Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kooriyaa Kibbaa Ayyaana Halowiin irratti namoonni walirra bahuun 150 ol lubbuu dhaban
Magaalaa guddoo Kooriyaa Kibbaa Se’oolitti namootni hedduu ayyaana Haalowiin jedhamee beekamu kabajuuf ulaa dhiphoorratti walitti qabamanii turan walirra ejjachuun yoo xiqqaate namoonni 151 du’an.
Qondaaltonni biyyatti akka himanitti, balaa iddoo bashannanaa Itewaanitti galgala qaqqabeen namoonni 82 ol biroo mada’aaniru.
Weerarri Covid erga darbe asitti yeroo jalqabaatiif maaskii otoo hin keewwatiin kan ayyaaneffatame ture.
Namoota lubbuun isaanii darbe keessaa harki caalaan isaanii dargaggoota umuriin isaanii ganna 20 keessa jiru. Namoota balaa kanaan du’an keessatti lammiileen biyyoota biroo 19 ni argamu.
Ammayyuu maaltu balaa kanaaf ka’umsa akka ta’e qoratamuutti jira.
Pirezidantiin Kooriyaa Kibbaa Yoon Suk-Yehol, namoota miidhaman gargaaruun akka danda’amuuf gartuu deeggaru hundeessaniiru.
Suk-Yehol maaltu akka walirra ejjachuu sanaaf ka’umsa akka ta’e akka qoratamu ajajan.
Kooriyaa Kibbaatti bara 2014 dooniin dhidhimtee tokko lubbuu namoota 300 olii erga galaafate asitti, balaan tibbanaa kun lubbuu namoota hedduu galaafachuun kana jalqabaati.
Itewaan, mandara Kooriyaa Kibbaa galgala bashannaaf filatamoo ta’an keessatti eeramti.
Lammilee biyyattii qofa otoo hin taane,turistoonni biyyoota biroos Sambattan bashannanaaf garasitti yaa’u. Keessattu ayyaanni ‘Halloween’ addatti namoonni Itewaan yeroo kamiyyuu caalaa garasitti bubbisani.
Haalowiin ayyaana 'guyyaa ergamoota hunda' jedhamee kan beekamu kana ijoolleen uffata nama sodaachisu uffatu.
Sambata darbe kana namoonni 100,000 ta’u jedhame yaadamu ‘Halloween’ ayyaaneffachuuf erga weerarri Covid darbe yeroo jalqabaaf kan walitti qabaman yoo ta’u, lakkoofsi namoota walitti qabamanii hin daangeffamne ture.
Namoonni walirra ejjachuun kan eegalame karaa dhiphoo fi bu’a bayii qaburratti.
Suuraalee fi viidiyoowwan miidiyaa hawaasarratti maxxanfame akka agarsiisutti karaa bu’aa bayii qabuufi dhiphaarra namootaa heddummate, imalaaf rakkisaa ture.
Namoonni kaan harganuuf wayita muddaman viidiyoowwan waraabaman agarsiisaniiru.
Lubbuu baraartonni namoota muddama keessa turan harkisanii baasuuf yaalaa turan. Akkasuma namoonni muddaman wayita watwaatanillee dhaga’amaa ture.
Reeffi namootaa balaa kanaan du'anii uffata qorraa cuqulisaan maramee karaa gubbaa toora galeera.
Kaan ambulaansitti fe’amaallee ture.
Hojjattoonni lubbu baraarsaa dhibbaan lakkaa’aman deeggarsa kennuuf mandara balaan qaqqabetti bobbaafamaniiru.