Leenjisaan Norwich Siitii waa'ee miidhama Alii Ahmad dubbate

Madda suuraa, Getty Images
Taphataa hiddisaa Oromoo lammii Kanaadaa ta'e Alii Ahmad Waancaa Addunyaa 2026 booda tapha jalqabaa kilabasaa Norwich Siitiif taphaterratti miidhamee dirree keessaa ba'e.
Kilabni Chaampiyoonshiippii Ingilaand- Norwich, tapha michummaa dorgommiin liigichaa jalqabuu dura kilaba Ispeen- Osasuna, waliin taphateen ga'umsa gaarii agarsiisus goolii 2 fi 1n injifatame.
Taphataan sara gidduu Norwich Siitii Alii Ahmad jijjiiramee galus daqiiqa muraasa erga taphatee booda miidhamaan dirree keessaa ba'e.
Leenjisaan kilabichaa Filiip Kilemant miidhaan tapha Sambataa (Hagayya 1, 2026) irratti Alii Ahmad mudate kan yeroo dheeraaf turu ta'uurratti dubbateera.
Erga dorgommii Waancaa Addunyaatii as taphasaa jalqabaa kan ta'e kanarratti Alii Ahmad daqiiqaa muraasa erga taphatee booda dirree keessatti erga miilli isaa bitaa micciiramee kufee tapha itti fufuu hin dandeenye.
Alii Ahmad lafarratti kufee wayita jilbasaa gara keessaatti sukkuummatu mul'ata.
Booda ogeeyyii fayyaa lamaan deeggaramee ofumaan imalaa, garuu okkolaa, dirreetii baafame.
Miidhaan taphataa kana mudate erga qoratamee booda guyyoota dhufan keessatti ni ibsama jedhe kilabichi.
Fuula Facebook isaarratti ammoo ''Alii, nuti hunduu si duuba jirra,'' jechuun jajjabeesse.
Miidhama taphataa kanaa hordofee Filiip Kilemant kilabichaaf oduu gaarii akka hin taane ibse.
Asumaanis waa'ee egeree taphattoota isaa- Jaakoov Meedik fi Amankiwah Forson dubbateera.
Jijjiirraa taphattootaa irratti carraa fi yaaddoo kilbichi qabus ibseera leenjisaan Norwich Siitii kun.

Madda suuraa, Norwich City FC/FB
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kilabichi ji'a kana gara dhumaarra West Brom waliin tapha jalqabaa kan bara dorgommii 2026/27 eegaluu dura taphataa sarara bitaarraan duubarraan taphatu barbaadaa jira.
Taphataan umrii waggaa 25 Alii Ahmad dorgommii Waancaa Addunyaarratti maqaansaa garee biyyaalessaa Kanaadaa waliin akkaan beekameera.
Kilaba Ingilaand Liigii Chaampiyoonshippii keessa jirtu Norwich Siitii kan seene bara darbe ture.
Transfer Market akka ibsetti Aliin paawundii miliyoona lama ta'uun Norwich Siitiitti makame. Kontiraatnisaas hanga bara 2028/29 tura.
Taphataan kun wayita Kanaadaan dorgommii Waancaa Addunyaarratti hanga garee 16 keessa galuutti taphattu erga waliin turee booda, dhiheenya kana gara Itoophiyaa imaluun damee ispoortii biyyattiif akka gumaachu dubbatee ture.
Aliin bara 2023 irraa kaasee Garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa Kaanaadaaf filamee taphataa ture.
Bara 2021 kilaba Vaankover waliin hojjechuuf garee daragaggotaatti makame. Achiis bara 2022 konitaraatasaa piroofeeshinaalaa kan jalqabaa mallateteesse.
Abbaafi haati isaa lammiilee Itoophiyaa, dhalootaan Oromoodha.
Waggoota 30 ol dura Harargee irraa gara Kanaadaa imalanii achi jiraachaa akka jiran maatiin BBCtti himan.
Inni garuu achumatti dhalatee guddate.



















