraa kaasuun ture kan finciluu eegalan.
Dubbi Himaan Motummaa Dr Laggasaa Tulluu garuu magaalattii keessatti walitti bu’insi mudateera oduu jedhuu akka hin fudhanne, ejansiin oduu Rooyitarsi gabaaseera.
Haata’u malee, namoonni ijaan argan BBC'tti dubbise, walitti bu’insichi cimaa akka ture himan.
Akka jiraattonni himanitti, qaami magaalattii gar-tokko hidhattoota Faannoo kanaan to'atamee ture.
Garuu boodarra humnooti mootummaa magaalaa keessa isaanii baasuu himan.
Naannoo Amaaraa naannawa Laalibalaa kun baatiiwwan muraasaaf wal dhabdeen hidhattoota Faannoo fi humnoota mootummaa jidduu keessatti gaggeeffamaa ture.
Mootummaan federaalaas walitti bu’insa dhaabuuf jecha naannichatti Adooleessaa irraa kaasee labsii yeroo muddamaa baatiiwwan jahaaf labsuun ni yaadatama.
Erga labsiin yeroo mudammaa labsameen booda humnootiin mootummaa magaaloota naannichaa duraan harka hidhatootaa galanii turan deebisee akka qabatu gargaareera.
Waraana Naannoo Tigraa kan bara 2020'tti eegalame keessatti humnootiin mootummaa fi hidhattoonni faannoo waliin hiriiruun humnoota Tigraayiin lolaa akka turan ni yaadatama.
Waraanni Naannoo Tigraay waliigaltee nagaa Afriikaa Kabbaatti mootummaa federaalaafi humnoota Tigraay jidduutti mallattaa’een xumura argateera.
Ergasiin booda ammo, wayita mootummaan federaalaa hidhattoota naannichaafi humnoota addaa gara caasaa nageenyaatti makuun akka haaraatti ijaaruuf sochii taasisuu eegalee kaasee hidhattoota Faannoo fi mootummaa jidduutti walitti bu’iinsi eegale.
Humnootiin naannoo Amaaraa keessatti argaman murteen mootummaa federaalaa naannichi akka gara fulduraatti mormii hidhannoo homaatu hin taasifne dhorka jedhu.
Komishiniin Mirga namoomaa Itoophiyaa gamasaatiin erga walitti bu’inisi kun naannichatti eegalee kaasee namoonni 3,000 ta’an bakka jireenyaasaanii irraa buqqaafamu hubachu hime.