Zimbaabween qaala’insa to’achuuf saantima warqee hojiirra oolchite

Madda suuraa, Getty Images
Baankiin Giddugalaa Zimbaabwee qaal’insa akka malee dabale to’achuuf jecha saantima warqee irraa tolchame hojiirra oolche.
Gatiin dhala baankii gidduugalaa biyyattii baatii kana dachaan dabaluun %200 gaheera. Gatiin qaala’insa waggaa immoo gara dhibbeentaa 190tti guddateera.
Saantimni tokkoon tokkoo ishee gatii gabaa addunyaa warqee bicuu(gm 28) fi dhibbeentaa shan immoo gatii oomishaan tilmaama argatti.
Gaafa Jimaata warqeen bicuun doolara 1,724 baasaa ture.
Saantima warqee kana jijiirraa gahaa yoo qabaatan suuqiiwwan keessatti fayyadamuun ni danda’u akka bulchaa baankii giddugala Zimbaabwee jedhanitti.
Saantimni kunis maqaa "Mosi-oa-Tunya" jedhu argateera hiiktisaas ‘’aara sagalee guddaa qabu,’’ jechuu dha. Maqichis finca’aa Viiktooriyaa biyyoota Zimbaabwee fi Zaambiyaa gidduutti argamurraati moggaafame.
Gatiin doolaaraa Zimbaabwee bara kana qofa qarshii biyyoota kaanirraa birqabaan baayyee gadi-bu’eera.
Rakkoon diingadee hogganaan duraanii biyyattii waggoota 40 siiqaniif bulchan dhiisanii darban ammallee itti jira.
Qaal’insa akka malee dabaluun biyyattiin bara 2009 keessa maallaqashee dhiistee doolaara Ameerikaa akka fayyadamtu taasiseera.
Yeroo rakkoon kuni hammaatee turtetti mootummaan biyyattii gatii qaala’insaa beeksisuu dhiisee ture. Akka odeeffannoon garaagaraa himanitti garuu bara 2008tti gatiin qaala’insaaa seeksiitiliyoona 89.7 gahee ture.
Yeroos nootiin baankii doolaara Zimbaabwee biiliyoona dhibba tokkoo qabaachuun diinagdeen akkaan gadi-bu’uu agarsiiseera.
Maallaqni waggaa kudhan boooda hojiirra ooles saffisaan gatii dhabaa jira.















