Afrikaa Kibbaatti miseensotni maatii tokkoo kudhan ajjeefaman

Madda suuraa, Reuters
Afrikaa Kibbaatti haleellaa mana isaanii irratti gaggeeffameen miseensotni maatii tokkoo 10 ajjeefamuu isaanii poolisiin ibse.
Dubartoonni torbaa fi dhiiroti sadii, Jimaata ganama mana jireenyaa isaanii magaalaa Piyeetarmaritizibargi keessatti ajjeefaman.
Ministeerri poolisii Beekii Keelee akka ibsetti shakkamtoonni lama to’annoo jala oolfamanii, tokko ajjeefame, kan biraa tokko ammoo adamsamaa jira. Shakkamtoonni kun maaliif haleellaa kana akka raawwatan ifa miti.
Addunyaa irraa biyyoota yakka ajjeechaa guddaa qaban keessaa Afrikaan Kibbaa ishee tokkodha.
Poolisiin odeeffannoo kan argate erga ollootni sagalee dhukaasaa dhaga’aniidha.
Obbo Keeleen kanneen ajjeefaman keessa tokko muca umurii ganna 13 akka ta’e himuun, “bakki yakki kun itti uumame, hamaadha. Namootni hedduu bakka kanatti lubbuu isaanii dhabaniiru,” jedhan.
“Namoota lama to’annoo jala olfamanii, tokko madaa’ee, tokko du’ee, tokko baqateera, shugguxiin sadii argameera,” jechuun Keeleen bakka yakki kun itti raawwate magaalaa Imbaalii, bulchiinsa KuwaaZuluu-Nataal keessatti argamtutti gaazexeessitootti himeera.
Daa’imni tokko haleellaa kanaan madaa’ee hospitaalatti akka geeffame himameera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akka miidiyaaleen biyyatti gabaasanitti, shakkamtoonni kun mana maatii ganaa kan seenuu danda’an nuti qondaaltota poolisiidha ofiin jechuuni.
Shakkamtootii kunneen mana falfalaa – ykn oggeessa fayyaa aadaa- keessa dhokatanii utuu jiranii qabamuu isaanii Aab Keeleen mirkaneessaniiru. Poolisiin akka jedhutti, shakamtoota keessaa inni tokko – isa ajjeefame – yeroo dheeraaf nama poolisiin barbaadamaa turedha.
Kutaan Afrikaa Kibbaa kun yeroo dheeraaf bakkewwan yakki ajjeechaa guddaan itti raawwatamuun beekaman keessa tokkodha.
Taateen kun torban kana keessa bulchiinsa KuwaaZuluu- Natal keessatti ajjeechaa jumlaa uumame isa lammaffaadha. Gaafa Kamisaa mana jireenyaa biraa Kaaba magaalaa Darbanitti argamu keessatti namootni afur ajjeefamaniiru.
Amajjii keessa, Bulchiinsa Keep Bahaa magaalaa Geberhaa keessatti qophii kabaja guyyaa dhalootaa irratti namootni saddeet ajjeefamaniiru. Kun haleellaa irra daddeebiin bara darbe manneen dhugaatii keessatti uumamaa turetti aanee kan dhufe yoo ta’u, haleellaa tokkoo qofaan yoo xiqqaate namootni 15 ajeefamuun isaanii yaadatama.















