Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Poolisiin magaalaa Finfinneetti oppireeshinii gaggeessuun shakkamtoota 1,000 ol to'achuu hime
Poolisiin Federaalaa fi Poolisiin magaalaa Finfinnee waliin ta'uun oppireeshinii qindaa'aa kutaalee bulchiinsa magaalittii hunda keessatti guyyoota shaniif gaggeessaniin shakamtoota 1,000 ol meeshaalee adda addaa waliin to'achuu himan.
Dhaabbileen poolisii lamaan gamaggama hojii taasisuun uummataaf yerooo ifa godhanitti, yakkoota adda addaa hawwaasaaf yaaddoo tahan ittisuuf oppireeshinii qindaa'aa gaggeessuun namoota 1,000 ol to'achuu himan.
Oppireeshinii gaggeefameen manneen tirgaa 37 akkasumas manneen Beetiingii 3241 cufamuu ibseera. Itoophiyaa keessatti kaampaaniin Beetingi eeyyama fudhachuun hojjeta. Kubba miilaa biyyaattiifis ispoonsera olaanaadha.
Dabalataan kutaa bulchiinsa Addis Katamaatti shakkamaan mana keessatti rasaasa oomishu to'atamuu ibsi poolisii kun eera.
Shakkamaan kun rasaasa kilaashii 4052 fi qala'aa rasaasaa kilaashii qullaa 1297 fi maashinoota ittiin oomishu waliin to'annoo jala ooluu dhaabbileen poolisii lamaan ibsa kennan keessatti eeraniiru.
Kanneen to'annoo jala oolfaman keessaa konkolaatota adda addaa shan, gabatee konkolaataa adda addaa 64, baajaajii sadii, doqdoqqee 290, doolaara Ameerikaa kuma 31, laaptooppii 71 fi taabileetii adda addaa 52 tahuun ibsame.
Meeshaalee to'ataman jedhu keessatti televizhinii adda addaa, siimkaardii, meeshaalee shiishaa 1292, akkasumas bittaa gurgurtaaf kan oolan saantima Itoophiyaa keeshaa 90 akka argaman himeera.
Poolisiin ibsa baase kana keessatti bilbilaa fi laaptooppii akkasumas meeshaalee mana keessaa tokko tokko to'atamuu isaanii malee yakka akkaamiitu ittiin hojjetame kan jedhu hin ibsine.
Doqdoqqeewanii fi konkolaattota to'ataman ilaalchisee yakki kan ittiin hojjetamaa turee ykn hatamanii tahuu ykn ammoo eeyyama malee hojiirra kan turan tahuu hin ibsine.
Dabalataan ''dinagdee biyyaa dadhabsiisuuf'' maallaqa sobaa biyyoota adda addaa namootni maxxansanii fi gabaa gurraachatti jijjiirraa hojjetan to'annoo jala ooluu himaniiru.
Itoophiyaa keessatti sharafni gabaa gurraachaa yeroo dheeraaf dinagdee biyyattiif rakkoo tahee tureera.
Itoophiyaan hanqina sharafa alaan waggoota darban muraasa walitti aansuun rakkataa jirti. Mootummaan gabaa gurraacha kana to'achuuf tarkaanfii adda addaa fudhataa turuu hima.
Gatiin sharafni doolaaraa Itoophiyaatti gabaa gurraachaa irratti gaggeeffamu, kan baankii biyyaaleessaa jiruun dachaan oli jedhamee tilmaamama.
Dhaabbileen poolisii kunneen uummannis meeshaalee bitu hundaa karaa seera qabeessaan akak bituu qabuu fi `nagahee malee akka hin bitne dhaame.
Yakkootni magaalicha keessatti babbal'atanii turan jedhaman sadarkaa uummataaf yaaddoo hin taanerra geessisuuf oppireeshinii qindaa'aa tahe itti fufinsaan akka gaggeessan himaniiru.