Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Finfinneetti Abbaa fi haati buddeenaa daa’ima isaanii reebuun ajjeesan to’ataman
Oduun kun miira keessan jeequu mala.
Magaalaa Finfineetti abbaan daa'ima isaa ganna torba ofii dhalchee haadha buddeenaa waliin tahuun reebuun ajjeesan to'annoo jala ooluu poolisiin magaalichaa hime.
Maatiin kuni daa’ima kana waliin tahuun akka malee dararuun ajjeesan to'annoo jala ooluu poolisiin magaala Finfinnee beeksise.
Daa’imni maqaan isaa Bessuufiqaad Taammiraat jedhamuu fi umuriin isaa ganna torba tahe, kan dhalate yeroo hariiroo jaalalaa yeroo gabaabaa harmee isaa fi abbaa isaa gidduu tureeni jedha ibsi Poolisiin Magaala Finfinnee fuula Feesbuukii isaa irratti maxxanse.
Harmeen isaa erga deessee qormaata hedduu keessa tahuun qofaa ishee hanga umuriin isaa wagga jahaa fi ji’oota muraasa tahutti guddisteetti.
Haa tahu malee, jireenyi itti ulfaannaan ilmi ishee akka ishee waliin hin rakkanneef jettee gaafa Adoolessa 18 bara 2015 abbaa isaatti kennite.
Ofii ishee ammoo daandiitti bahuun kadhachuun jiraachuu jalqabde jedha ibsi poolisii kun.
Daa’imni Bessuufiqaad jedhamu jireenya fooyya’aa barbaacha gara mana abbaa isaa haadha warraa biraa fuudhee jiraatuu dhufus haalli hunduu akka eegame hin taane.
‘’Abbaa isa dhalchee fi haati buddeenaa isaa yeroo yerootti isa reebu. Caancalaan hidhamee dararamaa ture. Miidhaa xiinsammuu irra gahe irraa kan ka’e bobbaa isaa qabachuu dadhabullee reebichi irraa hin dhaabbanne.’’
‘’Bobbaa to’annoo isaa ala tahee bahuu fi nyaata garaa isa taa’uu didee ol isa deebisu akka deebisee arraabu godhamaa ture,’’ jedha ibsi poolisii.
Dararaa kun hundi abbaa isa dhalchee fi haadha buddeenaa isaan irra gahaa ture.
Onkoloolessa bara 2016 A.L.Itti reebicha isa irra gahe irraa ka’uun of wallaalee yoo kufu abbaan isaa fi haati buddeenaa isaa baatanii gara buufata fayyaa geessan.
Buufata fayyaa kan gahan garuu erga lubbuun isaa darbee ture.
Lubbuun isaa darbuu yoo itti himamu abbaan isaa fi haati buddeenaa isaa saaxinii reeffaa binnee dhufna jedhanii bahanii achumaan hafan.
Eeruun kun kan dhaqqabe poolisiin magaala Finfinnee shakkamtoota hordofee to’anno jala oolchuun qorannoo irratti gaggeessaa jira.
Reeffi daa’ima Bessuufiqaad deeggarsa oollaa isaanii fi namoota naannoo sanaan kabajaan bataskaana Madiyanalemii Qacaneetti awwalameera.
Ji'a Adoolessaa darbe yakka ajjeechaa daa'imanii wal fakkaataan magaalaa Shaggar, Buraayyuu keessatti haadha buddeenaan raawwatee ture.
Dubartiin dhihoo magaalaa Finfinnee, Buraayyuutti daa'imman obbolaa ta'an lama haala sukkanneessaan ajjeesuun himatamte Manni Murtii Magaalaa Shaggar adabbii du'aa itti mure.
Yakki kuni ALI Ebla 27, 2015'tti Magaalaa Shaggar, Kutaa Magaalaa Buraayyuutti iddoo isaan rafanitti raawwatame.
Dubartiin haadha buddeenaa daa'imman kanaati jechuun galmee poolisii keessatti eeramte Tigist (Nagaasee) Kabbadaa jedhamti.
Yakkamtuun kuni sibila qara qabuun morma murtee ajjeesuun, eegasiis gubuun himata irratti dhihaateen badiin irratti argame.
Akka poolisiin BBC'tti himetti, dubartiin kuni abbaa warraa ishee Obbo Geetahuun Baalchaa haaloo bahuuf ijoollee kana ajjeeste.