Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Israa'el doolara bil. 5 oliin xayyaarota waraanaa US irraa bituuf waliigalte
Israa'el dolaara biliyeena 5.2 baasuudhaan xayyaarota waraanaa dhabbata US xayyaara oomishu Booying wajjin waliigaltee mallatteessite.
Ministeerri Ittisaa Israa'el xayyaarota waraanaa F-15 jedhaman lakkoofsan 25 ta'an bituudhaaf dhaabbata Booying wajjin waliigaltee mallatteessuu beeksise jechuun Rooyitars gabaase.
Maallaqni bittaa xayyaarota waraanaa kanaaf oolu, deeggarsa qaama paakeejii deeggarsa US Israa'eliif taasistuu akka ta'eefi deeggarsa Kongireesiin Ameerikaa barana Israa'elif raggaasise irraa kan kaffalamuudha jedhame.
Xayaaronni waraanaa F-15 kan durii caalaa ammayyaa'oo kan ta'an yoo ta'an, modeelii F-15IA jedhamuun kan beekamaniidha.
Akkaataa waliigatee Israa'eliifi dhaabbata Booying kanatti, waggaa waggaan xayyaaronni 4-6 omishamuun Israa'eliif kan ergaman yoo ta'u bara 2031tti Israa'eliif dhiyaachuu akka eegalus himame.
Gama biroon ammoo, xayyaaronni kunneen meeshaalee waraanaa Israa'el qabdu baachuf akka ta'utti kan oomishamaniifi kan durii caala meeshaa waraanaa guddaallee baachuu akka danda'an godhamee hojjatama jedhame.
"Kun Humni Qilleensaa Israa'el Baha Giddugaleessatti rakkoolee amma jiraniifi gara fuulduraatti ka'uu danda'an maqsuun olaantummaa tarsiimoo qabatee jiru akka itti fufsiisuf gargaara," jedha ibsi Ministeera Ittisaa Israa'el.
Xayyaaronni waraanaa F-15fi F-35 waraana Israa'el Baha Giddu Galeessatti gaggeessaa jirtu keessatti gahee guddaa taphataa akka jiran dubbatan ajajaa Humna Qilleensaa Israa'el kan ta'an Eyaal Zamiir.
Ajaajaan humna qilleensaa biyyattii kun akka jedhanitti mootummaan Israa'el erga waraanni Gaazaa eegalee bittaa dolaara biliyeena 40 ta'u milkeessera.
"Meeshaalee waraanafi dhukaatuwwan ammayyaa ammatti nu barbaachisan irratti xiyyeeffannus dandeettii [waraanaa] kan yeroo dheeraa irrattis xiyyeeffachaa jirra," jedhan Eyaal Zaamir waa'ee waliigaltee bittaa xayyaarota waraanaa kana yoo dubbatan.
Israa'el dhaabata Booying waliin waliigaltee xayyaara waraanaa mallatteessunshee kun barana si'a lammaffaadha.
Ji'a Hagayyaa keessa, daandin qilleensaa biyyattii El Al Israel Airlines (ELAL.TA) xayyaarota sivilii 737 MAX jedhaman lakkoofsan 31 ta'an bituuf waliigaltee dolaara biliyeena 2.5 Booying waliin mallatteessera.