Dubartiin guyyaa shaniif bosona keessatti danqamte wayinii qaruuraa tokkoon lubbuu turfatte

Qaruuraa waayinii

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Dubartiin lammii Awustiraaliyaa ganna 48 bosona keessatti guyyaa shaniif danqamte, mi'ooftuu nyaachuufi wayinii qaruuraa tokkoo qofaan lubbuu turfatte.

Liliiyaan Ayiip imala gabaabaaf ture kan Dilbata manaa baatee bosona bulchiinsa Viiktooriyaa jiru keessa kutaa turte.

Daandii dogoggoraarra erga deebiite booda garuu karaatti baatu dhabde, konkolaataan ishee ammoo dhoqqee keessatti danqame.

Aadde Ayiip nama dhugaatii hin dhugne yoo taatu-wayiniin qaruuraa tokko qabatte kennaaf kan qopheessite ture.

Halkan shan bosona keessa erga dabarsiteen booda hojjettota yeroo balaatu gaafa Jimaataa ishee argate.

''Gaafa na argan waanti jalqaba sammuu kootti dhufe ''bishaaniifi tamboo dha,'' jette Aadde Ayiip af-gaaffii 9News Australia waliin taasifteen. ''Galata rabbii poolisiin tamboo naa qabattee turte,'' jette.

''Achitti waanin du'u natti fakkaatee ture. Gaafa Jimaataa qaamni koo hojii dhaabee ture,'' jette, ''ofirrattis abdii kuteen tures,'' jechuun ibsite.

Lubbuun hin argamu jettee waan yaaddeef maatiishee akka isaan jaallattuu xalayaa barreessiteefi ture.

Aadde Ayiip magaalaa itti dhihoo jirturraa km60 fagaattee kan danqamte tahus sababa rakkoo fayyaa qabduuf lafoo deemuu hin dandeenye, kanaafis konkolaataa ishe keessa turtee jedhe poolisiin Viiktooriyaa.

Mi'ooftuuwwan xiqqoo fi waayiniin qaruuraa tokkoon alatti bishaan hin qabanne ture.

''Dhangal'aan tokkichi isheen qabattee turte waayinii haadhasheef bitte ture, garuu isaan beela baate,'' jedhe buufata poolisii Wodoongaatti Saajiin Maartiin Toorpii

''Konkolaataa ishee keessa taa'uuf murteessuufi gadi baatee asii fi achi deemuu dhiisuun poolisiin akka ishee argatu gargaareera,'' jechuunis hime.

Aadde Ayiip hanqinni dhangal'aa qaamaa ishee mudateera yoo taheef akka wal'aanamtu hospitaala geeffamtullee, booda garuu gara manashee Meelbarnitti deebiteetti.