Hogganaan IS haleellaa tasaa US hordofee ofiifi maatiisaa ajjeese

Madda suuraa, EPA
Miseensonni addaa Waraana Ameerikaa Kaaba-lixa Sooriyaatti hogganaa IS irratti xiyyeeeffachuun tarkaanfii fudhachuu isaanii hordofee dursaan garee IS kun ofiifi maatii isaa ajjeesuun ibsame.
Pirezident Joo Baayidan ergama waraanaa kana hordofee ibsa baasaniin, "Gootummaafi ogummaa miseensota Waraanaa keenyaaf galanni yaa ta'u. Abu Ibiraahim Al-Hashim Al-Quraayishin dirree waraanaa keessaa maqsineera," jedhan.
Aanga'aan olaanaa Ameerikaa tokko sabaa himaalee Ameerikaatti akka himanitti, gaggeessaan IS haleellaa hin eegamiin Ameerikaan taasifte hordofee ofiifi miseensota maatii isaa boombiidhan balleesse.
Hojjetoonni Yeroo Balaa Sooriyaa haleellaa tasaa kana horofee namoonni 13 ajjeefamuu isaanii beeksiseera.
Xiyyaaronni waraanaa Ameerikaa lakkoofsi isaanii baayyee ta'e kutaa bulchiinsa Kaaba-lixa Sooriyaatti argamtu Iddilbii, magaalaa Atimeeh keessa Roobii Guraandhala 02, 2022 akka saatii biyyattiitti waariirra qubataniiru.
Namoonni bakka sana turan miseensonni waraanaa Ameerikaa humni cimaan isaan dura dhaabbatee ofirraa ittisu isaan mudatee tureera jechun dubbatu. Miseensota waaraanaa Ameerikaa meeshaan farra-xiyyaaraa konkolaataa irraatti hidhamerraa dhukaasni cimaan irratti banamee ture.
Hanga elekoopteroonni waraanaa Ameerikaa bakka sana gadi dhiisanii deemanittis sagaleen dhukaasaa cimaan saatii lamaaf walitti fufee dhaga'amaa tureera.
Niiwu Yoork Taayims elekoopteroota waraanaa Ameerikaa keessaa tokko rakkoon mekkaanikaalaa mudatee miseensonni waraanaa erga gatanii deemanii booda haleellaa xiyyaaraa Ameerikaan irra deebiin fudhatteen elekooptarittiin akka gubattu taasifamteetti jechuun gabaaseera.
Pirezidant Joo Baayidan Ameerikaanota ergama isaanii gaggessaa IS irratti xiyyeeffachuun raawwatan goolabanii deebiyaniiru jedhan.
Kaayyoon ergamichaas nageenya Ameerikaanotaafi uummata michoota Ameerikaa eeguuf, akkasumas addunyaa kan nageenyi wayyaa'aa keessa jiru gochuudha jedhan Joo Baayidan.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X

Sivil Diffensiin Sooriyaa gamoo waraanni Ameerikaa irratti xiyyeeffaterraa kan daa'imman ja'aafi dubartoota afurii dabalatee reeffa namoota 13 kaasuu isaa beeksiseera.
Haleellaa kanaan daa'ima miseensonni maatii jalaa ajjeefaman tokko lubbuun argamuu isheetiifi wallaansaaf gara hospitaalaa akka geeffamte hojjettoonni balaa beeksisaniiru.

Madda suuraa, EPA
Aang'oonni mootummaa Ameerikaa Roohitarsitti, "ergama jalqabarraatti kan irratti xiyyeeffatame shororkeessaan kun ofii isaa, dubartootaafi daa'imman dabalatee miseensota maatii isaa ajjeeseera," jedhan.
"Milkaa'ina ergama kanaa gamagamaa kan jirru ta'ullee, bara 2019 keessa ergama Al-Baagidaadiin itti ajjeefame irratti akka ilaalletti ammayyu tooftaan dabeessuu shororokeessaa hojiirra oolaa akka jiru argineerra," jechuun dubbataniiru.
Abu Ibiraahim Al-Hashim Al-Quraayishin dura IS gaggeessaa kan ture Abu Bakar Al-Bagidaadii bara 2019 keessa haleellaa waraana Ameerikaa tasaa hordofee boombii dhooseen ofiifi ijoollee isaa sadii ajjeesuun isaa ni yaadatama.
Kaaba-lixa Sooriyaa maandhee leellistoota Jihaaddistootaa isa cimaa ta'edha.

















