Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Mootummaan Itoophiyaa qondaalota seera cabsan aangoorraa akka kaasuuf yaadni dhiyaateef
Mootummaan Itoophiyaa aanga'oota sarbama mirgoota namootaan himataman, "keessumaa ammoo miseensota raayyaa hayyama bulchiinsaatiin" aangoorraa akka kaasu itti-gaafatamtuun Biiroo Haqaa Yakka Idil-addunyaa Ameerikaa Ambaasaaddar Beez Vaan Sikaak gaafatan.
Haala naannolee Amaaraafi Oromiyaa keessatti "seera cabsuun" ittifufee keessatti haqa ce'umsaa hunda hammatu hojiirra oolchuun "rakkisaa" ykn kan "hin danda'amne" akka ta'e dubbatan.
Yakkoota waraanaafi dhimmoota akka yakka mirga namoomaarratti raawwatamanii ilaallatanirratti Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa biiroo gorsu kan hoogganan Ambaasaaddar Beez, ibsa gaazexeessitootaaf A L I Mudde 9, 2017 kennanirratti kana jedhan.
Ibsi Ambaasaaddar Beez kun turtii isaanii A L I Sadaasa 29 hanga Mudde 2, 2017 Finfinneetti taasisanirratti kan xiyyeeffate.
"Adeemsa haqa ce'umsaafi itti-gaafatamummaa Itoophiyaafi guutummaa Afrikaa keessatti jalqabaman jabeessuudhaaf gara Gaanfa Afrikaatti kan imalan Ambaasaaddar Beez, aanga'oota mootummaa Itoophiyaa waliin akka wal arganiifi haqa ce'umsaa ilaalchisuun marii ministeerri haqaa qopheesserratti hirmaachuu ibsan.
Haata'u malee, Itoophiyaa keessatti "dirree sivikii cufame, keessumaa seera cabsuu naannolee Oromiyaafi Amaaraa keessatti ittifufe" akka beekan eeran.
Itti-gaafatamtuun Biiroo Haqaa Yakka Idil-addunyaa Ameerikaa, hawaasni idil-addunyaa adeemsa haqa ce'umsaa Itoophiyaa deeggaruuf fedhii akka qabu kan ibsan.
"Adeemsa hanga amma jirurraas abdii akka qabanis," himaniiru.
"Namoonni yaada isaanii ibsachuudhaaf, haala jiru dubbachuuf bilisummaan yoo itti hin dhaga'amne adeemsa haqaarratti akka hin hirmaanne nan beeka. Walitti bu'insawan naannolee keessatti deemaa jiran marii siyaasaan furamuu qabu," jechuun gaazexeessitootatti dubbatan Ambaasaaddar Beez.
Ambaasaadar Beez sarabama seenaa keesatti raawwatee fi walitti bu'iinsa amma mul'atu furuudhaaf haqa yeroo ce'umsaa gaggeessuuf tarkaanfii mootummaan Itoophiyaa fudhachaa jiru maal akka ta'e hubachuuf mootummaan US eega jira jedha.
Mootummaan US tarkaanfii barbaachisaa haqa yeroo ce'umsaa mirkaneessuuf ''tarkaanfilee fudhatamuu qabaniidha'' jedhe keessaa tokko aanga'oota mootummaa sarbama raawwatan kan ilaallatudha.
''Tarkaanfii itti yaadamuufi hiika qabu [namoota] sarbama raawwachuun maqaan isaanii ka'u aangoorraa kaasuudha.
Keessumaa miseensota waraanaa, fakkeenyaaf kanneen yakkaan himataman qorannoon guutuun hanga irratti gaggeeffamutti hayyama bulchiinsaan aangoorraa kaasuun'' barbaachisaa akka ta'e gorsan.
Mootummaan Federaalaa badiiwwan qaqqaban raawwatamuu isaaniif ''ifatti beekamtii kennuu qaba'' jedhan.
Adeemsi haqa yeroo ce'umsaa ''ifa, hunda hammataafi miidhamtoota kan bu'uureffate '' ni ta'a, yoo kun ta'e mootummaan Ameerikaa ''deeggaruuf'' qophiidha jedhan.
''Waayee isa darbee amanamaa ta'uufi abbootii aangooratti tarkaanfii fudhachuun ittigaafatamtoota gochuun mootummaadhaaf baayyee barbaachisaadha'' kan jedhan Ambaasaaddar Beez, sarbamoota mudatan ilaalchisee Mana Murtii waraanaatti himannaawwan dhiyaataniifi adamsii adabbii amalaa ifa akka hin taane himaniiru.
Eenyu yakka maaliin akka himatame, adabbiinsaa maal akka ta'e odeeffannoo homaa hin qabnu. Adeemsa hunda hammataa akka ta'uuf jecha adeemisa ilalachisee hubannaan jiraachuutu irra jira'' jedhaniiru.