Somaaliyaa fi Turkiin waliigaltee tumsa waraanaa mallatteessan

Ministaroota ittisaa Turkiifi Somaaliyaa

Madda suuraa, ABDULKADIR MOHAMED NUR

Maxxanfame

Somaaliyaa fi Turkiin dameewwan waraanaa garagaraa irratti wal-tumsuuf waliigaltee mallatteessuu ibsan.

Qabiyyeen waliigaltee biyyoota lamaanii kuni ibsamuu baatus, ministiroonni ittisaa isaanii iddoo argamanitti mallatteefamuu Tajaajilli Oduu Biyyaalessaa Somaaliyaa fi Ministeerri Ittisaa Turkii ibsaniiru.

Tajaajilli Oduu Biyyaalessaa Somaaliyaa waliigaltee ''seena qabeessa'' jedhe.

Biyyootiin lamaan waliigaltee kana kan mallatteesan Somaaliyaan Itoophiyaan hulaa galaanaa argachuuf Somaalilaand waliin waliigaltee taasisteen booda yeroo muddama keessa jirtutti dha.

Waliigaltee kuni magaalaa guddoo Turkii Ankaaraa waajira ministira ittisaa keessatti yeroo mallatteefamu, Ministirri Ittisaa Turkii Yaasaar Gular ''Somaaliyaan Afrikaatti michuu keenyaa ijoo dha,'' jedhaniiru.

Ministirichi gita isaanii Somaaliyaa waliin marii bu'aa qabeessa gochuu ibsuun, ''walabummaan Somaaliyaa fi barbaachisummaa tokkummaa bulchiinsaa,'' irratti dubbachuus Ministeerri Ittisaa Turkii ibseera.

Tajaajilli Oduu Somaaliyaa akka gabaasetti ammoo waliigaltichi nageenya Somaaliyaa fi naannichaa jabeessuuf kan kaayyeefate dha.

Ministarri Ittisaa Somaaliyaa Abdulqaadir Mohaammad Nuur, ''mootummaafi uummata Somaaliyaaf deeggarsa obbolummaan addaan hin citne taasifamuuf,'' galata dhiyeessuus gabaaseera.

Ministaroonni ittisaa biyyota lameenii dhimmoota ittisaa fi nageenyaa irratti marii'achuu akkasumas tumsa waraanaa biyyoota lameenii cimsuu irratti kutannoo qabaachuu waliigalteen mallatteeffamuun booda ibsa kennaniin himaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ministarri Ittisaa Somaaliyaa Abdulqaadir Muhaammad Nuur simannaa ho'aa Ankaaraatti isaaniif taasifame galateeffachuun hidhati biyyoota lameen gidduu jiru Pireezidant Taayip Erdohaan 2011tti Somaaliyaa daawwachuun caalaatti jabaachuu himaniiru.

Abdulqaadir Muhaammad waliigalteen tumsaa biyyooti lameenmallatteessan, ''shororkeessaummaa loluu fi deeggarsa maallaqaa waraanaa,'' akka dabalatu ibsa mariin booda kennanirratti akeekaniiru.

Turkiin biyya amma Somaaliyaa waliin muddama keessa galte Itoophiyaa waliin waggaa lama dura waliigaltee waraanaa dabalatee dameewwan kaaniinis waliigaltee mallatteessitee ture.

Baatii tokkoon dura biyyi ofiin walaba jettu Somaaliilaand Itoophiyaadhaaf hulaa galaanaa kennuufi Itoophiyaa irraa ammoo beekamtii argachuuf waliigalten wal-hubannoo mallatteessite mootummaa Somaaliyaa dheekkamsiiseera.

Sababa kanaan Somaaliyaan bulchiinsa qaama biyya koo taate waliin waliigaltee raawwachuun walabummaa koottu buuteetti jechuun dhimma kana gara dhaabota akka ardiifi idila-addunyaatti jiranitti geessiteetti.

Turkii dabalatee biyyooti garagaraa kaanis walabummaan Somaaliyaa akka kabajamu waamicha dhiyeessaniiru.