Ameerikaan qondaala olaanaa IS Siiriyaatti jiraa qabu ibsite

Gurbaa mandara al-Hamiraa  jedhamtu kan humnoota walta'iinsaa Ameerikaan durfamuun irratti qiyyaafatame

Madda suuraa, AFP

Maxxanfame

Humnoonni walta’iinsaa Ameerikaan durfamu qondaala olaanaa garee jihaadistoota IS haleellaa halkan edaa Kaaba Siiriyaatti fudhataniin qabuun ibsame.

Humnoonni walta’iinsaa ibsa baasan keessatti akka eeranitti namtichi qabame ''boombii tolchuu fi haleellaa raawwatamu qindeessuudhaan muuxannoo qaba.''

Anga’oonni miidiyaalee Ameerikaatti akka himanitti, maqaan isaa Hanii al-Kurdii jedhama.

Qaamni dhimmicha hordofaa ture tokko akka himetti, loltoonni helikooptaroota lamaarraa al-Humayraa, daangaa Tarkiitti dhiyaatutti harcaa'an.

Dhaabbanni UK keessa maadheffate ‘Syrian Observatory for Human Rights’ akka jedhutti, helikooptarrii naannichaa otoo hin deemiin dura daqiiqaawwan torbaaf loltootaa fi namoonni mandaricha keessa turan walitti dhukaasaa turan.

Loltoonni kunneen  gara boodaa maadhee humna waraanaa naannoo Kobaanii, kan bulchiinsa Aleeppoo keessatti argamuu fi finciltoota Tarkiin deeggaramaniin to’atamu keessa qubatan jedhe.

Jiraataan mandara al-Humayraa jedhamuu Mohaammad Yooseef akka jedhutti loltoonni mana qarqara magaalaa, iddoo warri Aleeppoo keessa qubatu jedhamee amanamuurratti haleellaa banan.

''Helikoptaroonni erga achii deemanii booda mana dhaqnee dubartoota  walitti hidhamanii fi ijoollee dirreerratti argine,'' jechuun AFPtti hime.

''Namticha tokkoo erga fudhanii deemanii, dhiironni biroon hafan eessa akka jiran hin beeknu. Dubartoota irraa hidhaarraa erga hiiknee booda nama maqaan isaa Fawaaz jedhamu fudhanii deemuu nutti himan,''jedhe.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Humnoonni walta’iinsaa ibsi baasan akka jedhutti, ‘’namoonni nagaan akka hin miidhamne ergamni sun sirnaan kan karoorfame ture.’’

Itti dabaluun ‘’Tarkaanfiin waraanaa fudhatame milka’aa ture; namoonni  nagaan miidhaman hin jiran ykn loltoonni Humnoota Walta’iinsaa miidhamanis ta’ee xiyyaara keenyarra miidhaan qaqqabe hin jiru,’ jedhe.

Barruun Waashingten Poost qondaala Ameerikaa wabeeffachuun akka gabaasetti, qondaalli IS qabame Ahimad Kurdii kan jedhamu yoo ta’u,  maqaa ‘’Walii’’ ykn bulchaa Raaqqaa jedhamuun beekama.

Raaqqaan magaalaa Baha Aleeppootti argamtu yoo taatu, bara 20214 teessoo muummee IS akka taatetti beekamti turte. Hidhattoonni kunneen lafa bal’aa Siiriyaa fi Iraaqitti erga qabatanii booda namoota miliyoonaan lakkaa’amaniirratti bulchiinsa akkaan hamaa ta’e diriirsanii turan.

Guraandhala darbes loltoonni humna addaa Ameerikaa Siiriyaa iddoo finciltoonni to’atan bulchiinsa Idiliiitti haleellaa raawwataniin hogggnaan IS waliigalaa Abu Ibiraahim al-Hashiimii al- Quriyiishii ajjeefamuutu yaadatama.