Yukireen haleellaa Raashiyaa qolachuuf taankii hedduu natti ergaa jechuun gaafatte

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidaantin Yukireen Volodmir Zeleniskiin Raashiyaa loluuf biyyoonni lixaa taankii heddu akka kennaniif gaafatan.
Zeleniskiin kana kan dubbatan ministironni ittisaa biyyoota lixaa Kibba Jarmanitti Amajjii 19 wal gahii godhatan irratti.
US fi biyyoonni Awurooppaa heddu Yukireeniif meeshaalee waraanaa gurguddaa dabalatee deeggarsa akka godhaniif waadaa galaniiru.
Walgahii biyyoonni lixaa godhatan kanarratti, "Taankiwwan dhibbaan lakkaa'aman hedduutu nu barbaachisa" jechuun gaafatan Zeleniskiin.
Jarmaniin ammoo taankii ishee Li'opaard 2 jedhamu Yukireenif akka kennitu biyyoonni lixaa dhiibbaa gochaa jiru.
Biyyoonni Awurooppaa deeggarsa meeshaalee waraanaa Yukireenif arjoomuf erga walii galanii booda qondaaltonni waraanaa biyyoota 50 irraa walitti bahan Amajjii 20 Jarmanitti wal gahanii jiru.
Ministiirri Ittisaa US Liyoold Ostin wal gahii kanarratti deeggarsi cimaan Yukireenif akka malu himan.
Raashiyaan Yukireenirratti waraana erga labsitee amma ji'oota 11 guutera. Qondaaltonni waraanaa NATO akka jedhanitti Raashiyaan weerara qindaa'aa bifa haaraan Yukireen irratti banuu akka feetu ibsan.
Angawoonni biyyoota lixaa akka jedhanitti Yukireen torbanoota dhufanitti Raashiyaa duubatti deebisuu akka dandeessu tilmaamu.
Sabani isaan dhiyeessan ammoo Raashiyaan hanqina meeshalee waraanaa qabdi kan jedhuudha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Raashiyaan ammoo biyyoonni miseensa NATO ta'an kallattiinis ta'ee al kallattiin waraanicha irratti hirmaachuun dubbii hammeessudha jetti.
Dubbi himaan mootummaa Raashiyaa Dimiitirii Peskoov biyyoonni lixaa Yukireenif taankii erguun isaanii "rakkoo uummata Yukireen dheeressuu malee jijjiirama fidu hin qabu" jedhan.
UK'n taankiwwan Chaleenjar 2 jedhaman lakkoofsaan 14 ta'an Yukireenif akka ergitu beeksistee jirti. Taankiwwan Jarmanii Li'opaard jedhamanis waraana kanaaf murteessoodha.
Taankiwwan jarman kun biyyoota Awurooppaa heddu keessatti tajaajilaa kan jiru yoo ta'u salphaatti suphuun waan danda'amuuf Yukireen taankii Li'opaard baay'ee barbaaddi.
Polaand ammoo taankii Jarman ofii itti fayyadamtu dabarsitee Yukireenif akka fayyadamtu beeksifte.
Gorsaa Ministiirri Ittisaa Yukireen kan ta'an Yuurii Saak, "Taankiin Yukireenif kennuu jechuun bilisummaa jechuudha, har'a taankiwwan kana nuuf hin kennan taanaan gaaf tokko [yeroo Raashiyaan isaan weerartu] itti fayyadamuun isaanii hin oolu" jechuun BBCtti dubbatan.

Madda suuraa, Reuters
Jarmaniin taankiiwwan Li'opaard Yukireenif erguuf torbee kana ni murteessiti jedhamee eegama. Haa ta'uu garuu, Jarmaniin taankii kana kan ergitu US taankii ishee Abrams jedhamu yoo Yukireenif kennite akka ta'e ibsite.
Kanaan dura Jarman misaa'ela farra haleellaa qilleensarraa Yukireenif erguuf US dursa yoo ergite malee jettee didde. Boodarra US misaa'ela kana erginaan Jarmanis erguuf murteessite.
Ammas taanaan Jarman taankii ishee Yukireenif erguuf US dursummaa akka fudhattu barbaaddi.
Biyyoonni Kamisa darbe deeggarsa meeshaalee waraanaa Yukireenif gochuuf walii galan keessaa konkolaatawwan waraanaa, artilariiwwaniifi meeshaalee dhuka'an heddu of keessatti hammata.
US bifa haaraan deeggarsa meeshaalee waraanaa dolaara biliyeena 2.5 ta'u Yukireenif akka kennitu beeksifte.
Waraanni Yukireen erga eegalee hanga ammaa US deeggarsa dolaara biliyeena 26.7 ta'u Yukireenif arjoomtetti.
US deeggarsa meeshalee waraanaa hanga ammaatti taasifte keessa taankiin hin turre.
Amma garuu konkolaatawwan sibiila uffatan 59, konkolaataawwan loltoota fe'an 90 fi sirna farra haleellaa qilleensarraa Avenger fi meeshaalee waraanaa biroo Yukireenif akka kennitu beeksifte.
US kana kan beeksifte biyyoonni Awurooppaa sagal Istooniyaatti wal gahuun deeggarsa meeshaalee waraanaa dabalataa Yukireenif akka kennan erga walii galanii booda. Meeshaalen biyyoonni kun Yukireenif kennuuf jedhan:
- UK- misaa'ela Biriimiston 600
- Denmark- 'madfiiwwaan' hawuzars jedhaman kan Faransaay omishte 19
- Istooniyaa - 'madfiiwwan hawuzars, dhukaatuwwan, konkolaatawwan deeggarsaa, laawunchariiwwan farra taankii
- Lativiyaa - misaa'eloota farra haleellaa qillensarraa istingar jedhaman, helikoptara lama
- Lituuniyaa - meeshaalee farra xayyaaraafi helikoptara lama
- Polaand - meeshaa farra xayyaaraa S-60 jedhamu rasaasa isaa 70,000 wajjin
- Chek Rippablik - dhukaatuwwan heddu, madfiiwwan ofiin dhuka'anfi APC
- Nezarlaandis- gosa deeggarsa kennituu ni beeksifti jedhamee eegama.












