'Addunyaa saroonni daa'imman nyaattu keessa jiraachuu hin dandeenyu' -Jiraattota Afrikaa Kibbaa

Daa'imni kun Afrikaa Kibbaatti sarootaan nyaatamee du'e
Maxxanfame

Jiraattoonni magaalaa Fomolog, Afrikaa Kibbaa Dilbata darbe iyya hamaa tokkotti dammaqan.

Daa’imni waggaa sadii gosa saree guddaa kan Ameerikaa jedhamuun beekamuun nyaatamee yeroo du’u argan.

Daa’imni kun hiriyyoota isaa waliin ala bahuun gara ollaatti bahuun mana fuuldura taphachaa turan.

Sarootni gurguddaan lama yeroo hundaa hidhamanii eegaman gadhiifamuun bakkee bahuun roorrisaa turan.

Booda daa’ima Keketsoo Suulee jedhamu qabachuun qaama isaa cicciranii ajjeesan.

Maatiin daa’ima kanaa sarootni kun daqiiqaa dheeraaf irra turanii jedhan.

Osoo namootni bahuun irraa harkisanii hin gadhiisifne tahe, daa’ima kana nyaataniima fixu ture jette adaadaan daa’ima sarootaan nyaatamee Nitaabeleng Suulee.

 "Fuulli isaa gartokko hin jiru, sammuu isaa keessayyuu argita.’’

Viidiyoon yeroo balaan dhaqqabu waraabame baay’ee suukaneessaa fi maatii fi ollaan yeroo iyyan agarsiisa.

Akkatti gidduugalan dhabanii naasuu fi rifaatuu guddaan yeroo iyyan agarsiisa.

Namni tokko bishaan ho’aa fixuun saroota kanatti yeroo naqu sarootni daa’ima nyaachaa turan gadhiisan.

Namootni iyya birmatanii deeman aariidhaan saroota kanatti waan adda addaa darbachaa turan.

Tokko qabataniis tumanii abidda itti qabsisanii ture. Uummanni naannichaa haloo bahuuf yeroo dhaadataa turetti pooliisin dhaqqabe.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Abbaan qabeenyaa saroota kanaa dargaggeessa ganna 21 yoo ta'u, poolisiin to’annoo jala oolche.

Libohaangi jedhama. Saroota hamaa akkasii qabaachuun himatame.

Adabbii maallaqaa ykn ammoo hidhaa wagga lama hin caalletu abbaa qabeenyaa saroota kanaa irratti darba.

Sareen tokko garee kunuunsa bineensotaa 'SPCA' jedhamuun fudhatamuun ajjeefameera.

Namni saroota kana guddise Paaliin mirga wabii eegameefii doolara 18 kaffaluun mana hidhaatii bahe.

Garuu gara mana kireessaa ture sanaatti deebi’uu fi dhiisuun isaa hin baramne.

 Yeroo gaaxeseesitootni BBC gara bakkichaa deeman dhagaan, uleen fi gommaan gubatee bakka saricha itti gubaniti argama.

Jiraattotni naannichaa ammayyuu aariidhaan waan tahe dubbatan.

''Taateen kun onnee keenya cabseera,’’ jette harmeen daa’ima xiqqaa baattee BBCtti dubbatte Emilii Mooreen.

 ''Saroota gurguddoo akkasii tasuma hin barbaannu’’ jettee yoo murteen haqaa hin kennamu tahe ‘’dhimma seerichaa ofii keenyatti fudhanna’’ jette.

Mana jireenyaa isaanii keessaa gallee adaadaan daa’ima sarootni ajjeesanii moobaayilii ishee keessaa baastee suuraa daa’ima bareedaa seequu nutti agarsiifte.

Imimmaan ishee hudhaa miira gaddaa maatiin keessa jiru dubbatte.

 ''Halli jiru sirrii miti, Haati daa’imaa, akkoon fi akaakayyuun waan daa’ima irratti tahe ija isaaniin arganiiru,’’ jette.

''Sarootni kunneen maaliif daa’ima isaanii akka nyaatan hubachuuf yeroo isaanitti fudhata,’’ jette.

 Abbaan qabeenya saroota kanneenii "addunyaa sarootni daa’imman nyaatan keessa jiraachuu hin dandeenyu. Hawaasni yoo natti aare waan gochuu danda’u hin jiru.

Garuu sareenkoo kun yeroo na biraa deemu ilaaluun baay’ee nama dhukkubsa’’ jedhe.

Amma saroota isaanii namootni hedduun dabarsanii garee kunuunsa bineensotaa biyyichaatti kennaa jiru.

Bara 2017 akkasuma daa’imman afur saroota gurguddoo sanyiin isaanii Ameerikaa irraati jedhamaniin nyaatamaniiru.