Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Daangaan sa'aatii magaalaa Gambeellaatti kaa'amee ture ka'e
Magaalaa Gambeellaatti sa'aatiin itti bakka tokkoo gara biraatti socho'uu torban tokko dura daangeffamee ture ka'uu isaa Biiroon Komunikeeshinii naannichaa beeksise.
Itti-gaafatamaan Biiroo Ugutuu Odiing ibsa kennaniin, naannichi waan tasgabbaa'eeruuf daangaan sa'aatii itti socho'an yeroodhaaf kaa'amee ture kaafameera jedhan.
Sababa sa'aatiin itti socho'an daangeffamee tureef konkolaataa humnoota nageenyaafi ambulaansiirraa kan hafe warra gommaa sadii (baajaajii) dabalatee konkolaataawwan dhorkamuu isaaniitiin hawaasni rakkachaa turuu himan aanga'aan kun.
Yeroo ammaa kana magaalattii keessa humni nageenyaa gahaan waan jiruufi hanga tokko nagaan waan bu'eeruuf sa'aatiin sochii daangeffamee ture kaafamuu isaa ibsaniiru Obbo Agutuun.
Sa'aatiin itti socho'an kan daangeffameef haala magaalaa Gambeellaa keessa jiruun walqabatee "sochiiwwan seeran alaa to'achuudhaaf" ta'uu isaa Waajirri Dhimmoota Komunikeeshinii Mootummaa Gambeellaa ibsa guyyoota dura baasee tureen beeksiseera.
Kana hordofees magaalaa Gambeellaa keessatti ambulaansiifi koniolaataa humnoota nageenyaarraa kan hafe sochiin namootaafi kankolaataawwan kamiiyyu halkan sa'aatii 2:00 boodaa hanga ganama barii 11:30tti socho'uun dhorkamee tureera.
Ji'a Waxabajjii darbe keessa Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO), kan mootummaan shororkeessummaan farrajeeru hidhattoota Adda Bilisummaa Gambeellaa waliin magaalaa Gambeellaa keessatti haleellaa gaggeessuun sa'aatiiwwan hanga ta'eef magaalatti gar-tokkoon to'atanii turan.
Yeroo sanatti tarkaanfii humnoonni nageneyaa naannichaa fudhadhe jedheen hidhattoota kanneen magaalaa keessaa baasuun kan danda'ame yoo ta'u, haleellaa sanaan walqabatee namoonni baayyeen ajjeefamuun isaanii himameera.
Obbo Ugutuun sa'aatiin itti socho'an daangeffamee ture ka'uu hordofee ibsa kennaniin, magaalatiin gara duraan turtetti deebiyuu himuun, hawaasni of eeggannoo akka taasisuufi waanta hin baramne yeroo argutti qaamoleen nageenyaaf eeruu akka kennuuf hubachiisaniiru.
Torban darbe keessa magaalaa guddoo naannoo Beneshaangul Gumuz, Asoosaa keessattis haaluma wal fakkaatuun sa'aatiin itti socho'an daangeffamuun isaa ni yaadatama.