Leenjiif Chaayinaa deemee Itoophiyaaf meedaaliyaa sadii kan argamsiise Siiniyar Maastar Samiir Naasir eenyu?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Festivaala Shaa’olin Wushu Idil-addunyaa 13ffaa biyyoonni 56 irratti hirmaataniifi Chaayinaatti adeemsifamerratti gareen biyyaalessaa Itoophiyaa meedaaliyaawwan meetii 2 fi maaldaa 4 argateera.

Miseensa garee biyyaalessaa Itoophiyaa kan ta’e Siiniyar Maastar Samiir Naasir, dhuunfaan meedaaliyaa meetii tokkoofi maaldaa tokko gareen ammoo meedaaliyaa meetii tokko Itoophiyaaf argamsiisera.

“Yeroo ispoortiin kun dagatametti injifannee dhufuun keenya milkaa’ina guddaadha” kan jedhu dargaggoon kun, “dhugaa dubbachuuf kaka’umsaafi hamilee guddaa naaf uumera. Bu’aan argadhe hojii fooyyee qobu hojjechuufii ispoorticha beeksisuuf hamilee naaf ta’a” jedhe.

Waltajjii idil-addunyaarratti yommuu dorgomuu kun isa jalqabaa ta’uu kan himu dargaggoon kun, “biyya keenya keessatti xiyyeeffannoon kan kennamu ispoortiiwwan akka atileetiksiifi kubbaa miilaafidha. Gama maarshaal aartiin carraan baay’een hinjiru” jedha.

Samiir Naasir eenyu?

Ga’eessa waggaa 34 kan ta’e Samiir Naasir magaalaa Finfinnee keessatti dhalatee guddate. Waggoota 22 darbanis gosa ispoortii Wushu jedhamu leenji’uu fi leenjisuun dabarse.

Namoota ispoortii afur dorgommii Wushu idil-addunyaa Chaayinaatti gaggeeffame irratti hirmaatan keessaa tokko kan ta’e Saamir, Federeeshinii Wushu Itoophiyaa keessattis miseensa koree tekinikaa ta’uun tajaajilaa jira.

Wushun ispoortii aadaa warra Chaayinootaa akka ta’e kan himu Samiir, “Wushun gosa ispoortii biyya keenya keessattis bal’inaan mul’atudha. Ispoortichi kutaalee qaama kenyaa hunda sosochoosun dandeettiifii bu’aa fayyaa kan argamsiisuudha” jedha.

Umriisaa waggaa 10’tti ispoortii Wushu hojjechuu akka eegale kan himu Samiir, ispoortii kana akka jalqabuuf kaka’umsa kan umeef immoo fiilmiiwwan gama fooddaa televiziyoonaan ilaale akka ta’e dubbata.

“Jalqaba giddugala leenjii Wushu naannoo ‘4 Kiiloo’ argamuttin leenji’uu eegale. Sadarkaa saqqii gurraacharra yemmuun gahu immoo mana barumsaa naannoo Xiqur Anbassaatti argamuttin baradhe” jedha.

Ispoortii kanas walitti aansuun waggoota kudhaniif akka barate kan himu dargaggoon kun, sana booda gara leenjisuutti akka ce’e hima. Magaalaa Finfinnee keessatti maneen leenjii lama banuun ispoorticha leenjisuu erga eegalees waggoota 12 lakkoofsiseera.

Gama ispoortichaatiinis abbaa saqqii guaracha jahaa yemmuu ta’u gulantaa Siiniyar Maastar jedhamurra gaheera.

“Gulantaa Siiniyar Maastar kana kan fudhadhe Federeeshinii Wushuu Itoophiyaa irraati” jedheera.

Siiniyar Maastar Samiir, ogummaa ispoortii Wushu cinatti barnoota idileen hanga digirii lammaffaatti kan barate yemmuu ta’u, “Saayinsii Ispoortiin digirii jalqabaa baradheera. Digirii lammaffaa immoo ‘Exercise Physiology’ baradhe” jedha.

‘Leenjiif ture gara Chaayinaa kan deemne…’

Siiniyar Maastar Samiir, inni fi waahillansaa tibbana Chaayinaatti dorgomuun biyyaaf meedaaliyaa argamsiisan leenjii ji’a tokkoof turufii mootummaa Chaayinaatiin mijaa’eef bu’uura godhachuun gara Chaayinaatti akka imalan hima.

Haa ta’u malee leenjiichaan cinatti dorgomii Wushu irratti hirmaachuuf fedhii akka qaban himuusaanii dubbata.

“Akka biyyaati dorgommiif osoo hintaanee leenjiif dhuftan’ kan jedhutu ture. Haala jiru akka hubatanfii akka nugargaaran isaan gaafanne” jedha.

Sana boodas qopheessitoota dorgommichaa waliin erga mari’atamee booda dorgommicharratti akka hirmaatan akka heeyyamameef himeera.

“Ani gosoota dorgommii lama: ‘Taay Chi’ fi ‘Birood Iswoord’ jedhamaniin dorgomuuf guca guute. Dabalataan sadi taanee gareedhaan gosa ispoortii tokkoon dorgomuuf guca guunne” jedha.

Haaluma kanaan dorgommiilee dhuunfaadhaan dorgome lamaan meedaaliyaawwan Meetii fi Maaldaa yemmuu argatu, dorgommii gareedhaan dorgomaniin immoo meedaaliyaa Meetii argachuusaanii himeera.

Bu’aan akka dhuunfaattis ta’e gareedhaan galmeessisan hiikaa guddaa akka qabu kan himu siiniyar Maastar Samiir, “Yeroo gara biyyaatti deebinu Ministeerri aadaa fi Ispoortii simannaa nuuf taasiseera. ‘Kana booda ispoortiiwwan akkanaaf xiyyeeffannoo kennuun ni deeggarra’ nuun jedhaniiru” jedheera.

Ispoortichi xiyyeeffannoon gahaan akka hinkennamneef kan himu Samiir, “ispoortii kanaaf deeggarsi xiqqaanuu osoo taasifamee biyya keenya sirriitti beeksisuu danda’a” jechuunis himeera.