Piroofeesarri US ji’a lamaa ol bishaan jala jiraachuun rikordii cabse

Jooseef Dituuri

Madda suuraa, Reuters

Maxxanfame

Qorataan US tokko, dhiibbaa qilleensaa hin mijeeffamiin yeroo dheeraaf bishaan jala jiraachuun rikoordii addunyaa harkatti galfate.

Jooseef Dituuri, hara Filooridaa, Kiiy Laargootti argamuu fi gadi fagenyaa meetira sagal qabu jala jiraachuun guyyootii 74 ol dabarseera.

Ammatti dhaabuuf karoora hin qabu. Dilbata akka dubbateetti, Jules' Undersea Lodge keessa yoo xiqqaate guyyootii 100’f turuuf fedha.

“Fedhii fi dheebuu an argannoof qabutu gara kana na fide,” jedha.

“Guyyaa tokkoffaa irraa eegalee karoorri koo, dhaloota dhufu, saayintistoota lubbu-qabeeyyii bishaan jalaa qoratanii fi kanneen nannoolee cimoo keessatti qaamni dhala namaa akkam ta’a kan jedhu baruu fedhaniif fakkeenya ta’uudha,” jedha.

Yeroo dheeraa bishaan jala jiraachuuf kana dura rikoordii kan qabatee ture, bara 2014’tti piroofesaroota lama kan loojiima kana keessa guyyootii 73’f hara jala jiraataniidha.

Loojiin kun, akka doonii bishaan jalaa (submarine), teeknolojii dhiibbaa qilleensaa bishaan jalatti dabalaa deemu ittiin to’atu hin qabu.

Piroofesar Dituurii – kan maqaa masoo Dr Deep Sea (Dr Galaana Gadifagoo) jedhamuun beekamu – imala isaa kana kan jalqabe Bitootessa 1 Loojii Bishaan Jalaa Juulsitti, kutaa xiqqoo hara kana jala dhumarra ta’ee jiru keessatti.

Dr Joseph Dituri

Madda suuraa, FLORIDA KEYS NEWS BUREAU

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Sagantaa Project Neptune 100 jedhamu kanaaf, piroofessarri Yunivarsitii Filooridaa Kibbaa kun, dhalli namaa yemmuu dhiibbaa qilleensaa cimaaf yeroo dheeraaf saaxilamu, qaamni isaa deebii akkamii qabaata kan jedhu qorachaa jira.

Qorattoonni qorannoo meedikaalaa adda addaan fayyaa qaamaa fi yeroo dheeraaf qofaa bakka tokko keessatti itti cufamee turuun dhiibbaa xiinsammuu akkamii geessisa kan jedhu adda baasuuf gameessa ganna 55, Dr Dituurii qorachaa jiru.

Turtiin bishaan jalaa kun piroofesara kana hojii idilee isaa irraa isa hin qabne. Prof Dituurii- kan wagga 28’f qondaala humna waraanaa bishaanii ykn Navy ture – bishaan hara kanaa jala osoo jiraatuu intarneeta fayyadamuun, barnoota baayoomedikaal injinariing barsiisuu itti fufeera, akka Yunivarsitiin Filooridaa Kibbaa jedhutti.

Yeroo isaa guutuun dabarsuuf, piroofeessarri kun barii sa’aatii 11’tti hirriiba irraa dammaquun ispoortii hojjeta.

Garaa qullaa akka hin taaneef ammoo nyaata pirootiiniin badhadhe akka hanqaaquu fi qurxummii saalman jedhamu, maayikirooweev isaa keessatti ho’ifatee nyaata.

“Jireenya bishaan alaa keessaa wanti ani yaadeeru aduu argachuudha,” jechuun AP’tti himeera.

Dr Joseph Dituri

Madda suuraa, FLORIDA KEYS NEWS BUREAU