Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Seenaa keessatti maqaa keenya barreessuu barbaanna- Arteettaa fi Eneriikee
Arsenaal walakkaa xumura Shaampiyoonsi Liigii gahuun ''seenaa gaariidha'' garuu warri 'Gunners' kana caalaa hojjechuutu irra jiraata jedhe Mikel Arteettaan.
Arteettaan PSG keessummeessuu isaan dura taphni kun ''tapha baay'ee guddaa dirree Emireetis irratti gaggeeffamudha'' jechuun ibse.
Deeggartoonni keenya kubba hundayyuu numa wlaiin taphachuu qabu. Yoo taphattoonni kubba tuqan akka waan waliin taphataa jiraniitti deeggarsa adda tahe agarsiisuu qabu jedhe.
Arsenaal shaampiyoonaa bara darbee Riyaal Maadirid galchii waliigalaa 5-1'n injifachuun walakkaa xumuraaf darbe.
Amma xumura waancaaf darbuuf kileba Faransaay, akkuma Arsenaal waancaa Shaampiyoonsi Liigii injifatee hin beekne, PSG keessummeessu.
Arsenaal tapha marsaa jalqabaa Shaampiyoonsi Liigii bara kanaan PSG 2-0 mo'achuun isaa ni yaadatama.
Arsenaal walakkaa xumuraaf yeroo dhumaaf kan gahan bara 2009 ture. Yeroo sana maanchister Yuunaayitiditu 4-1 tapha dhaqaa galaan mo'atee kuffiise.
Arsene Wenger jalatti bara 2006 xumura waancaaf dhaqabuun Baarseloonaadhaan mo'amanii dhaban.
Tarii baranas carraa deebi'anii walargauu jiraachuu mala.
''Seenaa hojjechuun akkam akka namatti tolu miira isaa argaan jira. Kileba kana keessa namoonni waggaa baay'ee hojjetan jiru. Garuu waancaa kana mo'atanii waan hin beekneef sadarkaa kana irra gahuun kabajaa akkamii akka qabu sitti agarsiisa'' jedhe.
''Seenaa hojjechaa jirra. Amma kun seenaa baay'ee miidhagaadha. Garuu kana caalaa mo'achuutu nurra jira.''
Arsenaal bara kana taphattoota akka Bukaayoo saakaa, Kaayi Haaverti, Martin Odeegaardi fi Been waayit yeroo adda addaatti miidhamaan dhabuun isaa qabxii Piriimer Liigii keessatti isa miidheera.
Taphoota Piriimer Liigii afur darban keessaa tokko qofa waan mo'ataniif taphoonni afur osoo hafanii Liiverpuul shaampiyoonaa tahe.
Garuu Shaampiyoonsi Liigii keessatti marsaa jalqabaas taphoota saddet keessaa jaha mo'ataniiru.
PSV ammoo galchii waliigalaa 9-3 mo'atanii darbuun isaanii Arsenaal dorgommii kana keessatti cimina akkamii akka qabu namatti agarsiisa.
''Kileboota jajjaboo afur Awurooppaa keessaa tokko taanee as gahuun keenya xiinsammuu,kutannoo fi tokkummaa akkamii akka qabnu sitti hima.''
Mikel Merinoo fi Been Waayit shaakalatti deebi'uun isaanii Arteettaaf oduu gaariidha.
Arteettaan taphattoonni isaas tahe deeggartoonni Arsenaal isa kan Riyaal Maadrid irratti agarsiisan caalaa qophii addaa akka taasisan gaafateera.
Arteettaan Arsenaal waliin waancaa FA Cup tokko qofa bara 2020 mo'ate.
Seenaa keessatti maqaa keenya barreessuu barbaanna- Luwis Eneriikee
Paaris Seent Jarmeeyin marsaa jalqabaa Shaampiyoonsi Liigii irratti yeroo Arsenaaliin mo'amu dorgomtoota ciccimoo Chaampiyoonsi Liigii irraa fagoo kan jiru fakkaata ture.
Yeroo sana tapha tokko qofa mo'achuun sadii mo'amanii, sadarkaa 15ffaan xumuruun tapha mo'atanii darbuu kilebuma Faransaay biraa Biresti waliin taphachuun galchii dhaqaa galaan 10-0 mo'atanii darban.
''Isa yeroo Arsenaaliin mo'amneerra garee adda tahetu amma ijaaramee jira'' jedhe Luwis Eneriikeen.
''Tapha sana irra deebi'ee ilaalee jijjiirama jiru argeera. Akkan yaadutti kan keenyatu garee cimaadha. Yeroo dorgommii qabnu hundaatti tapha sana itti agarsiisuun irratti hojjechaa turre.''
Jalqaballee kufaatii keenya jedhee fudhadheen ture. Booda yoon ilaalu garuu achirra dhaabbannee akka fooyyessinuuf nu gargaareera jedhan leenjisaan PSG.
''Amma nuyi garee waan hundaan guutuudha. Seenaa kubba miilaa keessatti maqaa keenya barreessuu barbaanna'' jedhan.
PSG osoo taphoonni isa hafanii shaampiyoonaa Liig1 tahuu torbanota darbe keessaa mirkaneeffate.
PSG taphattoota urjii akka Meesii, Neyimaar fi Imbaappee erga gaggeessee yeroo jalqabaaf waancaa Shaampiyoonsi Liigii mo'achuuf xumuratti dhiyaateera.
PSG kileba cimaan mo'atee darbe Liiverpuulii fi Aston Viilaadha. Birqabaan yoo ilaalle Arsenaal tapha kana irratti carraa gaarii qabaachuu mala.
Leenjistoonni lameen lammiiIspeen yoo tahan falaasama kubba waliis haala gaariin beeku. lameenuu Baarseloonaaf taphataniiru. Arteettaan garuu yeroo ijoollummaa isaati. Enerikeen taphattummaa hanga leenjisummaa Baarseloonaa keessatti beekama.