Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tiraamp himata hokkora Kaapital irratti yaada amantaafi waakkii akka kennan ajajaman
Paanaliin dhimma hokkora Kaapital bara darbe Ameerikaa raase qoratu Doonaald Tiraamp seera baastota duratti dhiyaatanii yaadaa waakkiifi amantaa isaanii akka laatan gaaffii seeraa dhiyeesse.
Gabaasni dhimma Tiraampiifi hokkora Kaapital irratti qophaa'e kun, ''bu'aa filannoo gargalchuuf yaalii takkittii seenaa US keessatti pirezidantiin yaalame keessatti ati kan duurarra jirta'' jedha.
Itti dabaluunis gochu kun seera maleessaafi heera maleessa akka ta'ees ni beekta'' jedha.
Abbaan seeraa Tiraamp gama isaaniin seera baastotni koree keessa jiran ''duudhaa cabsaniiru'' jechuun komatan.
Tiraamp gama isaaniin adeemsa seeraa irratti dhiyaate kana filannoo bara hojii walakkaa adeemaa jiru fi hanqina bulchiinsaa mudaterraa qalbii uummata jijjiiruufi jedhan.
Tiraamp mana murtiitti dhiyaatanii yaada hin kennan taanaan himatni yakkaa irratti banamuu mala.
Tiraamp hanga Sadaasa 4'tti ragaalee irraa eegaman galchuun dhuga-bahumsaaf ammoo Sadaasa 14 Koongireesiitti dhiyaachuu qabu.
Pirezidantiin duraanii kun dhimmoota kanneen hin raawwatan taanaan, koreen dhimma isaanii ilaaluutti jiru dhimma isaanii gara muummee haqaatti dabarsee himatni yakkaa akka irratti banamu gochuu mala.
Gorsaan dhimma tarsiimoo pirezidantii duraanii Stiiv Baanoon, seera Koongireesii cabsuun adabbiin doolaara 6,500 fi hidhaan ji'a afurii erga irratti murameeti kan Tiraamp kun kan dhagaahame.
Koreen Kongireesii kun Amajjii 6, 2021 deeggartootni Tiraamp Kaapital Hiiliin mancaasuu isaanii dhimma walqabate qoratu.
Miseensota koree kanaa keessaa warra Rippaablikaanii lamaafii Dimookraatotaa torba torbee darbe keessa Tiraamp dhimma kana irratti dhiyaatanii yaada akka kennan sagalee guutuun murteessan.